Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Somaaliyaan hayyama qurxummii qabuu Chaayinaaf kennite
Mootummaan Somaaliyaa hayyama qurxummii qabuu 31 Chaayinaadhaaf kennite.
Erga bara darbe gara aangootti dhufan hayyama mirga qurxummii qabuu qaama biyya alaatiif kennuun mootummaa Pirezedaantii Somaaliyaa Mohaammed Abdullaahii Farmaajootiif kan jalqabaati jedhameera.
Waldaan Baar-gamaa Qurxummii Qabdootaa Chaayinaa kaampaanota 150 of keessatti qabate, qurxummii tuunaadhaaf oolu akka qabu/omishi hayyamamuuf jira.
Tarkaanfii kanaan walqabatee yaaddoon qabeenyi qurxummii dhumuu mala, akkasumas jireenya qurxummii qabdoota biyya keessaa rakkoo irra bu'uu danda'a jedhu dhaga'amaa jira.
Haata'u malee, Gorsaan Ministeera Misooma Qurxummii Somaaliyaa Abdirahmaan Ahmed akka BBC'tti himetti qarqarri galaanaa km44 ta'u qurxummi qabdoota biyya keessaaf oolu addatti daangeffameera.
Obbo Ahmed dabalanii waliigaltee hayyama kanaatiin ministeerichi doonii kampaanota Chaayinaa qurxummii qabuutti bobba'an yeroo barbaadetti yaamee sakatta#uufi qorachuu ni danda'a.