Amantaa adda addaa keessatti horiin maaliif aarsaaf dhiyeeffama?

Madda suuraa, Getty Images
Hordoftoota amantaa Islaamaa biratti ayyaanni qalma Id Al Adahaan, ergamaa Abrahaam ilmasaa Waaqaaf aarsaa gochuudhaaf hayyamamaa ta'u yaadachuun kabajama.
Hordoftoota amantaa Kiristaanaa biratti Abrahaam, hordoftoota amantaa Islaamaa biratti ammoo Ibiraahim jedhamuun kan beekamu, ajaja Rabbiitiin ilamasaa aarsaa gochuuf qophaa'ee ture.
Haata'u malee wayita ilmasaa aarsaa gochuuf jedhu Waaqni isa dhaabsiisuun bakka ilmsaa hoolaa aarsaa akka taasisan amanama.
Hordoftoonni amantaa Islaamaa addunyaa maratti argamus horii adda addaa aarsaa gochuudhaan ayyaana kana kabaja.
Gochaan horii aarsaa gochuu kunis amantaawwan gurguddoo biraa biratti attamiin ilaalamaa? Ofii amantaawwan akka Kiristaanaa, Hinduu fi Ayihudii horii aarsaa taasisuu kana attamiin ilaalu?
Amantaa warra Yihuudotaa

Madda suuraa, Getty Images
Horii aarsaa kennuu keessatti amantaaleen Kiristaanaa fi Ayihuudii, kan Islaamaa waliin seenaa wal fakkaataa qabu.
Caaffanni qulqullaa’oon warra Ayihudootaa, aarsaawwan gosa adda addaa, tokkoon tokkoon isaanii kan yeroofi bakka adda ta’e qabu jedhu dursaan amantaa Ayihud (Raabii) Gaarii Somars.
Geeriin, itti gaafatamaan tajaajila barnootaa Kolleejjii 'Leo Baeck UK' yoo ta'an, ''Yeroo ammaa kana manni qulqullummaa sirnoonni kun itti gaggeeffaman waan hin jirreef aarsaa kana hin raawwannu. Inumaayyuu aarsaawwan kana kadhannaadhaan yaadanna,'' jedha.
Dursaan amantaa Dr Biraadilii Shaavit Artsan, Ameerikaatti Ittaanaa Pirezidaantii Yunivarsiitii Yihudootaa fi Dursaan Diinii Abner & Roslyn Goldstine Mana Barnootaa Qorannoowwan Raabuummaa Ziegler'ti.
Innis “Mana Qulqullummaa Lammaffaan Warri Roomaatiin balleefammuun wal qabate, amantii Yihudootaa keessatti aarsaan horii ammatti hin hayyamamu,'' jedhan.
Namoonni hedduun dhaabbateera jedhanii kan amanan yoo ta’u, kaan isaanii immoo erga Masiihichi dhufeen booda deebi’ee eegala jedhaniin amanu,” jechuun ibsa.
Manni qulqullummaa kun gaara Mana Qulqullummaa, bakka yeroo ammaa Masjiidni Al-Aqsaa dhaabbate, Magaalaa Durii Yerusaalem keessatti argamu agarsiisa.
Yihudoonni erga manni qulqullinaa deebi’ee ijaarameen booda gara shaakala aarsaa looniitti deebi’uu akka danda’an amanuun, manni qulqullummaa deebi’ee akka ijaaramu kadhatu.

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Sababa mana qulqullummaa hin jirreetiif Yihudoonni baay’een aarsaa horii kan hin raawwanne ta’us, gareewwan Yerusaalem keessa jiran tokko tokko ammoo akkuma warra Samaariyaa, ammayyuu yeroo Faasikaa aarsaa raawwatu.
Kaan isaanii immoo maallaqa gatii horii aarsaatiin wal gitu arjoomu.
Hoolaa, bushaayee, saawwa ykn re’ee ta’us, kan aarsaaf dhiyaatu sun kan amantiichaa mijatu, ykn ‘kosher’ ta’uu qaba.
Dr Artsoon: “Horii ykn loon qulqulluu qofatu qalamuuf hayyamame. Isaan keessaa kaan iddoo aarsaarratti kan gubatan, kaan ammoo maatii lubootaaf kan kennaman yoo ta’u, kaan immoo namootuma ayyaanicha kabajanii fi maatiisaaniitiin kan nyaataman turan” jechuun seenaa kana ibsuuf.
Kallattiidhaan aarsaa kennamu kan barame ta’uu baatus, foon nyaachuun garuu ayyaanota hedduu keessatti waan baratamaa ta’uun itti fufee jira.
Sirni Yihudootaa aarsaa beeyladaa garaagaraa kan qabu yoo ta'u, haaluma kaayyoo isaattis aarsaas garaagarummaa qaba.
Kanaan dura ayyaanni hajjii amantii Yihudootaa sadii: Pessah (Fasikaa), Shavuot (Ayyaana Torban), fi Sukkot (Ayyaana Godoo Qulqullootaa), akka taateewwan aarsaa horiitti hiika qabu turan.
UK'tti Ittigaafatamaa tajaajilwwan akaadaamii Kolleejjii Leo Baeck, Dursaa amantaa (Rabbi) Gaarii Somars, ayyaanonni biroo kan akka Rosh Hashanah (Waggaa Haaraa Yihudootaa) fi Yom Kippur (Guyyaa Araarsummaa) aarsaa horii kan hammatan ta’uu ibsu.
Seenaan aarsaa Nabiiyyuu Abrahaam kunis macaafa qulqulluu Yihudootaa keessattis barraa'eera. Haataʼu malee, ajajni aarsaa horii akka raawwatan yeroo booda kan dhufeefi Yihudootaaf xinnoo adda ture.
Kiristiiyaana

