Iraan namoota 20 Israa'eliif basaasuun shakkite to'annoo jala oolchite

Madda suuraa, SM
Dhaabbanni oduu Iraan Tasnim kan Korporeeshinii Eegdota Warraaqsa Islaamaa waliin hidhata qabu ibsa waajjira abbaa alangaa bulchiinsa Azarbaajaan Dhihaa irraa kenname wabeeffachuun, akka gabasetti kaaba dhiha Iraan keessatti namoonni 20 Israa’eliif baasaasuun himataman to’annoo jala oolaniiru.
Bakka buufanni waraanaa, loltootni poolisii fi humnootni nageenyaa Iraan jiran ilaalchisee odeeffannoo Israa’eliif erguun himatamuu isaanii ibsichi kan eeru.
Maddi tarsimoo waraanaa Israa’el beeku tokko torban darbe Rooyitarsiitti akka himetti Israa’el haleellaa marsaa haaraa Iraan irratti raawwachuu kan jalqabde, odeeffannoo basaastootni Iraan keessa jiran erganiif irratti hundaa'uun buufataalee sakatta’iinsa nageenyaa irratti haleellaa raawwatteerti.
Gabaasni miidiyaalee biyya keessaa akka agarsiisutti aangawoonni Iraan guutuu biyyattiitti sakatta’iinsa bal’aa kan raawwatan yoo ta’u, guyyoota darban keessa namoonni dhibbaan lakkaa’aman Israa’elii fi Ameerikaa waliin tumsuun shakkamanii to’annoo jala ooluu isaanii ni mul’isa





