Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koronaavaayirasiifi nageenya: Daangaa Itoophiyaa fi Keeniyaatti maaltu uumame?
Magaalaa daangaa Itoophiyaa fi Keeniyaa, akkasumas wiirtuu diinagdee naannichaa ka taate magaalaa Moyyaleetti qaamolee nageenyaa Keeniyaafi Itoophiyaa gidduutti walitti bu'insi uumamee akka ture BBCn mirkaneesseera.
Miidiyaaleen Keeniyaa keessaa akka gabaasaa jiranitti milishoonni Itoophiyaa qawwee hidhatan hojjettoota Keeniyaa irratti dhukaasa banan jedha.
Miidiyaan biyyattiitti beekamu Daily Nation akka gabaasetti tatamsa'ina koronaavaayiras to'achuuf, daangaa biyyoota lamaan gidduutti hojjettoonni Keeniyaa bo'oo qotaa turan. Kunis bahaa fi gala namootaa dhorkuufi.
Milishoonni Itoophiyaa qawwee hidhatanis hojjettoota konstiraakshinii kana haleelan.
Daily Nation, Komishinarri Kaawuntii Marsabiit Aabba Evaans Achookii haleellaan kun raawwatamuu nu mirkaneessaniiru jedha.
Haleellaa kanaanis maashinii bo'oo kana qotaa turerra miidhaan gaheera jedhameera.
Warri Itoophiyaa maal himatu?
Gama Itoophiyaatiin maal akka mudate qulqulleessuuf waraana raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa naanichatti kan hoogganan Shaambal Asfaaw Woradee dubbisneerra.
Akka ajajaan kun BBCtti himanitti "Jalqabarratti isaantu gara daangaa keennaa seenee kan qote. Nutis dhimmi sun akka tasgabbaa'u gooneerra. Anis garas deemee mirkaneeseera,'' jedhan.
Rakkoo kan kaase warri Keeniyaa gara daangaa Itoophiyaa seenanii doozariidhaan lafa qotuusaaniiti akka taheefi milishoonni Itoophiyaa daangaarra jira akka isaanitti himan dubbatu.
''Loltoonni Keeniyaa tatamsa'inna koronaavaayiras hir'isuu jecha guyyoota muraasa dura lafa qotaniiru.
Har'a garuu gama daangaa naannoo Somaaleetiin kan qotan. Kan har'a qotaniif garuu sababa dhukkubbichaaf miti, ijaarsa daandiitiif,'' jechuun himatu Shaambal Asfaaw.
Kanaanis milishoonni Itoophiyaa naannoo Somaaleefi loltoonni Keeniyaa dhukaasa walittii bananii akka turan himu.
Midhaan gama lachuutiin qaqqabe maal akka fakkaatu gaaffii gaafaneennis, ''Gama keennaan miidhaan milishoota keennarratti gahe hin jiru. Gama loltoota Keeniyaatiinis loltuun miidhame hin jiru," jechuun maashinni lafa qoturra miidhaan gahuu garuu ni dubbatu.
Keeniyaatti kaawuntiin yookaan kutaan bulchiinsaa Marsabit guyyoota muraasaan dura daangaa biyyoota lamaanii jidduutti, koronaavaayiras to'achuuf jecha b'oo qotuu eegalee ture.
Hojiin har'aas qaamuma bo'oo qotuuti wayita jedhu, gama Itoophiyaan garuu ijaarsa daandiiti malee daangaarra miti jedhameera.
Kanaan duras akkuma gabaasaa turetti naannoo daangatti qaamolee nageenyaa biyyoota lamaanii, akkasumas hawaasa horsiisee bultootaa daangaarra jiraattan gidduutti waldhabdeen irra deddeebiin ni mudata.