Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Somaaliyaa: Loltoonni Itophiyaa hoggana duraanii Al-shabaab Muktaar Rooboow to'atan
Loltoonni Itoophiyaa hogganaa duraanii Al-shabaabiifi wayita ammaa pireezidantii kutaa biyyaa Kibba-Lixa Somaaliyaa ta'uuf dorgomaa kan jiru Muktaar Rooboow to'annaa jala oolchan.
Obbo Muktaar filannoo pireezidantummaa torbee dhufu filatamu irratti kaadhimamaa adda dureedha.
Namni kun to'annaa jala kan oolan magaalaa Baayidowaa keessatti yoo ta'u tibbana magaalattii keessatti humnoonni nageenyaafi hidhattoonni walitti dhukaasaa jiru.
Dhukaasa magaalatti keessatti kan itti fufe wayita ta'u, sararawwan telekomunikeeshinii hundi adda citanii jiru.
Nama kana to'annaa jala kan oolchan loltoota Itophiyaa humna ergama addaa Gamtaa Afriikaa AMISOM jala jiran akka ta'e miseensi paarlaamaa biyyattii tokko BBC'tti himeera.
Hanga yonaattis namni kun maaliif akka to'annaa jala oolfaman wanti beekamu hin jiru.
Onkoloolessa darbe paarlaamaan federaalaa Somaaliyaa Muktaar Rooboow pireezidantummaaf akka hin dorgomne dhokee ture.
Haa ta'u malee komishiniin filannoo dhorkaa kana cinaatti dhiise akka dorgomu hayyameef.
Obbo Muktaar kutaa biyyaa Kibba-Lixa Somaaliyaa keessatti dhageetti hedduu nama qabu.
To'annoo jala oolfamuun isaanii dhageettii qaban daran dabala, ammo mootummaa federaalaa Somaaliyaafi michuuwwan isaanii biyyoota ollaarratti gaaffii kaasisa jedha gabaasaan dhimmoota Nageenyaa Afriikaa Toomii Olaadiippoo.
Hoggana duraanii Al-shabaab kan ta'an Obbo Multaar Rooboow namoonni gariin lolaa Al-shabaab waliin godhamu deeggaruun bu'aa guddaa fiduu danda'u jedhuun.
Gariin ammo qooda inni Al-shabaab hundessuufi hogganuu irratti qabu irraa kan ka'e ammallee ija shakkiin ilaalu.