Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Pirezidaantiin Keeniyaa eegdota galaanarraa yeroo jalqabaaf hojii eegalsiisan.
Pirezidaantiin Keeniyaa eegdota galaanarraa yeroo jalqabaaf hojii eegalsiisan.
Eegdotni galaanarraa Keeniyaa hanna qurxummii lammiilee biyyota biroodhaan daangaa bishaanii isani keessatti raawwatu ittisuuf jecha hojii jalqaban.
Keeniyaan hanna qurxummii bishaan ishee keessatti rawwatuun wagga waggaan hanga doolaara miiliyoona 100 akka dhabdu pirezidaant Uhuuruu Keeniyaataan himaniiru.
Akkasumas daangaa bishaanii Keeniyaatti fayyadamuun yakka daddabarsa namaa fi qorichootaa raawwatu ittisuuf yaadamee akka tahe dubbataniiru.
Humni waraanaa galaanarraa kana booda dhimma nageenyaa fi waraanaa irratti qofa xiyyeeffatee akka hojjetu kan himan pirezidaanti Uhuuruun lammiileen Keeniyaas haala gaariin qurxummii soorachuu akka qabanis waamicha taasisaniiru.
Ammas humni eegumsa galaanarraaf bobba'e bidiruu tokko qofa waan qabuuf yeroodhaaf kanuma humna waraanaa galaanarratti fayyadama.
Humni waraanaa galaanarraa Keeniyaa bara 2014 ajaja pirezidaantichaan doonii qoricha seeraan alaa doolara miilyoona 12tti tilaamamu baatti jedhamte dhabamsiisaeera.
Ammas hojiisaa bifuma kanaan itti fufa jedhan pirezidaanti Uhuruun yeroo qarqara Mombaasaatti yeroo saganticha irratti dubbii taasisan.
Saamichi galaannarraa naannoo daangaa bishaanii Keeniyaa fi Somaaliyaa yeroodhaa gara yerootti dabalaa dhufeera.
Humni bobba'e kun kana maqsuufis akka hojjetu himaniru.
Humni eegumsaa galaanarraa Keeniyaa kaffaltii gadi aanaa argata.
Dhaabbanni Dhimma Godaantotaa [IOM] Keeniyaan hulaa yakka daddabrsa namaa taateetti jechuun erga ibsee tarkaanfiin ammaa kun jajjabeessaa tahus garuu doonii tokkon hammamtu eegama jechuun hanqina isaas ibsa.
Qarqarri galaanaa Keeniyaa eegamu hanga Km 1,000 dheerata. Akkasumas lammiileen Keeniyaa qurxummii keyyeessuu irratti bobba'an haroo Viktooriyaa keessattis lammiilee Ugaandaa waliin walitti bu'u.
Eegumsi amma jalqabe kun bakka humni galaanarraa kufetti yoo deegarsa siyaasas argate milkaa'uu akka danda'u dhabbatichi ibseera.