Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Keeniyaan seenaa biyyattii keessatti Meejer Jeneraala dubartii jalqabaa muudde
Meejer Jeneraal Faatuma Ahimad sirna Pirezedaanti Uhuuruu Keeniyaataa irratti argamaniin muudamte kun Humna Ittisa Keeniyaatti Dursituu Damee Humna Namaafi Loojistikiidha.
Faatumaan Humna Ittisaa Keeniyaa keessatti waggoota 35 kan tajaajilte yommuu ta'u, bara 2015 yeroo gara sadarkaa Birgaaderaatti guddachuufis dubartii jalqabaa turte.
Oduu jijjiirama aangoo Humna Ittisaa Keeniyaa keessatti taasifameen, Jeneraalli Itti-aanaa Joseef Kasaa'on soorama baasuun bakka isaa ammoo Meejer Jeneraal Rooberti Kiboochii muudameera.
Haasawaa sirna kanarratti taasisaniin Pirezedaanti Uhuuruu Keeniyaataa milkaa'inni Faatumaan tajaajila kana keessatti argamsiiste kun dubartoota biyyattii keessa jiraniif kaka'umsa guddaa uuma jechuun dubartoota biroo biyya isaanii tajaajilan akka gorsistuufi fakkeenyummasheetiin itti fuftullee abdii qaban himaniiru.