Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waggoota 30 booda Somaaliyaan qurxummii gara Keeniyaatti erguu jalqabde
Waggota 30 booda yeroo jalqabaaf Somaaliyaan qurxummii gara biyya ollaashee Keeniyaatti erguu jalqabde.
Qaraqara galaanaa Somaaliyaarraa saamtotni xiqqachuun haalicha mijeesera jedhama.
Waraanni walii waliinii somaaliyaa keessaa daladalli biyyittii keessaa akka hin guddanne godhee ture.
Haa tahu malee daldaltootni qurxummii naannoo buufata doonii Kismaayyoo warshaa haaraan qurxummii dhiyeessu qorrissistuu dhiyeessusaa irraa kan ka'e haala mijataan waan uumeefiif amma gara keeeniyaatti erguu jalqabaniiru.
Kiingi fiishii fi Tuunaan isaan filatamoodha.
Dhiyyeenya kana Keeniyaan qurxummiin haroo Viktooriyaa fi qarqara bishaanii biroorraa dhiyaatuuf hamma barbaadamu gahuu waan hin dandeenyeef Chaayinaa irraas galchuu jalqabdeetti.