Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Kenyaan saataalaayitii samiitti gadhiisuuf.
Maandisoonni Yunvarsitii Naayiroobbiitti argaman deeggarsa dolaara miiliyoona tokkoon olii dhaabbata qorannoo Jaappaan tokko irraa argateen saataalaayitii ijaare.
Saataalaayitiin kunis hojii qonnaa hordoofuufi daangaa galaana Keenyaa to'achuuf hojiirra olfama jedhameera.
Jaappaan baasii saataalaayitichaa kan dandeesse yoo ta'u, ijaarsicha kan raawwantan garuu oggessota Keenyaa ta'un barameera.
Saataalayitiin kunis baatii Bitooteessaa dhufu keessa gara buufata saataalaayitii addunyaatti kan ergamu yoo ta'u, baatii tokkoon boodas hojii akka eegalu taasifama.
Haalli kunis Keniyaa biyyoota afriikaa saataalaayitii gara samiitti eergam jaha keessaa tokko ishee taasisa.
Gareen yunivarsitii Naayiroobii saatalaayitii kana ijaarees, pirojaktii Mootummoota gamtomaniifi Motummaa Jaappaaniin dhaabbileen barnootaa biyootaa akka saataalaayitii mataasanii dhaabbataniif gargaaruuf jalqabameetti yoo fayyadaman kan jalqabaati.