Koronaavaayiras: Talaalliin Covid-19 yaaliirra jiru bu'aa abdachiisaa argamsiise

Talaalliin Covid-19 Yuunvarsiitii Oksifoordiin yaalamaa jiru dandeettii qaamni dhibee kana ofirraa ittisuu akka uummatu gochuurratti bu'aa abdachiisaa ta'e argamsiiseera. Talaalliin kun miidhaa maddee baayyee yaaddessaa ta'e akka hin qabnellee himameera.

Talaalliin argame kun namarraan otoo miidhaa hin qaqqabsiisiin madinummaa qaamaa (dandeettii qaamni itti dhibee ofirraa lolu) shaakalchiisa/leenjisa.

Yaalii talaalli kanaarratti namoonni 1,077 kan hirmaatan yoo ta'u, qorichi kun namootni madinummaan qaamasaanii farraa qaama alagaa akka tolfatuu fi seelonni dhiiga adiisaanii koronaavaayirasiin akka lolu gargaarera.

Argannoon kun abdii qabeessaa ta'ullee, ammatti vaayirasicha guutummaatti qolachuuf dhiisuusaa mirkaneessuuf qorannoo guddaan qoratamaa jira.

UK'n garuu ammayyuu talaallii namoota miliyoona 100'f barbachisu akka qophaa'uf ajajjeetti.

Talaalliin kun akkamitti hojjata?

Talaallin kun ChAdOx1 nCoV-19 jedhamee kan waamamu yoo ta'u, saffisa addaatiin hojjatame.

Talaallichi kun qaccee sanyii vaayirasii utaalloo Chimpaazii namtolchee irraa ka'uun hojjatame.

Caaseffamni qaccee sanyiisaa dhibee kanaa yeroo jijjirametti akka nama hin qabne taasisuun koronaavaayirasii fakkeeffamee hojjatame.

Saayintisoonni akka jedhanitti, talaalliin kun ajaja qaccee sanyii koronaavaayirasiin seelota namaa weeraruuf itti fayyadamu jijjiruun kalaqame.

Talaallin kun koronaavaayirasii fakkaatus, madinummaan qaama namaa akkatti ofirraa qolatu shaakalchiisa.

Talaalliin bu'a qabeessaa ykn milka'aadha jedhame kun farreen qaamoota alagaa fi ijaarsa ittisa dhibeewwanii T-cells jedhaman dammaqsu.

Farreen qaamota alagaa fi Seelonni -T maali?

Talaalli koronaavaayirasii argachuuf qorannoon gaggeeffaman keessatti xiyyeeffannoo guddaan kan argate waa'ee farreen qaamota alaagaati.

Haata'u malee, isaan humna ittisa qaamaa qofaaf fayyadu.

Farreen qaamota alagaa pirootinii xiqqoo sirni madinummaa qaamaa dirra vaayirasichaarratti qabsiisu.

Seelonni -T jedhaanimmoo gosa seelota dhiiga adii sirna ittisa qaama walitti qindeessaanii fi qaama seelii hubame adda baasuun dhabamsiisaniidha.

Hammi seelonni- T jedhamanii kan dabalu erga namni tokko talaalame guyyoota 14 keesatti, hammi farreen qaamota alagaa garuu guyyoota 28 booda dabalu.

Ammaaf qorannoon kun yeroo dheeraa keessatti madinummaa qaamaarratti jijjirama dhufu hin agarsiisu.

Talaalliin kun miidhaa xiqqaa qabaachuurra kan darbe bu'a qabeessa.

Namoota talaalli kana fudhatan keessaa harki 70'n dhukkubbii mataa ykn gubaatii qaamaa qabaachuurra kan darbe miidhaan cimaan irra hin qaqqabne.

Qorattoonni isa kanammoo qoricha parastaamoliin to'achuun ni danda'amaa jedhan.

Pirofesar Saraah Gilbert Yuunvarsiitii Oksfoordi UK ogeettiin qorannoo akka himanitti, otoo talaalliin kun weerara Covid -19 to'achuuf gahaa ta'uu hin mirkaneessiin, hojiin hojjatamuun hafe jiraachuu dubbatan.jalqabbiin jiru garuu abdachiisaadha jedhan.