Koronaavaayiras: 'Amma akka duraanii maaskii takkaa fayyadamnee gatuu hin dandeenyu'

Namoota miiliyoona tokko ol akka addunyaatti koronaavaayirasiin qabaman keessaa garri caalu kan keessatti argamu Ameerikaan muddama keessa jirti.

Guyyaa dhuma kaleessaa namoota 2,000 olitu magaalaa Niw Yoork qofatti lubbuu dhabe.

Pirezidant Tiraamp hubaatii dhukkubni kun lammiilee irratti gahu xiqqeessuuf gargaarsa biyyoota biraallee gaafataniiru.

Biyya Ameerikaa hospitaala bulchiinsa Minesootaa keessa jiru tokko keessatti narsii ta'un hojjetaa kan jirtu ogeettiin fayyaa Huriyyaa Yohannis haala achi jiru BBC'tti himteetti.

Hospitaalli isaanii akkuma hosiptaalota Ameerikaa kaanii qophaa'us hanqina meeshaalee fayyaa akka qaban himti.

'Maaskii gahaa hin qabnu'

Ogeettiin kuni akka waliigalaa qophiin gahaa waan hin taasifamneef hospitaala isheen keessa dalagdu keessa muddamni uumamuu dubbatu.

Osoo qophiin jiraate hospitaalli tokko silaa maaskii baay'inaan ni qaba ture jetti Huriyyaan.

''Uffata ogeessonni fayyaa of eeggannoof godhatan hanqina qabna. Yoo kanaan dura maaskii tokko namuma tokkoof dhimma itti baanee kan gannu taate amma garuu gatuu hin dandeenyu.

''Al lamaan sadan hamma shaniitti akka dhimma itti baanu nutti himaa jiru,'' jechuun BBC'tti himte.

Hanqina meeshaalee fayyaaf Ameerikaan kan akka Chaayinaafi kaan irraa deeggarsa gaafattee turte.

Kanarra kan darbes, dhaabbileen konkolaataa oomishanillee meeshaa itti haafuura baafatan ykn ventileetarii jedhan akka oomishuu eegalan Piezidant Tiraamp ajajaniiru.

Dhukkubichi dursee Chaayinaatti waan mul'atef beekumsa Chaayinaa akka fayyadamaa jiraniifi Ogeessonni fayyaa dhibee biraa qaban akka hojii hin dhaqne akka gorsan himti Huriyyaan.

''Otuu mootummaan dafee wanta kana itti hin qaqqabini vaayirasiin kuni harkaa bahe. Dhuguma qophii hin qabnu."

Tajaajila akkamiitu kennamaa jira?

Hospitaalli isheen keessa dalagdu nama dhukkuba koronaavaayirasiin qabameef tajaajila gosa sadii akka kennu himti.

Tokko warra mallattoo salphaa qaban [mild syptoms], lama mallattoon kan jabaatee mul'atu [moderate symptoms], akkasumas sadaffaa mallattoo lubbuudhaaf hammaataa ta'e warra qaban [critical symptoms] jechuun qooddi.

Akka isheen jettutti namoonni %80 ta'an mallattoo laafaa mul'isu.

"Utaalloo, mataa bowwoo, ho'ina qaamaa agarsiistee yoo hafuurri kee hin ciccinne hospitaalayyuu koottu hin jedhamtu. Manuma turiiti of wal'aani. Qoricha ho'a qaamakee gadi buusu fudhadhu,'' gorsi jedhamu akka kennamuuf himti.

Ho'ina qaamaafi mataa dhukkubbii irratti hafuurri yoo ni ciccita ta'e oksijiniin waan barbaachisuufi hospitaala koottu siin jedhu jechuun dubbatti.

Warri mallattoo hammaataa lubbuudhaaf sodaachisaa qabaniifi dhukkuba biraa qabaniif immoo tajaajila biraatu jira.

''Dhukkuba gara biraa qaban irratti koronaan kuni dabalamee hafuura baafachuu dadhabanii maashinii veentilaatrii jedhamuutu hafuura baafataafi jechuudha,'' jette.

Haa ta'u malee, lakkoofsi dhukkubsattoota kanneen xiqqoo akka ta'e himti Huriyyaan. ''Yoo lamaan kana ta'e duwwaadha hospitaala kan dhufan.''

Hanga yoonaa koronaavaayirasiif qorichi waan hin jirref dhukkuba kaan dhukkubsattoonni kuni qaban yaaluun akka itti wayyaa'u godhu.

Kanaanis, akka itti hin jabaanne taasisu jechuun BBC'tti himte.

Yaaddoo

Biyya Xaaliyaaniifi biyyota kaan dabalatee dhukkubni addunyaa yaaddoo keessa galche kuni ogeessota fayyaa namoota gargaaruuf dhama'an hubeera.

Keessumaa Ispeenitti ogeessota fayyaa manaa manatti dhaqani wal'aansa kennan hubuu isaa biyyattiin kana dura ibsiteetti.

''Yaaddessaadha. Garuu gahee hojii keenyaa waan ta'ef namoonni manatti hafaa jiran hin jirani,'' jetti ogeettin fayyaa Huriyyaan.