WHO: 'Guyyaatti namoonni mil. tokko infekshinii qunnamtii saalaan darbuun qabamu'

Madda suuraa, Getty Images
Guyyaa tokkootti quunnamtii saalaat of eeggannoo malee godhamuun infekshinii miliyoon tokkotu mudata, akka Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) jedheetti.
Kana jechuunis namoonni haaraan miliyoona 376 ol ta'an waggaatti infekshiniiwwan akka 'chlamydia', cobxoo, fanxoo fi 'trichomoniasis' jedhamaniin qabamu.
Kanumarratti hundaa'unis dhaabbatichi daddarbuu infekshiniwwan kanneenii dhaabu irratti hanqinni jiraachu himuun haalli ammaa kunis 'sagalee dammaqsituuti' jedheera.
Ogeessoonnis keessattu waa'ee dabalu infekshinoota qoricha dandamataa dhufanitti yaadda'aa jiru.
WHOn yeroo hunda dhiibbaa infakshinoonni beekamoon quunnamtii saalaatiin daddarban afran kunneen addunyaa irratti qaban ni hordofa.
Gamagama isaa kan bara 2012 yoo ilaallu mudannoo haaraa fi infekshinoota duraan jiran irratti 'jijjiramni hinjiru' jedheera.
Gamaaggama kanaan namoota 25 keessaa tokko addunyaa kanarratti yoo xinnaate infekshiniiwwan afran keessaa tokkoon ni qabamu.
Namoota umuriin isaanii waggaa 15-49 jidduu jiru keessatti bara 2016 bu'aaleen argaman akkasi turan:
- Miliyoonni 156 mudannoo haaraa infekshinii trichomoniasis
- Miliyoonni 127 mudannoo haaraa infekshinii chlamydia
- Miliyoonni 87 mudannoo haaraa infekshinii Fanxoo
- Miliyoonni 6.3 mudannoo haaraa infekshinii obxoo
Infekshiniin Trichomoniasis jedhamu kunis paaraasaayitii tibba quunnamtii saalaatiin kan dhufuudha. Infekshiniiwwan akka Cobxoo, Fanxoo fi 'Chlamydia' ammoo baakteeriyaadhaan dhufu.
'Rakkina baayyinaan babalataa jiru'
Miirri infekshiinii STI dhangalaa, yoo fincaa'an miira gubaatii fi osoo yeroon laguu hingahiin dhiigni dhangala'u fa'idha. Haa ta'u malee, yeroo baayyee ammoo miira dhukkubbii kanneen qabaachu dhiisu mala.
Yoo dhukkubbin isaa cime ammoo dhukkuba keessoo qaamaa saalaa fi sababii 'chlamydia' tiin dubartoonni dhala dhabuu akkasumas sababii Cabxoootiin ammoo rakkina narviifi onneen qabamuuf saaxiluu mala.
Dubartiin osoo garaatti baattuu yoo infakshiiniwwan kanneeniin kan qabamte ta'e, ulfi akka irraa bahu, daa'ima dute dahu, ykn daa'ima ulfinni qaamaa baayyee xiqqaa ta'e akka dhalattu taasisu danda'a.
Kana malees daa'imti dhalattee sun rakkina fayyaa kan akka afuura baafachu rakkachuu ykn dhukkuba sombaa, rakkina agartuu fi kkf saaxilamu danda'a.
Dr Pitar Salaamaa, WHO irraa akka jedhaniitti: "Addunyaa gutuutti tatamsa'ina infekshinoota karaa quunnamtii saalaatiin dadarban dhaaburratti boodatti hafameera.''
"Kunis hundinuu, essattuu infekshinicha irraa of eeguufi wallaanamuuf tajaajilawwan barbaachisu akka argatan taasisuuf yaalii waliin gochu akka qabnuuf mallattoo damqsituudha.''
Qunnamtii saalaa ofeeggannoo qabu raawwachuu, keessattu malawwan akka kondomiitti gargaaramuu fi mana yaalaa deemuun of qorachiisuun murteessaadha jedha WHOn.
Gama wadhaansaatiin baakteriyaan infekshinii kanaa yaalamun hordoffii cimaan fayyuun ni danda'ama.
Garuu Fanxoon wallaanuun caalaa cimaa ta'u mala. Kunis sababii dhukkubni kun qoricha 'penicillin' addatti kan barbaadu ta'eefiidha. Kana malees dhukkubni 'super gonorrhoea' jedhamuufi dhallansaaf baayyee rakkisaan garmalee dabalaa jira.
Dr.Tim Jink ittigaafatamaan Sagantaa 'Wellcome's Drug Resistant Infection': ''Bakka infekshiniiwwan kanneen wallaanuuf itti cimuutti mudannoowwan Cabxoo wallanamu hindanda'amne jiraachuun ammoo rakkina cimaa addunyaa kanaa isa ballaadha.''
"Kanaafuu tatamsa'ina infekshiniiwwan kannenii atattamaan hirrisuuf qorichoota haaraa fi wallansawan kana booda hinhojjannee bakka buusuu irratti invasti gochuu murteessaa dha.''
















