Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Wal-dhabdee Mooyyalee: Yoo xiqqaate namoonni 13 guyyaa tokkotti ajjeefaman
Rakkoo nageenyaa magaalaa Mooyyalee keessatti torban lamaa oliif itti fufeen kaleessa [Wiixata] yoo xiqqaate namoonni 13 ajjeefamaniiru.
"Naannoo Baqqalaa Mollaa jedhamutti makkalaakayaan namoota Oromoo saddeet nu harkaa fixe," jechuun itti gaafatamaa itti aanaan waajjira fayyaa aanaa Mooyyalee Obbo Huruuqqaa Godaanaa BBC'tti himaniiru.
Naannoon namoonni kun itti ajjeefaman lafa rakkoon ture miti kan jedhan obbo Huruqqaan uummatuma nagaa irratti tarkaanfii fudhatani jedhu.
Guyyaa kaleessaa [Wiixata] magaalaa Mooyyalee naannoo Qabbanaa, Ararsam, Maddo Miigoofi Gooroo Buttee jedhaman hidhattoota Oromoofi Somaalee gidduu waraanni akka ture himu aanga'an kun.
Waraana kanaanis gama Oromoo irraa namoonni 5 ajjeefamanii 12 ammoo madaa'uu dubbatu.
Namoonni saddet raayyaa ittisa biyyaan ajjeefaman garuu hidhattootas miti, lafa waraanni turettis miti jedhu Obbo Hurruqaan.
Sababa raayyaan ittisa biyyaa tarkaanfii kana fudhateef wanni beeknu tokkollee hin jiru jedhan.
Kanuma mirkanessuuf angawoota raayyaa Ittisa Biyyaa irra deeddeebiin bilbilaan argachuuf yaaliin taasifne nuuf hin milkoofne.
"Rakkoo kun rakkoo siyaasaati"
Waraana kaleessaa kanaan gama Somaaleerraas namoonni hedduun ajjefamuu kan nutti himaan Abbaan Gadaa Garrii Sulxaan Mohaammad Hasan, lakkoofsa namoota du'anii qixeessee hin beeku jechuun BBC'tti dubbataniiru.
"Waraanni kun waraana gosa Booranaafi kan Garrii miti" kan jedhan Sulxaan Mohaammad, "rakkoo kun rakkoo siyaasaati" jedhu.
"Silaa rakkoo uummataa kan akka durii ta'ee, aadaa waliin buluu kan kaleessaatiin furama ture" jedhu Sulxaan Mohaammad.
Raayyaan ittisa biyyaa gidduu galee waan kana dhaabuu qaba, ammoo mootummaan naannolee lamaaniillee walitti dhufanii akka nagaan waliin bulan tolchuu qabus jedhaniiru.
Mudde 1 irraa eegalee halkan tokkof osoo adda hin citiin waraanni nutti jira jedhu hogganaan waajjira ODP aanaa Mooyyalee Obbo Alii Xachee.
Waraanichi Garriifi Boorana gidduutti haa jedhamu malee "kan dhufee nu lolaa jiru warra Afaan Oromoo hin beeknedha" jedhu Obbo Aliin.
"Garriin Afaan Oromoo dubbata, afaan Somaalellee hin beeku" jedhu.
Akka Obbo Aliin jedhanitti kanneen waraana kana duuba jiran garee qindaa'e kan meeshaa gurguddaa hidhatedha.
"Iddoowwan seena qabeessa uummanni keenya itti jilatu, ardaalee jilaa hedduu dhuunfatanii jiru" jedhu.
"Mooyyalee mataa ishii, karra tokkitti Oromiyaan qabdu cufuudhaf lolli qindaa'aa, tooftaa adda addaatiin gargaaramee nurratti raawwatamaa jira" jedhu.
Yeroo gara garaatti mootummaan Federaalaafi naannootti iyyatanii fala akka dhabanis Obbo Aliin BBC'tti himaniiru.
Kaleessa [Wiixata] galgala raayyaan ittisa biyyaa jidduu galee waraanni akka dhaabateefi, guyyaa har'aa haalli jiru fooyyee qabaachuu BBC'n odeeffateera.