Koroonaavaayiras: Wallaansa dhibee Covid-19 tiif gargaarsi addaa (ICU) maali? Eenyutu isa barbaachisa?

Ministirri Muummee UK Booris Joonsan kutaa gargaarsa addaa (ICU) hospitaala St Thomas Landan keessa jiru.

Waajirri isaanii Downing Street waan jedhe, gorsa hakimoota isaaniitiin ofeeggannoof jecha garasitti dabarfaman.

Gargaarsi ykn wallaansi addaa maali?

Kutaaleen ‘ICU’ jedhaman kun kutaa kunuunsaafi hordoffii cimaan, namoota garmalee dhukkubsatan, kophaatti iddoo itti wal’aanamaniidha.

Kutaalee kanneen keessa namoota muraasatu gala. Ogeeyyiin kutaalee kanneen keessa jiran garuu lakkoofsi isaanii kutaalee kaanirraa addatti olaanaadha – kunis namoota kanaaf hordoffiin barbaachisu otoo walirraa hincitiin akka godhamufi.

Kutaaleen kunneenis meeshaalee hordoffii adda tahe qabu.

Eenyutu wal’aansa addaa barbaada?

Dhukkubsataan tokko gargaarsa addaa argachuuf sababoota garagaraatu jira.

Dhukkubsattoonni gariin wal’aansa baqaqsanii hodhuurraa bayyanachuuf waan barbaachisuuf achi keessa galu. Kaan ammoo balaa cimaa kanneen akka balaa konkolaataarraa dandamachuuf achi keessa galu.

MM Booris kana achi keessa galan ofeeggannoof akka taheefi mallattoon dhukkubichaan irratti mul’ate waan hin foyyoofneefi jedhameera.

Koronaavaayiras somba miidhuu danda’a – ministirri muummichaas hafuura baafachuuf rakkachuu malu. Haga ammaa garuu maashina hargansuu fayyadamaa hin jiran.

Kunuunsa akkamiitu godhama?

Dhukkubsataan Koronaavaayiras ICU keessa jiru hunduu harganuuf maashina hin fayyadamu.

Gariin dhukkubsattootaa maashina hargansuuf gargaaru CPAP (continuous positive airway pressure) jedhamu fayyadamuu danda’u. Gosti maashinaa kun dhiibbaa qilleensaa giddugaleessa tahe gara sirna hargansuu namaa keessa, maaskii keessaan dabarsuun dhiibee galcha.

Mala kanaafis dhukkubsattoonni otoma dhagahanii (qorichaan otoo of hin wallaalchisiin) godhamaaf. Kanneen maashinni hargansuu barbaachisu garuu qorichaan akka of wallaalan godhama.

Dhukkubsattoonni ICU keecha jiran, maashinoota, ujummoowwan, sararoota shiboo garagaraan wal qunnamu. Kunis qaamni isaanii akkamiin dandamachaa akka jiru ilaaluuf gargaara.

Achis qorichoota dhangalaa’oo gama ujummoo dhiigaan kennaman, akkasumas yaaliiwwan garagaraa – nyaata dabalatee argatu.

Hospitaala St Thomas Landan keessatti argamu keessa maashinni ECMO (extracorporeal membrane oxygenation) jedhamu jira. Maashinni kun hojii onneefi sombaa bakka bu’uunis ni dalaga.

Maashinoonni akkasii muraasatu guutuu biyyaa UK keessa jira.

Kutaa kana keessa bahuu

Dhukkubsataan bayyanate oggasuu kutaa kana keessaa bahuun gara kutaa biro hospitaalicha keessa jirutti dabarfamu.

Kunis dhukkubsattoota biro wallaansa addaa barbaadaniif iddoo bana.

Dhukkubsattoonni muraasni guyyoota muraasa booda bahuu danda’u, kaan garuu torbanootaaf, yookaan ji’ootaaf achi keessa turuu danda’u.