Koronaavaayirasii: Ameerikaan 'yeroo dhiyootti sochii idileetti deebiti' jedhan Tiraamp

Pirezedantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp weerarrii dhibichaa sadarkaa olaanaarra ture gadi cabuu eegaluusaatiin kutaaleen biyyatti cufaman deebi'anii akka banamuuf jiran dubbatan.

Ragaaleen biyyaalessaa kana mul'isu jedhan.

Biyya keenya deebifachuu barbaanna kan jedhan pireezidantichi 'rakkoo kanarraa bayyanannee gammachuun deebina, hundi keenya' jedhan.

Ameerikaatti namooti vaayirasichaan qabaman 638, 000 namoonni lubbuu dhaban ammoo 30,800 guutaniiru.

Ragaaleen biyyaalessaa keenya lakkoofsi namoota haaraa vaayirasichaan qabamanii sadarkaa olaanaarra gahee darbuu ykn gadi bu'uu eegaluu agarsiisa jedhan.

Tiraamp kana haa jedhan malee Ameerikaan lakkoofsa namoota Covid19'n guyyaa tokkotti du'anii olaanaa galmeessiste.

Sa'aatii 24 darban qofa namoota 2600'tti siqantu du'e. Kuni biyyattii qofaaf osoo hin taane addunyaafuu lakkoofsa namoota guyyaatti du'anii isa olaanaadha.

Tiraamp akkamitti Ameerikaan addunyaarratti lakkoofsa namoota lubbuu dhabanii olaanaa akka galmeessisu dandeesse gaafatamanii, biyyoonni biroo ni sobu jedhanii Chaayinaa maqaa dhahan.

'Namooni lakkoofsa namoota miidhamanii biyyoonni kun himan amanu jiraa?' jechuudhaan gaafatan.

Kalessaa wayita gaazixessitootti himan 'jijjirama guddaa galmeessifna" jedhanii akka abdatan Tiraamp kan dubbatan.Kana malees, gabaasa hin qulqulloofne koroonaavayirasiin jalqaba laaboratorii magaalaa Wuhaan keessaa bahe jedhu Ameerikaan ilaalaa jirtii jedhan.

Midiyaaleen Ameerikaa akka gabaasanitti yoo ta'e, Imbaasiin Ameerikaa Beejing jiru of-eeggannoon laaboraatorii lama Wuhaaan keessatti argamanii yaaddeessaadha.

Qondalonni basaasaa Ameerikaa garuu vaayirasichi namatu tolche osoo hin taane akkanumaan umamuu akka hin oolle amanu.

Bulchiinsi Tiraamp duraan kutaalee biyyatti cufaman Caamsaa jalqabaarra akka banaman yaada qaba ture, amma garuu sana dursanii sochii idileetti deebi'uu danda'u jedhan Tiraamp.

Deebisaanii banuun balaa hin fiduu? jedhamanii gaafatamnaan, cufaa tursiisuunis namni du'eera jedhanii deebisan.

Lammileen Ameerikaa miliyoonaatti lakka'aaman sababa biyyattin cufaa turteen hojii dhabanii, hojii dhabdummaanis dabaleera.

Dinagdeen biyyattis qorruusaatiin walqabatee namni lubbuu ofiisaa balleessu hedduumachuus walqabsiisanii dubbatan.

Kutaalee biyyattii akka Michigaan keessatti ammoo lammileen hedduun sochii idileetti deebi'uu qabna jechuun hiriira bahaniiru.