Waa'ee Arafaa wantoota beekuu qabdan shan

Madda suuraa, Getty Images
Ayyaanota gurguddoo hordoftoonni amantii Islaamaa kabajan keessaa tokko ayyaana Arafaati.
Ayyaanni kun akka lakkoofsa Hijiraatti ji’a isa dhumaa (ji’a 12ffaa) keessa kabajama.
Kabaji Ayyaana Iid al-Adhaa kun sirna Hajjii wajjin walhidhata. Kanaaf, guyyoonni kurnan jalqabaa ji’a Zul-hijjaa (Arafaa) murteessaadha.
Ji’a kana keessa Muslimoonni addunyaa mara irraa Makkaatti walga’uun sirna Hajjii raawwatu.
Iddoon kun bakka walqixxummaan, kabaji, naamuusi fi jaalalli itti calaqqisuu fi kadhannaa fi galateeffannaan qofti keessatti raawwatamuudha.
Ofii Hajiin maali, akkamiin eegale, maalfaatu raawwatama? Dhimmoota kunneen irratti odeessa qixeessine akka itti aanutti dhiheessina.
Hajjiin maali?
Utubaawwan Islaamummaa shanan hordoftoonni amantii Islaamaa dhugeeffatan keessaa tokko kan ta’e Hajjiin, akkaataa lakooofsa Hijiraatti ji’a xumuraa keessa raawwatama.
Ji’i 12ffaa fi inni xumuraa sirni Hajjii keessa raawwatamu kun Zul-Hijjaa jedhamuun beekama.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Muslimoonni addunyaa mara irra jiran sabaan, bifaan, sadarkaa hawaasummaa fi diinagdeen, aadaan osoo wal hin qoodin waggaatti yeroo tokko Makkaatti walga’u.
Achitti Ka’abaa duratti ba’uun Rabbi qofa kadhatu jechuun ibsan Gumii Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaatti (Majilisa) pirezidantii kan ta’an Sheek Hajjii Ibraahim Tufaa.
''Namni Muslima ta’e tokko yoo dandeettii maallaqaa fi qaamaa qabaate, sirna Islaamummaa shanan keessaa tokko ta'e kana, jireenyasaa keessatti yeroo tokko raawwachuun dirqama,'' jedhan.
Sirni namni danda’u hundinuu irratti argamu kun obbolummaa kan cimsuu fi dhalli namaa hundinuu Rabbi biratti walqixa akka ilaalamu kan calaqqisiisuudha.
Akka barsiisa amantii Islaamaatti iddoo sirni Hajjii kun itti raawwatamutti hunduu walqixa.
''Qabeenyaan, uffataan, bifaa fi gulantaa hawaasaa keessaa dhufaniin dhaadachuun hin jiru.''
Hunduu uffata fedhe, faashinii fedhe achitti agarsiisa osoo hin taane uffata walfakkaataatu uffatama. Kunis ''namuu uumaa duratti walqixa'' hiika jedhu jabeessa.
''Hunduu uffata adii irraa fi jalatti uffachuun kadhannaa (ibaadaa) raawwata. Sirna kaayyoo addunyaa kanarra jiraataniif itti haareffataniidha,'' jedhu Sheek Hajjii Ibraahim Tufaa.
Makkaan Muslimoota hunda biratti iddoo qulqulluu ta’uutu dhugeeffatama. Iddoo qulqulluu fi kabajaa kana seenuuf Muslima qulqulluu ta’uutu barbaachisa.
Seenaa jalqabbii Hajjii
Iddoon amma faayamee mul’atu, Makkaan, waggoota kuma hedduu dura sulula gogaa fi namuu irra hin jiraanne ture.
Hordoftoonni amantii Islaamaa akka amananitti Nabiyyullaah Ibraahim haadha manaasaa Haajaraa fi ilmasaa Ismaa’il Filisxeem irraa gara Makkaa akka fidu ajaji Rabbirraa itti darbe.
Nabi Ibraahimis ajaja kana fudhachuun erga gara Makkaa deemee booda, maatiisaa qabatee dirree habalaka gogaa, sulula gaarreen qullaa ta’aniin marfame kana gidduutti isaan dhiisee akka deemu ammas Rabbi (Alllaah) ajaje.
