Namoota Hajjiif Saawudii deeman keessaa 14 sababa ho'a jabaan du'an

Madda suuraa, Getty Images
Lammiileen Joordaan yoo xiqqaate 14 tahan imala Hajjiif bahan Sawud Arabiyaa keessatti sababa ho'a guddaan lubbuun isaanii darbuu qondaalonni mootummaa himan.
Ministeerri Dhimma Alaa Joordaan, lammiileen isaanii 14 tahan ''sababa ifa aduu jabaan ho'a mudateen'' lubbuun isaanii darbuu fi namootni biroo 17 tahan ammoo achi buuteen isaanii dhabamuu hime.
Akka gabaasa AFPtti, Waldaan Addeessa Diimaa Iraan lammiileen Iraan shan imala Hajjiif deeman lubbuun isaanii darbeera. Garuu sababa du'a isaanii ilaalchisee waan jedhe hin qabu.
Mootummaan Joordaan lammiilee isaa dhabaman barbaadaa akka jiru ibseera.
Ministerri Dhimma Alaa Joordaan ibsa baaseen mootummaa Saawudii waliin tahuun fedha maatii gaafachuun reeffi namoota du'anii gara maatiitti deebisuu fi achumatti awwaalamuu isaarratti hojjechaa jira jedhe.
Hojjiin imala amantaa guddicha addunyaa irratti beekamudha. Bara kana namootni miliyoona 1.8 tahan imala Hajjii kana irratti hirmaataniiru, akka gabaasa qondaalota Saawudiitti.
Haa tahu malee, yeroo imala Hajjii kana balaa hamaa hedduunis ni dhaqaba. Isaan keessaa namootni waldhiibuu fi balaa abiddaa godo buufatan keessatti mudatudha.
Inni guddaan garuu balaa ho'aa sababa ifa aduu jabaan mudatudha.
Torban kana tempireecherri 46C gaheera. Sagantaalee amantaa alatti rawwatamanii fi miilaan imaluu gaafatan akka hin gageeffamneef gufuu itti taheera. Keessumaa jaarsoliif qormaata guddaa taheera.
Hogganaan Meetiroloojii Saawudii Aymaan Guulaam, torban darbe akeekkachiisanii ture.
''Haalli qilleensaa [tempirecheraa] bara kana imala Hajjiif eegame gidduugaleessaan digirii seelshiyeesii 1.5 hanga lamaa dabaleera. Kun ammoo isa Makkaa fi Madiinaatti barameen olidha.''
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Imalli Hajjii guyyaa shanii kun magaalota lameen Makkaa fi Madiinaatti gaggeeffama. Gidduugalli yaalaa naannoo Gaara Arafaat jiru sababa ho'a jabaan namootni 225 tahan yaalamuu ibseera.
''Miidhama qaamaa hamaa qaba, garuu jireenya afuuraa ofii guuttachuudha,'' jedhan lammiin Kanaadaa imala Hajjiif deeme AFPtti akka himtetti.
Yeroo sirna amantaa gaggeessinu, 'sababa ho'a hamaan dadhabbii guddaa keessa turre'' jette.
Sagantaan imalli Hajjii kun Roobii dhufu kana akka goolabamu qondaalonni Sawudii himaniiru.
Qondaalonni Sawudii ho'a kana to'achuuf bakkeewan baay'ee haala qilleensaa isaa to'achuun danda'amu qopheesineerra jedhan.
Imaltoota Hajjiif bishaan rabsuun akkamiin ho'a aduu irraa akka of eeguu danda'anis gorsa kennaafii turuu himan.
Ministerri Fayyaa Sawudii imaltootni akka bishaan dhuguu qabanii fi yeroo ho'a aduu jabaan jiru sa'a 10:00-16:00 jechuun ganama sa'a 4:00-10:00 akka manaa bahuu hin qabne himeera.
Bara darbe yoo xiqqaate sababa ho'a wal fakkaataa mudateen namootni 240 Hajjiif imalan lubbuu dhabaniiru. Seenaa imala Hajjii keessatti balaa guddaan mudate ammoo balaa konkolaataa bara 2015 raawwatee namoota 2000 ol fixedha.












