Imala Hajjii baranaarratti lubbuun lammileen Itoophiyaa shan darbe

Ummata Sa'ud Arabiyaatti Hajjiirratti hirmaacha ajiru

Madda suuraa, Getty Images

Imala amantaatiif gara Sa’ud Arabiyaa kan deeman lammileen Itoophiyaa shan dhukkubaafi balaa konkolaataatiin lubbuu dhabuu Manni-maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamaa Itoophiyaa ibse.

Lammileen Itoophiyaa bara kana Imala Hajjiirratti hirmaatanii turan keessaa “maanguddoon tokko” balaa konkolaataatiin, kan biroon afur ammoo “dhukkuba duraan qabaniifi [imalaan] muddamuun” lubbuusaanii dhabuu ogeessi sabaa-himaa Mana-marichaa Yusuuf Getaachoo BBCtti himaniiru.

Obbo Yusuuf sababa balaa konkolaataatiin maanguddoon lubbuun isaanii darbe achuma Sa’ud Arabiyaa keessatti awwaalamuu eeraniiru.

“Maani-maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamaa Itoophiyaa hospitaala deemuun namni du’an kun lammii Itoophiyaa ta’uusaanii mirkaneesseera. Dokumantii jiru [mootummaa Sa’udiif] waan kenneef achumatti awwaalamaniiru. Maatii isaaniittis himameera,” jedhan.

Haata’u malee, lammileen Itoohiyaa “akka seera Sa’ud Arabiyaatti maatiin hanga dhufutti, wantonni tokko tokko hanga qulqullaa’anitti [osoo hin awwwaalamiin] turu,” jedhan itti dabaluun.

Imala Hajjii bara kanaa 144ffaa irratti Itoophiyaarraa namoonni kuma 12 hirmaataniiru. Imala amantaa kanaaf, guutummaa addunyaarraa namoonni miliyoona 1.8 ta’an gara Sa’ud Arabiyaatti imalaniiru.

Imala kanaan yoo xiqqaate lammileen biyyoota garagaraa 577 lubbuu kan dhaban yoo ta’u, baayyeen isaanii ho’a waliin walqabatee akka du’an AFPn madden dippilomaasii eeruun gabaasee ture.

Warra du’an keessaa garri caalan Afrikaanota yoo ta’an, yoo xiqqaate 323 lammilee Masirii ta’uusaanii dippilomaatonni araba lama AFPti himaniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ho'i Sa'ud Arabiya ajiru baayyee cimaa akka ta'eefi imaltootaaf rakkisaa akka ture Obbo Yusuuf dubbataniiru.

"Ho'a cimaatu ture. Yeroo tokko tokko hanga 50 [digirii sentiigiredii] yeroo itti qaqqabu jira" kan jedhan Obbo Yusuuf sababa ho'a kanaatiin garuu "[Imaltoota] Hajjii Itoophiyaarra ta'an tokkollee kan du'e hin jiru.

Sababiin isaa ammoo Itoophiyaanonni baayyeen kan dhufan naannoo ho'a ta'erraa waan ta'eef amala uumamaa haala qilleensaa akkasii kana dandamachuu itti danda'an waan qaban natti fakkaata," jechuun dubbatan.

Bara kana lammileen biyya alaa miliyoona 1.6 dabalatee namoonni miliyoona 1.8 ol ta'an Imala Hajjiif Sa'ud Arabiyaarratti hirmaachuusaanii aanga'oonni Sa'udii beeksisaniiru.

Wixata darbe yeroo sagantaan Imala Hajjii masjiida Makkaa guddichatti goolabametti ho'i hanga digirii sentiigiredii 51.8 qaqqabee akka ture TVn Sa'ud arabiyaa gabaaseera.

Jireenya Musliimotaa keessatti baayyee barbaachisaa kan ta'e Imalli Hajjii duudhaalee amantaa Islaamaa shanan keessaa tokkodha.

Musliimonni humna qaban jireenya isaanii keessatti yoo xiqqaate si'a takkaa imala kana taasisuun isaanirraa eegama.

Reeffa namootaa

Madda suuraa, Getty Images

Imalaan tokko Hajjii irratti lubbuun yoo darbe maaltu ta'a?

Namni tokko Imala Hajjii irratti sababa kamiiniyyu lubbuun isaa yoo darbe du'i isaa Miishinii Hajiitti gabaafama.

Eenyummaa harka irratti ykn mormarratti godhatamuun eenyummaan nama du'ee adda baafama.

Isaan booda hakiimaan sababiin du'a isaa adda baafamee mootummaan Sa'ud Arabiyaa sartifikeetii du'aa kenna.

Nama lubbuun isaa darbeef amantaa Islaamaa keessatti bakka guddaa kan qabu masjiida Makkaa keessatti Masjiida Al-Haraam ykn masjiida Nabiyyuu Makkaati argamutti kadhaan taasifamaaf.

Mootummaan Sa'udii baasii hunda danda'ee reeffi dhiqamee maramuun firiijii keessa gala.

Sirni awwaalchaa ammoo odeeffannoo eenyummaa nama du'ee sana qabu waliin raawwatama. maatiin nama du'ee fedhii yoo qabaatan bakka awwaalcha sanaa dawwachuu ni danda'u.

Addeessi Diimaa namoota Imala Hajjiirratti lubbuun isaanii darbe "haala kabaja isaaniif maluun sirni awwaalcha isaanii raawwwatamuu" ni mirkaneeffata.