Rakkoo Galaana Diimaa Ramadaana keessa hanqina tamiriif sababa ta'e

Awaad Omaar magaalaa Keeniyaa umrii dheeraa qabdu Mombaasaa keessaa dukkaana (suuqii) xiqqoo tokko qaba. Tamirii Sa'uudii irraa dhufuu fi damma Yaman fi Jarmanii irraa dhufu gurgura.
Gabaan Omaar waqtii kana ho'a. Ji'a Ramadaanaa keessa. Sooma Ramadaanaaf akkaan qophaa'aa turus taateen barana Galaana Diimaa mudate garuu guddoo isa yaachiseera.
Biyyoota Afrikaa fi Arabaa (Baha Giddugaleessaa) walquunnamsiisuuf murteessaa kan ta'e Galaana Diimaarratti gooliin uumamuu erga eegalee waggaa lama caaleera.
Huutiin Yaman erga of cimsanii booda dooniiwwan meeshaalee daldalaa fe'uun galaana kanarra yabalan haleeluu eegalan.
Dhiyoo kana ammoo erga waraanni Gaazaa fi Israa'el eegalee haleellaan Galaana Diimaarratti raawwatu hammaateera.
Gareen Huutii dooniin warra lixaa Israa'eliif gargaarsa geessa jechuun haleelu, Ameerikaa fi UK dabalatee biyyoonni lixaa ammoo nageenya daldala Galaana Diimaa mirkaneessuuf jedhanii Huutii irratti haleellaa banan.
Ulaan daldalaa ijoon kun yeroo ammaa dirree waraanaa fakkaateera.
Haleellaan kun biyyoota Baha Afrikaa guddoo miidhaa jira.
Sa'uudii Arabiyaan gosa tamirii bayyee mi'aawaa ta'e qabdi. Asitti baayyee jaal'atama. Garuu bara kana akkaan qaala'eera. Sababi ammoo gatiin geejjibaa dabaluudha. Gatiin doolaaraa dabaluunis sababa biraadha,'' jedha Awaad Omaar.
Bara kana dolaarri Ameerikaa tokko shiliingiin Keenyaa 144, bara darbe yeroo kanatti 127 ture.
''Kaartooniin tamirii tokko doolaara 17n gurguramaa jira. Bara darbe yeroo kanatti doolaara 10 ture. Nutis gatii qaaliidhaan binnee rakasa gurguruu hin dandeenyu,'' jedha daldalaan magaalaa Mombaasaa biraan Fu'aad Omaar jedhamu.
Tamiriin Muslimoota addunyaarra jiran hunda biratti soorata akkaan barbaadamuudha. Keessattuu wayita sooma Ramadaanaa akka soorata humna kennuutti fayyada.

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Meeshaaleen daldalaa fi soorataa hedduun gara Keeniyaa kan seenan dooniidhaani. Xiyyaaraa fi lafoodhaan meeshaalee kunneen fe'uun kan doonii waliin yoo walbira qabame baayyee qaaliidha.
kanaaf yeroo baayyee kuduraalee fi muduraaleen, tamiriin, xaa'oon, boba'aa fi meeshaaleen biroon dooniidhaan kan geejjibsiifamaniif.
Ta'us garuu atakaaroon Galaana Diimaa dooniiwwan ardiilee hedduu qaxxaamuruun daandii dheeraa akka imalan dirqamsiiseera. Kun ammoo gatii geejjibaa olkaaseera.
Rakkoon imala galaanarraa mudataa jiru kun yeroo dheeraa keessatti diinagdee biyyootaa laaffisuu akka danda'u tilmaamama.
Ogeessi diinagdee Keeniyaa Keen Giichingaa qamadiin Raashiyaa fi Yukireen irraa dhufaa ture gufachuun hagam haalota walxaxaa akka taasise yaadachuun dhiibbaa rakkoon Galaan Diimaa qabu ibsa.
''Dhiyeessiin hir'atee fedhiin ammoo kan dabalu yoo ta'e gatiin akkaan olka'a. Gatiin qamadii kan dabales haala kanaani. Haalli kun meeshaalee kaanis yoo mudate gatiin akkaan qaala'uun waan hin oolle,'' jedha ogeessi diinagdee kun.
Akka ogeessa kanaatti haalli kun yoo mudate Baankiiwwan Giddugaleessaa wanti gochuu danda'an, dhala baankii dabaluudha.
Kun mataansaa namoonni liqeeffachuuf humna akka dhaban taasisa, daldala dadhabsiisa, haala kanaan diinagdee laaffisaa deema jedha ogeessi kun.
Goolama gareen Huutii Galaana Diimaarratti uumaniin kan yaaddoo keessa gale oomishaalee nyaataa qofa miti. Meeshaalee qananii kan jedhaman kanneen akka konkolaataas dabarsuun rakkoo ta'eera.
Leenaard Injiruu karaa Mombaasaa konkolaattota biyya alaatii galcha. Awurooppaa, Dubaay, Singaapor, Jappaan irraa konkolaataan galchu yeroon ga'aa waan hin jirreef bittoonni maallaqasaanii dhabaa jiru jedha.
Dooniiwwan gara Keeniyaa seenan lakkoofsi isaanii yeroo gara yerootti hir'ataa jira. Kun maaliif akka ta'e adda baasuuf Abbaa Taayitaa Ulaa Galaanaa Keeniyaaf gaaffiin dhiyaatus deebiin hin argamne.
Dooniiwwan Awurooppaa fi Eeshiyaarraa gara Baha Afrikaa imalan daandii ijoon isaanii Galaana Diimaadha.
Haata'u malee yeroo ammaa rakkoo ulaa Galaana Diimaa mudaterraa kan ka'e fageenya maayililii kuma 50 imaluun qarqara Kibba Afrikaa- Cape of Good Hope irraan naanna'uun seenaa jiru.
Kubbaaniyyaawwan doonii sababa imala fageenya dheeraa kanaa baasii inshuraansii dabalataa fi namoota doonii oofaniif ammoo kan yeroo kaanii caalaa miindaa dabalataa kaffaluuf dirqamu.
Baankiin Misoomaa Afrikaa ibsa dhiyoo kana baaseen gatiin boba'aa fi meeshaalee daldalaa dabaluun walitti bu'iinsa hammeessuu danda'a jedheera.
Daldaltoonni Mombsaa, kanneen akka Awaad, taateen Galaana Diimaa daldallisaanii akka qabbanaa'u taasisuu himan.
''Soomi Ramadaanaa tamiriidhaan bareeda. Amantii keenya keessatti akka barannetti sooma tamiriitti furuu qabna,'' jedha Awaad Omaar.