Innis maatiisaaf (Haajaraa fi Ismaa’iliif) nyaataa fi bishaan muraasa dhiiseefii biraa lixe.
Sooranni fi bishaan kun guyyaa muraasa booda obba’e, Haajaraa fi Ismaa’ilis beelaa fi dheebuun gidirfaman.
Haajaraan fala dhabnaan tulluuwwan ''Safaa fi Marwaa'' jedhaman yaabdee bu’aa, olii fi gadi fiiguu eegalte, tumsa gaafachuusheeti. Garuu kan isheef birmate hin turre.
Duuba humna dhabdee laafuun ilmashee Ismaa’il cinaatti kufte, bakkuma kufte ciiftee Rabbi akka isaan baraaru kadhannaa eegalte.
Amma namni isaaniif birmatu akka hin jirre dhibbaa dhibba hubataniiru. Onnee guutuun gara Rabbii deebi’an, yoo du’anis silaa isuma bira deemu.
Gidduu gadadoo fi abdii kutannaa kanatti raajiin dhalate, Rabbi isaaniif birmate.
Battaluma Ismaa’il miillasaan lafa dhiitee ennaan bishaan eessaa dhufteesaa himuun nama rakkisu lafa keessaa ol burqe.
Haajaraa fi Ismaa’il haala kanaan baraaraman. Amma bishaan argataniiru, bishaanichi to‘annoosaanii jala jira. Kanaafuu daldaltoota karaa imalanitti gurgurachuun soorata argachuu eegalan.
Yeroo xiqqoo booda Nabiyyullaah Ibraahim maatiisaa hubachuuf wayita Filisxeem irraa gara Makkaa deebi’u raajiin hojjetameera. Bishaan eela keessaa ol burqu argee guddoo ajaayibsiifate.
Ammas ajaji Rabbirraa Nabiyyullaah Ibraahimitti bu’e. Iddoo amantii Rabbiin qofa itti waaqessan akka ijaaru ajajame.
Akkaataa ajaja Rabbiitiin Nabiyyullaah Ibraahim fi Ismaa’il bakka namuu itti walga’ee Rabbiin (Allaah) kadhatuu fi galateeffatu- Ka’abaa ijaaran.
Boodarra Ismaa’ilis raahmati (eebbi) Rabbirraa itti bu’ee Nabiyyii Rabbii erga ta’ee booda, namoonni gara Rabbii akka deebi’an, Allaah qofa waaqessuu akka qaban ergaa dabarsuu eegale.
Jaarraawwan hedduu booda Makkaan iddoo badhaatuu fi miidhagduu addunyaa mara irraa namuu itti walga’u taateetti. Kana keessatti maddi bishaanii ''Zamzam'' jedhamu bu’uura.
Haata’u malee dhawaataan yaadonni wantoota adda addaa waaqessuu mul’achuu eegalan. Hafuurri adda addaa dhalate, waaqa tolchanii amanuun bakkicha dhuunfate.
Iddoon Nabiyyullaah Ibraahim akka Rabbi tokkichi itti waaqeffatamuuf wayyoomse ''shirkiidhaan'' guutame.
Waggoota hedduu booda Rabbi (Allaah) Nabiyyuu Mohammad erguun akka Ka’aabaa duudhaasaa ganamaa- iddoo Rabbi qofa itti waaessanitti, akka deebi’u akka hojjetan ajaje.
Amantiin Islaamaa ergamaa Rabbii Ibraahimiin karaa qabatee ture waggoota hedduuf karaarra maqee, qaawwi hedduun erga mudatee booda, bara Nabiyyuu Mohammad ergaman bakkatti deebi’e.
Bara 628 Nabiyyuu Mohammad (SAW) hordoftoota isaanii qabatanii duula eegalan. Kun seenaa amantii Islaamaa keessatti imala qabsoo isa jalqabaati.
Amantii Islaamaa Nabiyyullaah Ibraahim bu’uura qabsiise bakkatti deebisuufis sochii murteessaa ture. Lakkoofsi Hijiraallee achumarraa eegale.
