Yeroo ajjeechaan jumlaa warra Yihudota irratti raawwate, Araboota lubbuu baraaraa turan, garuu hin leellifamne

Madda suuraa, Family handout
Wiirtuun ajjeechaa Jumlaa warra Yihuudota (Jewish) irratti raawwate yaadachuuf hundaa'e yeroo ajjeechaan suni raawwatamaa turetti namoota kuma 28 ta'an kanneen Juwiishota hin taane, garuu lubbuu ofii balaarra buusanii isaan baraaraa turan yaadateera.
Kaaba Afrikaa iddoowwan warri Naazii too'atanii turan keessatti namootni kumaatama ta'an ajjeefaman illeen Biyyoota Arabaa keessatti garuu namni tokkolleen Sababa lubbuu warra Juwishootaa du'a oolcheef 'gaarii goote' kan jedhame hin jiru.
"Tuniziyaa keessatti warri daabboo tolchan seera tokko qabu. Innis guyyaa hunda daabboo tolchan daabboo muraasa kan Juwishoota kaardii hin qabneef kennamu hambisuu kan jedhu"
"Dubartoonni Arabaa daa'imman warra juwish mana isaaniitti fudhatanii guddisu. Sababni isaas maatii isaanii biratti nyaataa fi aannan waan hin arganneefi"
Aljeeriyaa keessatti Fatwa kan jedhamu seerri amantootaaf bahe namni kamuu qabeenya warra Juwishootaa akka hin saamne, akka hin miliksine kan ajeju ture. Erga tumaan kuni bahee Arabni tokkolleen faallaa seera kanaa hojjete hin turre.
Yaadotni armaan olitti eeraman kunneen yeroo ajjeechaan jumlaa warra Juwishootaa irratti raawwatamaa ture haala Kaaba Afrikaa keessa ture irratti qorannoo kan gaggeessan Daayireektarri inistituutii Washingtan, Dr. Rob Satloof kan barreessani.
Warri naaziii yeroo ajjeechaa jumlaa sana Awurooppaa keessatti Juwishoota Miliyoona ja'a ta'an kan ajjeesan yoo ta'u, Kaabaa Afrikaa Keessattis yaaliin akkasii tureera.
"Jumlaatti ajjeessuu saniin alatti wanti Juwishoota Awurooppaa irratti raawwatame Juwishoota Biyyoota Arabaa irrattis raawwatameera" jedhu Satloof.
Akka Odeeffannoo Muuziyeemiin Yaadannoo ajjeechaa jumlaa Juwishootaa US jedhutti, Juwishotni miliyoona walakkaa ta'an biyyoota Morookoo, Aljeeriyaa,Tuniiziyaa fi Liibiyaa keessa jiraatu.
Satloof Biyyoota kunneen keessatti lakkoofsa Juwishoota Ajjeefamanii kuma afurii hanga kuma shanii ta'a jedhanii tilmaamu.
Waan hunda Ofii balaarra buusan
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Arabootni sadii kanneen waan hunda isaanii balaarra buusanii lubbuu warra Juwishootaa baraaraa turan wiirtuu yaadannoo ajjeechaa jumlaa Juwishoota Israa'eel keessatti yaadannoo addaa argachuu qabu kanneen jedhan jiru.
Tuniziyaa, biyya bara 1942 hanga 1943 guutumaan guutuutti Naaziidhaan too'atamtee turte keessatti, warri Juwishootaa uffata keelloo akka uffatan dirqisiifamaa turan.
Eegasii dhiironni Jewush hundi dirqamaan hojii humnaatti akka bobbaafaman ajajaman. isaan keessaa tokko, Jooseef Nakache miliqe.
Namni kuni Waggaa kudhan booda satloofin Paariis keessatti walarge namni arabaa tokko akkamiin lubbuusaa balaarra buusee akka miliquuf akka isa gargaare itti hime.
Akka Satloof jedhanitti, bara 1942 keessa dhiirota Juwiish kan warri Naazii galmee isaanii irratti qabatanii jiran dhoksanii argamuun yakka guddaan waan nama gaafachiisu ture.
"Nakachen bakka walitti qabamanii jiranii miliquudhaan fiige. Warri Jarmanii akka isa fuudhanii hin deemneefi. Osoo fiiguu mana fincaanii olla sana jiru seene"
Abbaan qabeenyaa mana sanii kan ta'an Hamza Abduljaliil, gajjallaa gamoo geessanii jara jalaa akka isa baraaran itti himan.
"nama lubbuun baraarame kana qofa osoo hin taane Tuuniis deemeen mana inni keessa dhokatee turee fi ilma namicha isa baraaree kanas argadheera. ilmi kuni odeeffannoo hunda nibeeka. Seenaa sukaneessaa kana kara lamaanirraayyuu odeeffadheera" jedha Satloof.
