Koronaavaayirasii: Sochiin konkolaataafi namootaa jiraattota Mooyyaleef sodaa ta’eera

“Daangaan kun hanga ammaatti gutummaan guututti hin cufamne. Akka magaalaa Mooyyaleetti sodaa cimaa qabna,” jedhu jirattotni BBCn haasofsiise.

Itoophiyaan daangaa lafoo biyyaalee ollaa walin qabdu erga cuftee bubultus sochiin namootaa fi konkolaataa daangaa Keeniyaa fi Itoophiyaa qaxxaamuruun taasifamu guutummaatti akka hin dhaabbanne jiraattotni magaala fi aanaa Mooyyalee himu.

Keessattuu sochiin konkolaataawwan lakkoofsa gabatee biyya Keeniyaa qaban sodaa dhibee Koovid19 itti uumuusaas dubbatu.

“Konkolaataan lakkoofsa gabatee Keeniyaa qabu gama Somaaleetin akka fedhe seenee baha. Namni to’atu hin jiru. Kaan kontrobaandii fidee Mooyyaleetti jigsa.

Asiimmoo boba’a mootummaan baasii addaa itti dabalee fidu fee’anii biyya Somaaliyaa fi Keeniyaa seenu” jedhu jiraataan aanaa Mooyyalee Obbo Boruu Godaanaa.

Sochii namootaa fi konkolaataa kanaaf sababni immoo eegumsi daangaa irratti taasifamu laafaa ta’u isaa akka ta’e jiraattotni aanaa Mooyyalee himu.

Keessattuu dhibeen Koovid19 magaala Keeniyaa dhiyeenya daangaa Itoophiyaatti argamtu Mandheeraa keessatti mul’achun isaa yaaddo isaani akka hammeesse jiraattotni fi angawootni dubbatu.

Konkolaataawwan dabalataan namootni kanaan dura hojii barbaacha gara Keeniyaa deemanii turanis hedduminaan gara Itoophiyaa seena akka jiran himama.

Sochiin namootaa kunis Keeniyaadhaa gama naannoo Oromiyaa fi Somaaleetin taasifamaa jiraachuu jiraattotni dubbatu.

Yaada garaagaraa lama…

Naannoo Oromiyaatti kantiibaan magaalaa Mooyyalee Obbo Fuugicha Dheengee “daangaan gama Somaaleetin jiru baay’inaan hin cufamne kan jedhu dhuguma. Dhibee Koroonaafis iddoo guddaa hin laanne” jechuun kutannoon ittisa dhibee Koovid19 gama mootummaa naannoo Somaaletin jiru laafaa ta’uu isaa himu.

Sochiin konkolaataa lakkoofsa gabatee biyya Keeniyaa qaban gama naannoo Somaaleetin gara magaala Mooyyalee seenaa akka jiran fi magaala Mooyyaleettis sochiin uummataa cimaa jiraachuunsaa sodaa itti uumuusaas dubbatu.

“Nuti akka Oromiyaatti tarkaanfii tokkollee fudhachuu hin dandeenyu. Aangoo keenya miti.

Naannoon Somaalee naannoo of danda’e. Achi seennee isaan daangessuu hin dandeenyu. Garuu qaama dhimmichi ilaallatutti eeru kennineerra” jedhan Obbo Fuugicha Dheenge.

“Akka koree cimdiitti dhoowwaa jennee osoo waliigalles nu biraa yaa’anii wanti isaan hojjetan waan biraati” jedhu angawaan kun. Haa ta’u malee anagootni naannoo Somaalee yaada jiraattota fi aangawaa naannoo Oromiyaatin adda ta’e qabu.

BBCf yaada isaanii kan kennan naannoo Somaaletti bulchaan aanaa Mooyyalee Obbo Ibraahim Abdullaahi “warri Keeniyaa daangaa cufataniiru. Gama Itoophiyaatiinis raayyaan ittisa biyyaa fi milishootni keenya daangaa kilomeetira 400 ta’u cufaniiru” jedhu.

Konkolaatotni lakkoofsa gabatee biyya Keeniyaa qaban fi naannoo Somaalee fi magaala Mooyyalee keessa socho’anis walitti dhufeenya uummattoota biyyaalee lamaanii irraa kan ka’e naannuma Somaalee keessa kan jiran malee daangaa ce’anii kan hin imalle ta’uu dubbatu.

Haa ta’u malee konkolaataawwan Keeniyaadhaa daangaa ce’anii gara Itoophiyaa seenan dhiyeenyuma kanallee to’annoo jala oolanii akka turan jiraataan magaala Mooyyalee maqaan isaanii akka hin eeramne barbaadan nutti himaniiru.

Imaltoota lafoo…

Imaltootni lafoo dhokatanii Keeniyaadhaa gara Itoophiyaa seenan akka jiran kan nutti himan kantiibaan magaala Mooyyalee Obbo Fuugicha Dheenge heddu isaanii qabaa jiranillee namootni muraasni akka miliqanii seenan himan.

Namoota to’annoo jala oolan kunneenis hawaasatti osoo hin makamin dura guyyoota 14f adda baasanii akka tursiisan fi kanaan dura yeroo lamaaf bifa kanaan erga tursiisanii booda hawaasa walin akka makkaman taasisuu isaanii himan.

Dabalataan iddoo turtii kanatti samuuda namootaa fudhachuun qorannoo laboraatoorif gara magaala Finfinneetti ergaa akka turan himan.

Yeroo ammaattis namootni 80 ol kan Keeniyaadhaa daangaa qaxxaamuranii gara itoophiyaa seenan magaala Mooyyalee keessatti adda baafamanii hordofamaa akka jiran dubbatan.

Naannoo Somaaleetti bulchaan aanaa Mooyyalee Obbo Ibraahim Abdullaahis haaluma wal fakkaatun namoota keeniyaadhaa dhufan adda baasanii tursiisaa akka jiran himaniiru.