Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koroonaavaayiras: Waa'ee meeshaa tibba Covid-19tti haalaan barbaadamu kanaa beektuu?
Meeshaan hargansuuf gargaaruu maaliif mootummoota addunyaa hamma kana isaan yaachise?
Meeshaan hargansuuf gargaaruu veentileetara jedhamu yeroo ammaa kanatti baay'ee barbaachisaadha.
Meeshaa kanas Tiraampii hanga Moodii, Juuseepee Koontee hanga Roohaanii, Maakiroon hanga Maduuroo baay'ee barbaadu. Maaliif?Deebiinsaa gabaabaadha.
Hargansuuf!
Gama biraatiin biyyoonni veentileetarii gahaa hin qabne lammiileesaanii heddu dhabuu danda'u.
Sababni isaas namni koronaavaayirasiidhaan qabame yoo dhukkubbichi itti hammaatu hundaa caalaa harganuu dadhaba waan ta'eefiidha.
Veentileetariidhaan yoo hin deeggaramu yoo ta'e osoo dhukkubsataan fayyuu danda'u du'aa jechuudha.
Meeshaan hargansuuf gargaaru kun akkamitti hojjataa?
Veentileetariin sirna hargansuu qaama keenna bakka bu'uun maashinii hojjatuudha.
Yeroo sombi keenya rakkoon mudatu veentileetarri kun jiraannaan abdii jiraachuu nutti horuu danda'a.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa akka jedhutti dhukkubsatoonni COVID-19 %80 ta'an osoo yaalli walxaxaan hospitaalaa isaan hin barbaachisiini fayyuu danda'u.
Ta'us garuu dhukkubsattoota jaha keessa dhukkubsataan tokko rakkoon harganuu isa mudata. Kunis kan ta'u vaayirasichi somba keenya waan miidhuuf.Yeroo kanatti veentileetarri hin jiru taanaan dhukkubsataa kana lubbuun baraaruun waan hin yaadamneedha.
Veentileetariin gosa lamatu jira:
- Inni jalqabaa Veentileetara makaanikaalaa
- Inni lammaffaan immoo veentileetara ujummoo hin qabnedha.
Veentileetarri makaanikaalaa qilleensi afaaniin akka seenu godhamee dhukkubsataan Kaarboon daayoksaayidii akka baasuu fi Oksijiinii akka galchu kan taasisuudha.
Veentileetarri ujummoo maleessi ( Non Invasive Ventilator) immoo ujummoo gara sombaa deemu kan hin qabne ta'us, waan afaaniifi funyaanirratti godhatamu qabaachuun kan hojjatudha.
Veentileetaroonni kunneen kutaa jiidhiinsa uuman qabu. Kana jechuunis ho'iinsaafi jiidhinsa gara qaama keenyaa seenu to'achuun haalli ho'iinsaa qaama keenyaatiif mijataa akka ta'u kan taasisuudha.
Yeroo kanatti dhukkubsattootaaf qorichi maashaan qaama sirna hargansuusaanii akka diriiru taasisu ni kennamaaf.
Dhukkubsattoonni mallattoo COVID-19 giddu galeessa qaban garuu veentileetara ujummoo maleessi qofti kennamuufi danda'a. Kunis gama afaanii fi funyaaniin dhiibbaan qilleensaa gara sombaa akka seenu taasisa.
- LAKKOOFSA KALLATTIIN: Addunyaarratti lakkoofsi namoota COVID-19n qabamanii miiliyoona 1.5 caalee
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras
Veentileetara akka koofiyaatti godhatamu
Injiinaroonni yuunivarsiitii Landan gittootasaanii Maarseediisi Formulaa- 1 waliin ta'uun maashinii haaraa hargansuuf gargaruu hojjachuuf yaaliirra jiru.
Omishni haaraa kun akka koofiyaatti kan godhatamu ta'ee guutuu fuula keenyaa kan dhoksudha.
Dhukkubsattoota Xaaliyaanitti COVID-19 argaman %50 ta'an irratti yaalii taasifameen qilleensi afaan irraa gara sombaa seenu ujummoo biraa galchuun osoo hin barbaachisini meeshaa hargansuu haaraa kanaan harganuu danda'aniiru jedhameera.
Meeshaaleen hargansuuf gargaaran hundisaanii gargaarsa ogeessaa malee du'a tasaa fiduu danda'u.
Biyyoonni meeshaa hargansuuf gargaaran meeqasaanii barbaachisa?
Meeshaalee hargansuuf garagaaran kan Tajaajjilli Fayyaa Biyyaalessaa Ingiliiz (NHS) yeroo ammaatti argaman 8175 qofa akka ta'e ifa taasifameera. Lakkoofsi kunis rakkoo amma dhufaa jiru waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu xiqqaadha.
Yoo xiqqaate 30,000 ni barbaachisa. Lakkoofsa kana milkeessuufis dhaabbileen Ingiliiz heddu tataafachaa jiru. Ingiliiz qofatti osoo hin taane dhaabbilee omishaa biyyoota hedduu "gara omisha veentileetariitti seena!" jedhamaniiru.
Hindii
Hindiitti eega namoonni biiliyoona 1.3 manatti galaa jedhaman booda omishni veentileetarii haala dabaleera.
Hindiyaa ummatashee biiliyoona 1.3'f meeshaan hargansuu gargaaru 48,000 qofadha. Kanneen keessaas isaan kamtu haalan akka hojjatan hin beekamu.
Ameerikaa
Dhaabbanni Kaalifoorniyaa meeshaaleen asiin duraa tajaajila dhaaban irra deebisee tajaajila akka kennan taasisuusaatiif jajamaa jira.
Dabalataanis dhaabbanni Inarjii jedhamu veentileetaroota 170 kan haaromsee gara hojiitti kan galchu.
Teeslaan gamasaattiin meeshaalee hargansuuf gargaaran 1255 dhaabbilee 3 irraa bituun bulchaa Niiw Yoorkiif kenneera. Niiw Yoork keessatti meeshaaleen hargansuuf gargaaran 30,000 ni barbaachisa.
Dhaabbata konkolaataa omisha Teeslaa qofa osoo hin taane Jeneraal Mootarisii fi Foordis omisha veentileetariirratti boba'aniiru.
Dhaabbanni 'Society of Critical Care' akka jedhetti Ameerikaan veentileetaroota hamma 960,000 ni barbaachisaan jedheera.
Biyyoonni akka Itoophiyaa gama fayyaatiin fageenya dheeraa hin deemne rakkoon guddaan isaan mudata jedhamee yaadama. Sababni isaas dhukkubsattoota jaha keessaa lubbu dhukkubsataan tokko baraaruuf veentileetariin waan barbaachisuufidha.
Biyyoonni baay'ee veentileetaroonni isaan qaban kan moofa'anii fi dhukkuba kanaaf kan hin madaalledha jedhamaara. Isaanis taanaan dhukkubsattoota dhukkuba biraatiin yaalarra jiraniif tajaajila kennaa jiru.
Baayi'inni ummataa Maalii miiliyoona 20 yoo ta'u baayi'inni veentileetarii biyyattiin qabdu garuu 56 qofadha.