Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koronaavaayirasii: 'Abidda boba'aa jirutti beenzila akka naquuti' - hakiima Itoophiyaa Niwu Yoorki jirtu
Dr Tsiyoon Fireewu jedhamti. Hakiima ispeeshaaliistii kutaa dhibee tasaa akkasumas ispeeshaaliistii fayyaa hawaasaati. Wayita ammaa hospitaalaa magaalaa Niwu Yoorki keessa jiru tokko keessatti namoota koronaavaayirasiin qabaman wal'aanaa jirti.
Barnoota sadarkaa lammataa fi yuunivarsiitii achuma Ameerikaatti kan baratte Dr Tsiyoon, Ministeera Fayyaa Itoophiyaatti gorsituu imaammata dhibee tasaafi fayyaa hawaasaa ta'uunis ni hojjetti.
Ameerikaa keessaa akka malee vaayirasichaan kan hubamte magaalaa Niwu Yoorki keessa haalli wayita ammaa jiru daran ulfaataa ta'uu dubbatti Dr Tsiyoon.
Lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii 200,000tti siqeera, kan du'an ammoo 10,000 oli.
Akka hakiima kutaa dhibee tasaa ykn 'emergency'tti dirree waraanaa Iraaq dabalatee iddoo hedduu hojjechuufi wantoota hedduu arguu kan dubbattu Dr Tsiyoon, koronaavaayirasiin garuu hundarraa addadha jetti.
'Abiddarratti beenzila'
"Namootni akka malee dhibamanii dhufu. Isaan ciibsinee oksijiniin deeggaramanii akka hafuura baafatan, kaan ammoo hafuursituu ykn veentileetarii itti keenye yaalaa jirra," jetti.
"Namoota dhukkubsatanii dhufan kana, kan deemii mana keetti adda of baasii of yaali jechuunii dandeenyu miti."
Wanti baay'ee ulfaataan namooti kun akka malee kan dhukkubsatan ta'uu qofa osoo hin taane, lakkoofsi isaanii daran dabalaa jiraachuudha jetti.
"Abiddi guddaan tokko qabatee, osoo ati dhaamsuuf yaalaa jirtuu irraan beenzilli akka itti dabalamuuti haalli nuti keessa jirru."
Nuti hanga feenu dhaamsuuf tattaafannullee abidichi dabalaadhuma adeemaa jira jetti Dr Tsiyoon.
Kanatti dabalataan ammoo namooti si waliin dhaamsuuf tattaafatan yoo abidichaan si biraa nyaataman argita jechuun waahiloonni waliin hojjettu hedduun vaayirasichaan qabamanii hojii keessaa bahaa akka jiran himti.
"Baay'ee ulfaataadha, dhiibbaas qaba garuu of jajjabeessinee fuulduratti adeemuuf yaalaa jirra," jetti.
Dhukkubsattoota hunda qorachuun waan hin danda'amneef haala dhukkubsattootaa ilaalanii "vaayirasicha waan qabdan nutti fakkaata, mana keessan deemaatii guyyoota 14 adda baasaa of yaaalaa jennee namoota hedduu gara manaa deebisna," jetti Dr Tsiyoon.
Namoonni kunneen qufaa yoo qabaatan akkuma qufaa kaaniitti manatti of wal'aanuun, gubaa qaamaa yoo qabaatan qoricha gubaa qaamaa hir'isu fudhachuun manumatti of wal'aanuun bayyanachuun ni danda'ama jetti.
Haa ta'u male namoonni akkasii nama kaanitti akka hin dabarsine adda of baasuun barbaachisaadha jetti.
'Itoophiyaaf sodaan qaba'
Weerarri vaayirasii kanaa biyyoota sirna fayyaa ammayyaa akkasumas diinagdee jabaa qaban akka Ameerikaa fi Awurooppaa goolaa jira.
Kanaaf wanti kun biyyoota sirna fayyaa akkas jabaa hin taane ykn ammoo diinagdee jabaa hin qabneef sodaachisaa miti yoo jenne soba ta'a jetti.
"Vaayirasichi qoricha hin qabu, talaalliinis amma dura hin argamne. Meeshaalee namoota akka malee dhibamaniif barbaachisu ammoo nuti gahaa hin qabnu. Karaa kana yoon ilaalu sodaan."
Ariitii amma Ameerikaatti babal'ataa jiruun Itoophiyaa keessatti yoo mudate nama rifaasisa, nama sodaachisas, haa ta'u malee Itoophiyaafi Afrikaan warra kaan caalaa hiree gaarii qabu jetti.
Akka fakkeenyaatti Itoophiyaan sakatta'iinsa buufata xiyyaaraatti taasifamu Ameerikaa dursitee eegaluu himti.
Itoophiyaa dabalatee lakkoofsi uummata biyyoota Afrikaa dargaggeessi kan itti heddummatu ta'uun hiree biraati jetti.
Kana jechuun dargaggeessi vaayirasichaan hin qabamu ykn hin du'u jechuu osoo hin taane carraan vaayirasichaan du'uu manguddootarra xiqqaa ta'uu dubbatti.
Hiree guddaan Itoophiyaanis ta'e Afrikaan qabdu garuu amma dura vaayirasichi akka Ameerikaa fi Awurooppaatti babal'achuu dhabuudha jetti.
Kuni biyyoonni waan gochuu qaban osoo abiddichi hin qabatiin akka godhan 'foddaa hiree' qabanidha jetti.
Lammileen qajeelfamoota mootummaan dabarsu hojiirra oolchuun qooda isaanii bahachuu qabu jechuun dhaamti.
Keessaahuu lammileen dirqama yoo itti ta'e malee manaa bahuu dhiisuu, akkasumas dhimmoota hawaasummaa akka boo'icha, cidhaa fi amantiif wal gahuu dhiisuun murteessaadha jetti Dr Tsiyoon.
'Hanga mana nu seenutti eeguu hin qabnu'
Namni haganni qabame, haganni du'e jedhamee lakkoofsi nuti TV irraa dhageenyu ykn marsaalee hawaasaa irratti arginu lakkoofsuma qofa nutti fakkaachuu hin qabu jetti Dr Tsiyoon.
Hanga namni beeknu qabamutti ykn du'utti, darbees hanga vaayirasichi mana hunda keenyaa seenuutti eeguu hin qabnu jetti.
Amma qalbiin socho'uu dhabuun booda gati nu kafalchiisa jetti.
Lolli nuti itti jirru kan dirree waraanaa deemuu nu gaafatu ykn meeshaa waraanaa hidhachuu nu gaafatu miti jetti.
"Manuma keenya taa'uun, yoo manaa baane ammoo walirraa fagaachuun, harka dhiqachuun lola injifachuu dandeenyudha. Wantoonni akka goonu nutti himaman kunneen salphaa fakkaachuu malu garuu kanumaa ofirraa ittisna."
Namuu mana taa'uun koo maal bu'aa buusa, harka dhiqachuun koo maal jijjiira jedhee salphisee ilaaluu hin qabu jetti.
- LAKKOOFSA KALLATTIIN: Addunyaarratti lakkoofsi namoota COVID-19n qabamanii miiliyoona 1.5 caalee
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras