Dubartii gosa koronaavaayirasii isa jalqabaa argatte

Dubartiin gosa koronaavaayirasii isa jalqabaa argattee intala shufeera lammii Iskootlaandi, umurii ishee ganna 16'tti barumsa adda kuttee turtedha.

Dubartiin Juun Almeeyidaa jedhamtu kun namoota jalqabaa vaayirasii suuraan agarsiisuu danda'an keessa jirti, wayita weerarri koronaavaayirasii haaraa addunyaa raasaa jirutti hojiin ishee hedduu yaadatamaa jira.

Covid19 dhukkuba gosa koronaavaayirasii haaraa kan Dr Almeeyidaan bara 1964 laaboraatoorii hospitaala Seent Toomaas magaalaa Landan jiruutti argatteen wal fakkaatuun dhufudha.

Vayiroolojistiin kun bara Waxabajjii bara 1930 Iskootilaand Kaaba Baha Gilaasgootti dhalatte.

Barnoota idilee osoo hedduu hin baratiin barumsa adda kuttee laboraatoorii magaalaa Gilaasgoo keessa jiru tokko keessa hojjechuu eegalte.

Booda gara Landan imaluun bara 1954 artistii lammii Veenzuweelaa tokkotti heerumtee hojii ishiif cimsitee itti fufte.

'Qorannoo Qufaa'

Dubartiin kun ogummaa mayikirooskoppii elektirooniitti dhimma bahuu kan gabbifatte erga gara Kaanadaa imaltee Inistiitiyuutii Qorannoo Kaansarii Ontaariyoo keessa hojjechuu eegalteen booda ture.

Achitti mala vaayirasii ittiin arguun danda'amu tolchite.

Hojiin ishii UK keessatti beekamtii argatee jennaan bara 1964 Landanitti deebitee hospitaala wayita dhiyeenya kana MM UK koronaavaayirasiin qabaman itti yaalaman Seent Toomaas keessatti hojjechuu eegalte.

Nama Dr Deeviid Tiriil jedhamu wajjiin ta'uun dhukkuba qufaa ykn 'common cold' jedhamu irratti qorannoo gochuu eegalte.

Gareen qorattootaa Dr Tiriil dhangala'aa funyaan keessaa bahu qorachaa turan vaayirasii qufaa waliin hidhata qabu argatan.

Goosti ykn saamudni vaayirasichaa B814 jedhame yeroos moggaafaame kun daa'ima mana barnootaa bultii keessatti barattu tokkorraa kan fudhatame ture.

Vaayirasichi mallattoo qufaa namarraa namatti kan dabarsus ture.

Dr Tiriil vaayirasiin kun maayikirooskoppii elektirooniin ilaalamuu danda'aa laata waan jedhuun saamuda isa Juun Almeeyidaaf ergan.

Juun vaayirasicha maayikirooskoppiin yoo ilaaltu vaayirasii utaalloo fiduun wal fakkaata garuua ammoo tokko akka hin taane hubatte.

Yeroos yeroo jalqabaaf gosa vaayirasii amma koronaavaayiras jedhamuu akka ta'e adda baafatte.

Haa ta'u malee suuraan koronaavaayirasii isheen yeroos qopheessite "suuraa badaa vaayirasii utaallooti" jechuun ogeeyyiin harkatti kuffisanii turan.

Argannoo barruu meedikaalaa Biritish irrattikan maxxanfame bara 1965 ta'us suuraan vaayirasichaa isheen qopheessite waggoota lama booda ture barruu 'Joyurnal of General Virology' jedhamu irratti kan maxxanfame.

Suuraan qopheessite gonfoo ykn 'crown' waan fakkaatuuf booda moggaasni koronaavaayiras jedhamu nama yeroos hogganaa hospitaala Seent Tomaas ture pirofeesar Toonii Watarsan jedhamuun kennameef.

Dr Almeeyidaa boodarra mana barnoota fayyaa Landanitti digirii doktorummaa fudhatte.

Inistiitiyuutii Wellcome jedhamu keessattis qorannoo vaayirasii suraan mul'isuun mirga abbeentaa hedduu argatteetti.

Gidduutti barsiistuu Yoogaa taatee kan turte Dr Almeeyidaan qorannoo vaayirasiitti deebitee bara 1980moota keessa yeroo vaayirasiin HIV dhalatu suuraan mul'ifamuu akka danda'u gorsa kennaa turte.

Bara 2007 umurii ishee ganna 77'tti addunyaa kanarraa du'aan boqotteetti.

Du'a ishii ganna 13 booda sababa gosti koronaavaayirasii haaraa dhalateef, gumaacha gosoota vaayirasii kanaa hubachuun akka danda'amu gumaachiteef maqaan ishii kaafamaa jira.