Kantiibaan magaala Tunis duraanii Si Ali Sakat kaampii hojjettootni humnaa Juwish keessa qubsiifaman keessatti nyaataa fi dahoo akka isaan argatan gochuun waan gaarii dalagan. Kaampiin kuni magaala Tunis irraa kiloomeetira 55 fagaata.
Balaa hamaa dura dhaabbatame
Seenaan ajaa'ibsiisaan satloof seenaawwan kaanirra addatti isa ajaa'ibu waa'ee Kaaliid Abdulwahaabi. Kaaliid ajajaan warra Naazii ijasaa dubartoota warra Juwish irra akka kaa'atee jiru yeroo inni dubbatu dhokatee dhagahe.
Halkan walakkaa dubartii ajajaan kuni ija irra buufatee jiru kanaa fi maatiishee miliksee lubbuun oolche.
Dubartii kanaa fi maatiishee lafa qonnaa isaa kan magaala Tuunis irraa kiiloomeetira 30 fagaatee jiru keessa geessee dhokse.
Kaaliid kan baraare dubartii kanaa fi maatiishee kana qofa miti. Yeroo duulli warra Naazii xumuramu Kaaliid dubartootaa fi maatii isaanii kan warri dhiiraa irraa hojii humnaatiif fudhataman 20 dhoksee lubbuun oolche.
Wiirtuun yaadannoo ajjeechaa jumlaa Juwishootaa nama kana ' Nama addaati' jedhaan.
"Jarman guutumatti Tuniziyaa too'attee kan turte ji'oota ja'aaf qofa. Kanaaf jecha karoorri isaanii warra Juwishootaa guutumati fixuu hin milkaa'in hafe" jedhu Yad Vashem.
Ji'a Muddee bara 2011 Eva Wizil, kan umriishee ganna 13tti Kaaliid dhoksee lubbuu oolche waa'ee taatee yoo sanaa irratti gaazexaa Niiwuyoork Taayims irratti maxxansiiste.
"Akkan umrii dheeraa jiraadhuu fi gammachuun jiraadhuuf kaaliid Abdilwahaab balaa hamaa ofitti fuudhee anaa fi maatiikoo waan na oolcheefi" jette.
Namoota ajjeechaa Jumlaa Warra Juwishootaa irratti yeroo raawwatamaa ture isaan oolchuuf gumaachan jedhamanii beekamtii argatan kuma 28 keessaa 70 musliimota yoo ta'an, Araba kan ta'e nama tokko qofa.
Innis Lammii Ijipti Dr Mohaammad Helmii kan dubartii Juwish tokkoo fi maatiishee Barliin keessatti dhoksuun lubbuu oolche.
Balaa ajjeechaa jumlaa qiyyaafame
Yunvarsiitii Manahatanitti daayireektara wiirtuu ajjeechaa jumlaa fi dhimmoota isaan walqabatanii kan ta'an, Dr Mehinaaz Afridi, ammoo Mootiin Morookoo yeroo sana turanis beekamtii argachuu qabu jedhu.
"Yeroo sana Morookoo keessatti warri Juwishootaa Kaampii keessatti akka walitti qaban warri Naazii ajaja kennanii ture. Mootiin morookoo yeroo sanaa Mohaammad V, seera farra Juwishootaa dhufe kanaa fudhachuu didan" jedhu.
Weebsaayitii Yad Vashem irratti kan barreessan Dr. Jeekii Matiger ammoo "Holokasti yookan ajjeechaa jumlaa Juwishootaa jechuun nama hedduu ajjeesudha yoo ta'e, waan kuni Kaaba afrikaa keessatti hin raawwatamne"
"Seenaan Juwishootaa yeroo sana achitti ture sirnaan qajeelfamuu qaba. Kabaa Afrikaatti Yeroo sana qiyyaafannaa ajjeechaa jumlaatu ture malee qabatamaatti hin ceene" jechuun ibsu.
Garuu wiirtuun Holokaastii yookan ajjeechaa jumlaa warra Juwishootaa deebii barreeffamaan BBCf kenneen "Kaabni Afrikaa qaama ajjeechaa jumlaa warra Juwishootaa ture" jedhe.
"Warri Naazii carraadhuma gara kaanitti Juwishoota irratti raawwatame achittis Yaalan. Osoo yeroo Kaabni Afrikaa bara 1943 bilisoomuu baatee akkuma Poolaand Bara 1945 bilisoome ta'ee, waanuma walfakkaatutu achittis ta'a ture. Juwishiin achittis lubbuun hafu hin jiraatuyyu" jedhan.
Satloof waan yeroo ajjeechaa Jumlaa Juwishoota irratti raawwatamaa ture sana turee fi gumaacha Arabootni lubbuu Juwishootaa baraaruuf taasisan amma dhaabbilee hedduun Kaaba Ameerikaa fi Awurooppaa beekamtii kennaafii jiru. Kuni baayyee nagammachiisa jedha.
Ragaalee dabalataa hedduun argamaa deeman mootummoonni fuula duratti beekamtii guutuu akka kennniif abdiin nijira jedha Satloof.















