Pirezidaantiin Paakistaan intalasaanii Giiftii Duree godhanii muuduun wal gaafachiisaa jira

Asefaa Buutoo Zardaarii

Madda suuraa, Getty Images

Biyya tokko keessatti yeroo heddu giiftii duree ta'uun kan muudamtu haadha warraa gaggeessaa biyyattii akka ta'e baramaadha.

Paakistaanitti garuuu kan ta'e waan kanarraa addaati. Namoota heddus ajab kan jechisiisedha.

Pirezidaantin Paakistaan Asiif Alii Zardaarii intalasaanii Aseefaa Buutoo Zardaarii jedhamtu giiftii duree biyyattii gochuun muudan.

Paakistaanitti intalli gaggeessaa biyyaa giiftii duree ta'uun isa jalqabaatis jedhame.

Haadha warraa Pirezidaant Asiif Alii Zardaarii, kan amma lubbuun hin jirre, Benaazir Buutoo marsaa lama ministeera muummee Paakistan ta'uun tajaajilaniiru. Garuu bara 2007tti ajjeefaman.

Paakisataanitti dubartii jalqabaa ministeera muummee ta'uun filatamaniidha.

Beenaazir Buutoo yeroo ajjeefaman, intallisaanii amma giiftii duree taate, shamarree ganna14 turte. Amma ganna 31 guuttetti.

Yeroo ammaa Pirezidaantii Paakistaan ta'uun tajaajilaa kan jiran Asiif Alii Zardaarii yeroo jalqabaaf bara 2008 pirezidaantii ta'an. Yeroo sana Giiftii Duree ta'ee namni muudamu hin turre.

Asiif Alii Zardaarin pirezindaantii Paakistaan 14ffaa ta'uun Bitootessa 10, 2024 waadaa seenan.

Yeroo waadaa seenan kana intallisaanii Aseefan Giiftii Duree Paakistaan akka taatu ifa godhame.

Ergasii intalli pirezidaantii akkamitti Giiftii Duree ta'uu dandeessi? kan jedhu gaaffin heddu ka'aa jira.

Aseefan abbaashee waliin

Madda suuraa, X/@MEDIACELLPPP

Baktaawar Buutoo Zardaarii obboleettii Asiifaa yoo taatu, "Aseefaan Giiftii Duree Paakistaan ta'uun iddoo olaanaa qabattetti" jechuun fuula miidiyaa hawaasaashee gubbaatti barreessite.

Intalli pirezidaantii Giiftii Duree ta'uun ija seeran akkamitti ilaalama?

Gaazexaan Pakistaan The Express Tribune jedhamu dhimma kanarratti ogeeyyii seeraa biyyattii dubbisee.

Akka ogeeyyin seeraa jedhanitti pirezidaantin Paakistan maatiisaa keessaa dubartii fedhe Giiftii Duree godhee muuduu danda'a.

Seera biyyattii kana faallessus akka hin jirre himan ogeeyyin seeraa kun.

Aseefaa Buutoo Zardaarii

Madda suuraa, FB/ASEEFA BHUTTO ZARDARI

Akkaataa heera Paakistaanitti tajaajila pirezidaantin biyyattii argatu ijoolles ta'ee maatin argachuu ni danda'u. Tajaajilawwan akka manaa, xayyaara mootummaan fa'aan imaluu ni argatu.

Gaggeessan biyyaa intala ofii Giiftii Duree godhee muudun kun Paakistaanitti kan jalqabaa haa ta'u malee biyyoota biraa keessattis mudatee beeka

Pirezidaantii duraanii Ameerikaa kan turan Andiriwu Jaakson haadha warraa waan hin qabneef intallisaanii Emiliin Giiftii Duree akka taatuf gaafatanii ture.

Aseefaa Buutoo Zardaarii

Madda suuraa, FB/ASEEFA BHUTTO ZARDARI

Maatin Pirezidaantii Paakistaan Asiif Alii Zardaarii hedduunsaanii siyaasa biyyattii keessatti hirmaannaa cimaa warra qabaniidha.

Haati warraa pirezidaantichaa marsaa lamaaf ministeera muummee ta'uun biyyattii gaggeessaniiru.

Amma immoo abbaan pirezidaantii, intalli giiftii duree ta'aniiru. Obboleesssi Asiifaa, Bilaawal Buutoo, Ministiira Dhimma Alaa Paakistaan ture.

Aseefan Saayinsii Siyaasafi Hawaasummaa Oxford Brookes University tti baratte. Hojiilee hawaasummaa kanneen akka pooliyoo balleessuu fa'aarratti hubannoo uumuf duula guddaa gaggeessun beekamti.