Ameerikaan haleellaa qileensaan milishoota Al-shebaab 62 ajjeese jette

Waraanni Ameerikaa haleellaa qilleesaa ja'aan loltoota garee Islaamaa al-shebaab 62 ajjeese jedhe.

Haleellaa afur gaafa Sanbata duraa adeemsifameen loltootni 32 yoo du'an 28 immoo Sanbata guddaa ajjeefamaniru jedheera ibsa baaseen.

Ajjeechaan kun bara 2017 baatii Sadaasaa milishooti 100 erga ajjeefamaniin asitti haleellaa isa balaafamaa dha.

Pireezidaant Tiraamp bara 2017, erga aangootti dhufaniin asitti lakkoofsi haleellaafi du'aa haalaan dabaleera.

Qorannoon waajjira gaazexeessummaan akka agarsiisuttii erga pireezidaantichi dhufaniin asitti lakkoofsi namoota du'anii yoo xiqqaate 400 yoo tahu kunimmoo ida'ama waggooti 10 ni caala jedha.

Ameerikaan Jibuutii keessatti buufata waraanaa kan qabdu yoo tahu haleellichas achumaa gaggeessiti.

Tiraamp baatii Bitootessaa keessa waraanni isaanii Somaaliyaa keessatti akka haleeluuf taayitaa kennaniif.

Haleellaa kanaan namooti nagaa hin ajjeefamne, halleelichi mootummaa Somaaliyaa waliin adeemsifame.

Afrikaatti Koomaandiin Ameerikaa'' Somaaliyaafi michoota keenya addunyaa waliin tahuun, al-shebaab lafa nagaa qabachuun uummata Somaaliyaa akka hin haleelle dhorkuuf cichinee hojjenna.'' jedhu

Dhimma kanaratti al-shebaab deebii hin kennine.