Paakistaanitti turistiin ‘kabaja Quraanaa gadi buuse’ jedhame haleellaa daboon ajjeefame

Bakka haleellan itti gaggeeffame

Madda suuraa, Getty Images

Paakistaan keessatti turistiin kabaja Quraana Qulqulluu gadi buuseera jedhamuun buufata poolisiitii fudhatamee daboon haleelamuun ajjeefame.

Gochaan kun kan raawwatame aanaa Siwwaat keessatti kan argamtu magaalaa Maadiyaan keessatti yoo ta’u, poolisiin garee daboon haleelaa turan irraa ittisuuf yaalee ture.

Kamisa jiraattonni kan walitti qabaman namni kun Quraana Qulqulluu xureesseera jedhamee erga himatameen boodadha.

Paakistaan keessatti amantaa xureessuun du’aan kan adabsiisu yoo ta’u, gocha kanaan namoonni yakka raawwatan jedhaman murtii malee haleellaa dabootiin ajjeesuun waan baramedha.

Ji’a darbe namni amantaa Kiristaanaa hordofu tokko fuulawwan Quraanaa ciccireera jedhamee yakkamuun haleellaan erga irratti raawwatameen booda osoo hin turiin lubbuun isaa darbuun ni yaadatama.

Haleellaa gaafa Kamisaa raawwatame kana viidiyoon agarsiisu erga baheen booda fayyadamtoota miidiyaa hawaasaa Paakistaan biratti dheekkamsa kaaseera.

Viidiyoon kun reeffi nama kanaa wayita lafarra harkifamuufi boodarra ammoo yeroo gubatu agarsiisa.

Poolisiinis reeffi nama kanaa gubachuu kan mirkaneesse yoo ta’u, taatee kana waliin walqabsiisee namoota 11 irra miidhaan gaheera jedheera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ajajaa poolisii bulchiinsa Mohaammad Alii, Sululli Siwaat yeroo kana daawwatamutti poolisiin ergame tokko namoonni masjiidatti akka walitti qabaman kakaasun haleellichi akka hammaatu gochuu himan.

Ajajaan kun Rooyitarsitti akka himanitti, kanneen miidhaman keessaa namoonni saddeet miseensota poolisiiti.

Polisii naannoo Baswaat kan ta’an Zahidullaan gamasaanitiin poolisiin Urduu namoota aaranii walitti qabaman bittimsuufi karaa cufame bansiisuf yaalii gochuu BBCtti himan.

Namoota gochaa kanarratti hirmaatan dhibbaan lakkaa’aman irratti poolisiin himata bane akka jirus beeksise.

Taaten kun erga mudatee booda qondaalonni naannichaa humna dabalataa bobbaasaniiru. BBC Urdu akka gabaasetti, taatichi osoo hin uumamin dura turistoonni heddu magaalattii keessa kan turan yoo ta’e, amma garuu gadhiisanii bahuuf muddamaa jiru.

Paakistaan amantii balfuu yakka du’aan nama adabsiisu gootee erga seera tumtee booda, haleellawwan amantiin wal-qabatanii gaggeeffaman biyyattii keessatti heddummataniiru.

Himanni hin mirkanoofne mormiifi haleellaa daboodhan raawwatamuuf nama saaxiluu danda’a. Kanneen mirga namaaf falman akka jedhanitti biyyattii keessatti hawaasni xiqqaan yeroo heddu haleelladhaaf saaxilama.

Lammiilen Paakistaan harka 96 hordoftoota amantaa Islaamaati. Biiyyoonni akka Paakistaan, Iraan, Biruunee, Moritaaniyaafi kaanis amantaa balfuu yakka du’aan nama adabsiisu gochuun kanneen seera tumataniidha.