Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koronaavaayiras: Namoonni Covid-19 irraa bayyanatan maal jedhu?
Dhukkubni koronaavaayirasii addunyaarratti babalatee badiinsa lubbuu namoota hedduutiif sababa ta'aa jiraatulleen, akkasuma ammoo namoonni lakkoofsi isaanii laayyoo hintaane dhukkubicharraa bayyanachaa jiru.
Koronaavaayirasiin irra caala maanguddoota umuriin jaaran kan miidhu ta'unsaa himamus, dargaggoonnis haaluma walfakkaatuun kan qabaman ta'uun dhagahamaa jira.
Dargaggoota koronaavaayirasiin qabamanii hospitaala erga galanii booda fayyan waa'ee dhukkichaafi haala keessa darban akksiin dubbatu.
"Lubbuu kiyyaafis mucaa kiyyaafis dhiphadheen ture"
Maqaan kiyya Kaaran jedhama. Kanan jiraadhu biyya Ingiliz, Keenti keessa. Ulfa baatii jahaan ture.
Baatii Bitooteessaa torban lammaffaa keessa akka tasa qufaan na eegale. Itti aansee haala argansuu itti baafadhu na geeddare. Achin anis atatamaan 999'tti bilbiladhe.
Daqiiqaawwan muraasaan booda ambulaansiin mana kiyya gahuun ambulaansicha keessatti meeshaa akkan afura baafadhuuf na gargaaru naaf taasifamuun hospitaala gahe.
Qorannoon wayita naaf taasifamuttis akka COVID-10n qabame natti himame. Sombi kiyya lamaanuu dhukkuba michii sombaa (niimooniyaa) jedhamuun miidhamuu natti himan.
Kophaatti baafamees siree qabadhee wallaansa argachuu eegale. Enyumtu na hingaafatu. Namni akka kutaa kiyya galu hin hayyamamuuf.
Kun ammoo nama dhukkubsatuuf baayyee salphaa hinturre. Attamiin akka yeroo cimaa dabarse anatu beeka!
Tibba sanattis siree irraa ka'ee mana fincaanii illee dhaquu hindanda'uun ture. Kanneen ansoolaa siree kiyyaa naaf geeddaran mataansaa ana gara tokkootti garagalchuun ture.
Irra deddeebiin afura na kuta ture. Waanan du'u waan natti fakkaatuuf, mirrii sun akkuma na jalqabuun dafeen gargaartoota fayyaatiin naaf qaqqabaa jedhee waama ture.
Isaanis haalaan uffatanii akka dhukkubichi itti hindabarreef of eegannoon hanga dhufaniitti dhiphina guddaa ture.
'Maatiin koo guyyaa hamaa hinhafneef qophaa'aa akka turan natti himan'
Akkuma natti wayyaa'een ammoo sa'aatii dheeraafan bilbilaan maatii waliin haasa'a ture. Sana kanan raawwadhus soodaa keessa kiyya jiru balleessuufan. Akkan du'uu danda'uun itti himaa ture.
Maatii kiyyas guyyaa hamaa hinhafneef akka qophaa'an natti himaa turan. Haaluma walfakkaatunis abdii natti uumuu ture.
Ani kanan carraaqaa ture ofii kiyya qofaaf osoo hintaane mucaa kiyya garaa keessa jiruufis ture. Mucaan kiyyaa akka na jalaa hindunee baayyeen cinqama ture.
Booda keessa akkumas bayyanachuu eegaleen, hospitaalaa bahee mana keessatti ofi tajaajiluun fayyuu akkan danda'u natti himame.
Guyyaan jalqaba hospitaalaa baheetti qilleensi alaa fuula kiyya wayita na tuqeetti gammachuun natti dhagahame ture ibsu hindanda'u.
Nan yaadadha abbaa warraa kiyya waliinan ture. Fuulatti maaskii kaawwanneerra. Foddaan konkolaataa saaqaa ture. Tasa qilleensi yoo natti bu'a abeet gammachu natti dhagahame ture!
Kennaawwan Waaqaa xixiqqoo hundaaf galateeffachuu kanan eegale guyyaa sana ture.
- LAKKOOFSA KALLATTIIN: Addunyaarratti lakkoofsi namoota COVID-19n qabamanii miiliyoona 1.5 caalee
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras
'Osuman sodaadhuu na qabe'
Jees Kilaarkiin jedhama. Umuriin kiyya 26. Biyyi kiyya Inglizii bakkaa Sheefild jedhamuun jiraadha. Koronaavaayirasiin yoo na qabee rakkina keessa akkan galu jalqabumaanuu natti beekamee ture.
Sababiin isaas waggaa shanii dura kalleen kiyya na dhukkubee baasiseen ture.
Koronaavaayirasiin namoota dhukkubbii biraa qaban irratti akka cimu waanan hubadhuuf yaadda'een ture.
Sodaadhuuf maal godharree, akkuman sodaadhee na qufaasisuu eegaleekaa! Ittaanseen afuura baafachuuf rakkachuun eegale.
Garaa kirraafi qaamaa kiyyatti dhukkubbiin natti dhagahamu eegale. Dhugaa dubbachuufis hanga namni tokko uleen na reebeetti na dhukkubaa ture.
Guyyaa MM Booris Joonsan manaa hinbahiinaa jedhanii labsan sana ture kaadhiimaan kiyyaa gara hospitaalaa kan na geesse. Achi akkuma geenyeen dafnee adda baane, walitti hindhiyaatiinaa waan jedhameef. Ana waliin hospitaala seenu hindanda'u.
Qofaa kiyya ta'uun kiyya baayyee na sodaachisee ture. Fedhiin kiyya namni ta'e na waliin jiraatee jabaadhu akka naan jedhuun barbaada ture.
Kutaa atataamaatti aguuggii fuulaa magariisa akkan kaawwadhuuf naaf kenname. Isaan boodas gara kutaa dhukkubsattoota koronaavaayirasiitiif qophaa'eetti na geessan.
Achitti nageenya keenyaaf jecha sireen keenya baayyee kan walirraa fagaateedha.
Hanga sa'aatii sanaatti akka Covid-19 na qabee hinbaramne ture. Sababiinsaa hin qoratamne ture. Hakimiin kiyya akka natti himeettis namoota kutaa atattamaa dhufan hunda qorachuuf meeshaa gahaan hinjiru.
Tibba sanatti naannoo somba kanaatti miira akka gubaa waayitu natti dhagahama ture. Qorichi dhukuubbi obsiisuu naaf kenname.
Sa'aatii jahaaf ergan kutaa atattamaa keessa tureen. Kaadhiiman kiyaa sa'aatii sana hunda konkolaataa keessa taa'uun na eegaa ture.
Dhumarratti koronaavaayirasiin narratti argame. Kaadhiimaan kiyyaa hojiinsaa dhukkubsattoota waliin waliitti waan isa fiduuf tarii inni akka natti dabarsuu hinolleen tilmaama.
Sababiinsaas kaadhiimaan kiyyaa namootaa koronaavaayirasiin dhukkubsatee garuu mallattoon irratti hinmullannee (asymptomatic) ta'u isaa barameera.
Guyyoota muraasa booda bayyanadhee hospitaalaa bahulleen ammas adda of baasuun jajabaachaan jira.
Ergan koronaavaayirasiin qabameen boodas wantin hubadhee yoo jiraate, dargaggoonis vaayirasichaan qabamuu akka dandeenyudha. Ilaalchi koronaavaayirasiin namoota umuriin turan qofaa miidha kan jedhamu dogongoradha.