Taphattuu kubbaa miilaa Haalaand, Ronaaldoo, Mesii fa'i caalten walbaraa

Madda suuraa, BBC Sport
Taphattuun lammii Maalaawii kuni seenaa addaa qabdi. Temiwaa Chaawingaa jedhamti.
Yeroo ammaa kilaba Chaayinaa keessatti taphataa jirti. Kilabii ishee Wuhaan Jiyaanhan jedhamuuf galchii 51 galchite.
Garee biyyaalessaa Maalaawiif immoo galchiiwwan dabalataa 12 galchite. Kuni hundi bara 2023 keessa kan ta’edha.
Walumaagala bara 2023 keessa galchiiwwan 63 galchuun addunyaarraa taphattuu pirofeshinaalaa kubbaa miilaan hedduu galchite jedhamteetti.
Galchii hammana galchun taphataan itti qixxaatu tokkollee hin jiru.
Erliing Halaand, Kiristiyaanoo Ronaaldoo, Kiliyaan Mibaappee, Liyoonel Meesis ta’e Haarii Keen hamma ishee hin galchine.
Ronaaldoon bara 2023 galchii 54 galche. Kana jechuun Temiwaan galchii sagaliin caalti. Haari Keeniifi Kiliiyaan Imbaappeen immoo tokkoon tokkoon isaanii galchii 52 galchan.
Kana dura taphattuun lammii Ispeen Jenii Hermosoo bara 2021, taphattuun Nezarlaandis Fenaa Kalmaa immoo bara 2022 bara tokko keessa galchii hedduu galchuun sadarkaa tokkoffaa qabatan.
Bara 2023 keessa Temiwaan galchiiwwan hedduu galchuun tokkoffaa ta’un immoo addatti dubartoota boonse.
Sababiin isaas waggoota sadii walitti aananiif dubartoonni kubbaa miilaan galchii hedduu galchuun dhiirota caaluun olaantummaa fudhataniiru jechuudha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waggaa tokko keessatti galchii hedduu galchuun riikardii qabachuun nama Afrikaa jalqabaadha.
"Hin beekun ture. Gaafan [riikardii cabsuu] bare baay’een gammade. Amanuun dadhabe. Raajiidha,’’ jechuun jifattuu cimtuu taatee akka dalagdu kaka’umsa akka ta’uf BBC’tti himte.
Taphattoota beekamoo addunyaa caalukee akkamiin barte?
"Obboleettiikootu natti hime. Suuraa kiyyas Facebook gubbaa qoodameen arge,’’ jette. Haa ta’u malee, dhugaa itti hin fakkaanne ture.
Boodarra madda amanamaarraa arguun amante. Gaazexeessitoonni biyyashees ishee qunnamuu eegallaan ittuu mirkaneeffatte.
"Tarii addunyaa guutuu keessaa taphataa maqaa guddaa qabudha,’’ jechuun Ronaaldoo caaluu isheen ittuu gammachuu ishee akka guddisu himte.
Ga’umsa bara 2023 keessa agarsiiste bara 2024 keessallee itti cichitee lafa guddaa gahuf akka yaada qabdu dubbatte.
Beekamtiin kuni isheef waan guddaadha. Namoonni kana dura ishee hin beekne akka ishee baran taasisa.
Dubartoota Maalaawii keessa jiraniifillee fakkeenya taati.
‘‘Dubartoonni ispoortii keessa jiran hammana deeggarsa hin argatan. Amma tarii dubartoota kubbaa miilaa keessa jiran deeggaru, kanneen akkakoo baay’ee baay’achuu danda’u.‘‘
Obbolaa lamaan
Temiwaan faana obboleettii ishee Taabitaa Chaawingaa hordofte.
Taabitaan bara 2014 kilaba Siwiidiishiif mallatteessuun dubartii lammii Maalaawii jalqabaa kilaba Awurooppaaf mallatteesiteedhas.
Kilaba Chaayinaafis taphatteetti. Bara dorgommii 2023 immoo Seerii A Xaaliyaanii keessatti taphattuu galchii hedduu galchitedha.
Haa ta’u malee, obbolaan lamaan kuni rakkoo hedduu keessa darban.
Hangafti Temiwaa, Taabitaan, harmeen ishee waan itti qaana’aniif ishee reebaa turan.

Madda suuraa, OTHER
‘‘Namoonni harmee kiyyaan: ‘Mee intala kee ilaali – tarii fuula duratti hin heerumtu. Intallikee mana barumsaa adeemuu hin barbaaddu.
‘‘Hiriyyoonni kiyyas akkana jedhu turan: ‘Addunyaa kana keessatti dubartiin tokkollee kubbaa taphachuu hin qabdu," ittiin jechaa turan.
Garuu, pilaastikas ta’e waraqaarraa kubbaa tolchuun taphachuu itti fufan. Keessumaa hangafti Taabitaan dhiirota waliin kubbaa miilaa taphachuu jaalatti ture.
"Harmeen kiyya qonnaan bultuudha, abbaan kiyyammoo qulqulleessuun galii argata.
‘‘Kuduraa gurguruun, mana barumsaattimmoo karameellaa gurguruun," galii argataa akka turte BBC’tti himte.
Yeroo ammaa garuu taphattuu maqaa gaarii horattedha. Obboleettii ishee waliin ta’un maqaa biyya isaanii dhoofsisaa jiru.












