Facebook fi TikTok akkamiin sooma cabsu? Wantoota irraa fagaachuu qabdan

Madda suuraa, Getty Images
Addunyaan akka durii hin jirtu, akkaan jijjiiramteetti. Keessattuu gama teeknooloojiin. Namni hedduun bilbila harkaa fayyadamuun waan onlaayinii jiru hunda arga.
Kan barbaachisu bilbilaa fi interneetii qabaachuu qofa. Miidiyaan hawaasummaa ammoo jiruu dhala namaarratti dhiibbaa guddaa uumee jira.
Hojii gosa hedduu karaa miidiyaa hawaasaa hojjetu, jiruu fi jireenyi namootaa kanneen miidiyaa hawaasummaarratti hundaa'e jiru.
Faayidaatu irraa argama jechuudha. Garuu ji'a Ramadaanaa Muslimoota biratti faayidaa guddaa qabu irraan dhiibbaa geessisuu keessattis miidiyaan hawaasaa ga'ee olaanaa qaba.
Miidiyaalee hawaasaa jiruu fi jireenya dhala namaa keessa seenanii jiran kunneen to'annoo keenyaan ala ba'uun faayidaa sooma Ramadaanaa irraa argamu balleessu.
Cubbuu fi wantoonni hin gorfamne hedduun miidiyaa hawaasarratti gadhiifaman sooma namaa cabsu.
Wantoota irraa fagaachuu qabdan
Masjiida Omar Bin Khaxxaab Somaaliyaa magaalaa Moqadishootti argamutti imaama kan ta'an Sheekh Abdiiheey Sheek Adan, Muslimoonni Ramadaana keessa dhimma miidiyaa hawaasummaa ilaalchisee naamusa akkamii qabaachuu akka qaban BBC Afaan Somaaleetti himaniiru.
Sheekh Abdiiheey ''hiikumasaarraa yoo kaane sooma Ramadaanaa jechuun wantoota gara lolaa fi arrabsootti nama geessurraa of qusachuu gaafata,'' jedhan.
''Namni kamuu ji'a Ramadaan alattis gocha badaarraa of qaba. Ramadaana keessammoo irruma caalaa waan hamaarraa fagaachuun dirqama. Ta'uu baannaan qormaata, cubbuu fi rakkoo hamaatu eeggata,'' jechuun gorsu.
Sheekh Abdiiheey namni Ramadaana soomu hunduu wallee caqasuu fi ragaduurraa of qusachuu akka qabu gorsan.
''Miidiyaa hawaasummaarratti qullaa dubartii ilaaluu, yaada hin taane barreessuu, oduu sobaa facaasuu, fiilmii ilaaluu fi suuraawwan nama dogoggorsan daawwachuurraa of adabuu qaba,'' jechuun dhaaman.

Madda suuraa, GOOGLE
Akka imaamni kun jedhanitti namni soomu tokko YouTube banee waan gara cubbuutti geessu yoo arge daawwachuurraa of qusachuu qaba.
''Qabiyyeewwan TikTok gubbaa deeman irraa of eeggachuu qabna. Waan xiqqoollee yoo daawwatte sooma keerratti balaa guddaa qaba,'' jedhan.
Kanaafuu namni soomu hundi TikTok, Instagram, YouTube fi Facebook dhimma amantiif yoo ta'erraan kan hafe fayyadamuu dhaabuu qaba jedhu Sheekh Abdiiheey.
Sooma jechuun nyaata lagachuu qofa miti kan jedhan Sheekh Abdiiheey, ''akkuma dhuguu fi nyaachuun dhorkaa ta'e wantoonni gurraan dhageenyu, ijaan arginu, funyaaniin suufnuu fi qalbii keenyatti yaadnus waan qajeelaa ta'uu qabu,'' jedhan.
''Muslimoonni yeroo qabanitti Qur'aana qara'uu, salaata taraawwii salaatuu fi ibaadaa heddummeessuu qabu,'' jechuun dhaamu.
Bilbila harkaa qabanii fi interneetii waan badaaf itti fayydaman waan qajeelaaf oolchuu qabus jedhan.
''Yoo jal'ina miidiyaa hawwasummaarraa of hin qusanne akkanumaan beelaan of gubuun hin barbaachisu.''
Naayijeeriyaa bulchiinsa Kaanoo jedhamutti barsiisaa amantii Islaamaa kan ta'an Seekh Abdullaahii Usman Gadon Kaya turtii BBC waliin taasisaniin, ji'a Ramadaanaa keessa Muslimoonni akkamiin miidiyaa hawaasummaa fayyadamuu akka qaban gorsaniiru.
''Namni Muslima ta'e kamuu yoo waan amantiisaa cimsachuuf fayyaduuf ta'e malee, miidiyaalee hawaasaa kanneen akka TikTok, Instagram fi YouTube irraa fagaachuu qaba,'' jedhan.

Madda suuraa, ABDULLAHI GADON HOUSE/FB
Beektonni amantii Islaamaa kunneen miidiyaaleen qunnamtii ammayyaa kunneen yeroo uummata Muslimaa gubaa jiraachuu dubbatu.
''Qur'aana, salaata, barumsa amantii fi gorsa adda addaa dhiisanii miidiyaa hawaasummaarratti yeroosaanii gubu,'' jedhan Sheekh Abdiiheey Sheekh Adan.
Muslimoonni sooma Ramadaanaa keessa maallaqasaanii baasanii interneetii fayyadaman Qur'aana dubbisuu fi hiikasaa ittiin baruuf fayyadamuu akka qaban kan gorsan ammoo Sheekh Abdullaahii Gadon.