Madda suuraa, Getty Images
Kiristaanummaan amantii Yihudootaa irraa hundee kan qabu yoo ta’u, barreeffamoonni Yihudootaa Kakuu Moofaa Macaafa Qulqulluu wajjin waan baay’ee kan wal fakkaatu qabu.
“Kitaabonni Kakuu Moofaa, keessattuu Lewwoota 17 fi Seera Keessa Deebii keessatti, aarsaan horii akkamitti akka gaggeeffamuu qabu bal’inaan ibsu.
''Akkaataa adda addaatiin ganamaa fi galgalaa akkasumas yeroo ayyaana adda addaatti raawwatama,” jedhu Dhaakaa keessatti Paastarri Waldaa Kaatolokii Kaafruul, Dr Piroshaanto T Reebeeron.
Yeroo sanatti, aarsaan horii kan raawwatamu amala garii hin taaneerraa abdii qalbii diddiirrannaa fi dhiifama argachuuf ture.
Haata'u malee, sababii duuti Iyyasuus Kiristoos aarsaa isa dhumaatti ilaalamuuf, aadaan sun kana booda amantiidhaan kan raawwatamu miti. Kiristaanummaa keessatti Iyyasuus akka ‘Hoolaa Waaqayyootti’ ilaalama.

Madda suuraa, Getty Images
Aarsaadhaaf ajajni amantii jiraachuu baatus, yeroo baay’ee “namni tokko Waaqayyoof waadaa yoo gale ykn yoo kakate, aarsaan horii karaa addaatiin ni kennama”.
Walitti dhufeenya Yihudoota waliin qabuun alattis, amantii Kiristaanummaa keessatti maqaa Uumaatiin aarsaan horii kennuu ilaalchise kaa'ame hin turre jedhu Dr Reebeeron.
Haata'u malee, foon nyaachuu irratti daangeffamni hin jiru. Biyyoota hedduu keessatti ayyaana Faasikaa warra Yihudootaa irratti foon hoolaa nyaachuun aadaadha.
Dr Reebeeroon yeroo Xaaliyaanii turetti, Faasikaan dura foon hoolaa nyaachuun dirqama jechuun ni dandaʼama jechuun waan hubatan ibsu.
Haata'u malee, amantii Kiristaa keessatti aadaan kana akka, duudhaa warra Yihudootaa kaayyoo amantiitiif horii aarsaa godhanii sun hin jiru.
Amataa Hinduu

Madda suuraa, Getty Images
Amantii Hindu keessatti dhimma aarsaa horii irratti falmiin jiraatus, kutaa Hindii tokko tokkotti raawwatamaa tureera.
Fakkeenyaaf, kutaalee Hindii ykn Baanglaadeesh hedduu keessatti ayyaanota akka Durgaa Puujaa fi Kaali Puujaa dabalatee, sirna amantii keessatti aarsaan ni dhiyaata.
“Macaafa qulqulluu Hindu durii adda addaa, kan akka Ramayana fi Mahabharata jedhaman akkasumas kitaabonni qulqulluun, akka Puranas, aarsaa beeladootaa kana eeru,” jedhu Gargaaraa piroofeesara Dippaartimantii Sanskrit Yunivarsiitii Chittagong (Bangladesh, Dr Kushal Baran Chakraborty.
"Barreeffamoota amantii durii amantii Hindu keessaa tokko kan ta'e Rigveda keessatti bineensi wareegame bilisummaa akka argatu fi garbummaa irraa bilisa akka ta'u caqafameera," jechuun ibsa.
Aarsaan bineensotaa bara Veedii, bara 1500 fi 500 (BC) gidduutti akka barame amanama ture. Foon kun waaqoliif kan dhihaatuu yoo ta’u, achiis ayyaana irratti nyaatama ture.
Haata'u malee, ogeeyyii Hindii bara ammayyaa biratti gocha aarsaa bineensotaa kanarratti yaada garaa garaatu jira.
Aarsaan horii kunis ammallee manneen qulqullummaa durii tokko tokko keessatti raawwatamaa jira jedhu Dr Chakraborty. Manneen qulqullummaa akka Dhakeshwari Baanglaadeesh fi Tripura Sundari, Kamakhya fi Kalighat Kali Hindii keessatti ni raawwatama jedhu.
Haata'u malee, ogeettii amantii Hindu kan biraa, Dr Rohini Dhaarmaapaal, Hindii ammayyooftuu keessatti aarsaa bineensotaa bal'inaan raawwatamu akka hin beekne dubbatti.
Dr Chakraborty akka jedhaniitti, gochoonni ammayyaa aarsaa bineensotaa amantii Hinduummaa keessatti raawwatamus, yeroo baay’ee barbaachisummaa hafuuraa aarsaa sanaa caalaa ofitti gammaduu, dorgommii ykn ofitti amantaa qabaachuu cimsufiidha. Kunis qulqullummaa gochichaa akka hir’isu itti dhaga’ama.
Gareewwan hedduun Hindii fedhii mataasaaniitiin aarsaa beeyladoota Mana Qulqullummaa adda addaa keessatti raawwatamu dhaabuun, beeylada kaayyoo amantaaf jecha qaluun akka dhorkamuf duula gaggeessaa jiru.
Siriilaankaa fi Neepaal ammoo aarsaa beeyladaa warra Hinduutiin akka hin rawwatamne dhorkan. Haata'u malee, dhorkaan kunis yeroo hunda kan kabajamu miti.