Namni Hajjiif deeme maalfaa raawwata?
Muslimoonni Hajjiif gara Makkaa imalan keessaa fi alaan qulqullaa’uu qabu. Warri dhiiraa hundinuu uffata adii irraa fi jalatti uffatu, ni marxifatu.
Uffannaan kun namuu fuula Rabbii duratti walqixa ergaa jedhu dabarsa jedhan Sheek Hajjii Ibraahim Tufaa.
''Kun Ihraam jedhama. Dubartoonni ammoo uffata fedhan kan duudhaa amantii Islaamaa hin sarbine uffachuu danda’u. Asitti fuulaa fi harkasaanii mul’isuu danda’u.''
Ega Masjiida Guddicha [Muslimoonni Mana Rabbii jedhaniin] ga’anii booda taa’uun hin jiru. Ka’abaa yeroo torba naanna’u, asirraa eegaluun adeemsa Hajjii hunda raawwatu. Adeemsi Ka’abaa naanna’uu kun ''Xawaaf'' jedhamuun beekama.
Namni Hajjiif deemu hundi bishaan ''Zamzam'' jedhamu dhuga, kun yaadannoo Haajaraaf taasifamudha.
Msulimoonni Rabbi tokkicharratti akka hirkatanii fi isa qofas gargaarsaaf akka kadhatan mul’isuuf kun raawwatama.
Achumaan gaarreen ''Safaa fi Marwaa'' daawwatu, duudhaa Haajaraa hordofuuf yeroo torba gaarreen kunneen gidduu fiigichaan deddeebi’u.
Gochi kun Muslimoonni amma jiran akkuma Haajaraa kutannoo qabaachuu akka qaban fi harka kennuu akka hin qabne, gargaarsa Rabbiirraa abdii akka hin kutanne mul’isuuf raawwatama.
Achiin booda gaara ''Arafaa'', iddoo Nabiyyuu Mohammad ergaa isa dhumaa rratti dabarsan irra ba’u, achumarra dhaabbachuun Rabbi kadhatu.

Madda suuraa, Getty Images
Kun guyyaa sagalaffaa ji’a Zul-Hijjaatti erga raawwatamee booda, halkansaa ammoo sulula gaara ''Arafaa fi Minaa'' gidduutti argamutti dabarsu.
Sululli kun ''Muzdalifaa'' jedhama. Iddoo kana keessaa dhagaa xixiqqoo (cirracha) walitti qabachuun guyyaa itti aanuuf ol kaawwatu.
Ittaansuun ammoo gara ''Minaa'' imaluun sheexanatti dhagaa kana darbatu. Utubaa dhagaa sadi sheexana bakka bu’u jedhamuun sulula keessa dhaabamanitti dhagaa darbachuun sirna raawwatamu keessaa isa ijoodha.
Nabiyyullaah Ibraahim gocha kana raawwachaa ture jedhamee dhugeeffatama. Muslimoonni sheexana balfuusaanii gocha kana raawwachuun agarsiisu.
Gaarri Arafaa maali? Maaliif bakka seenaa ta’e?

Madda suuraa, Getty Images
Iddoon kun Makkaarraa kiilomeetira muraasa fagaata. Bakkeen bal’iinsa habalakaa kun walakkaasaatii tulluu tokko qaba. Tulluu ''Araaraa'' jedhamuun beekamas.
Nabiyyuu Mohammad (SAW) iddoo kanatti ergaa isa dhumaa uummatasaaniif dabarsan, kuni iddoo kana seena qabeessa taasisa.
Ji’i Zul-Hijjaa seenee guyyaa sagalaffaa irratti yookiin sirni Hajjii eegalee guyyaa lammaffaarratti (Iid al-Adhaa guyyaa tokko dursee) Muslimoonni bakka kanatti walga’uun Rabbi kadhatu, dhiifama gaafatu.
Iddoon kun maaliif Arafaa akka jedhamee fi seenaa addaa akka qabaatu kan taasise maal akka ta’e Pirezidantiin Majilisa Itoophiyaa Sheek Hajjii Ibraahim Tiufaa akkanaan ibsu.
''Beektonni haala lamaan ibsu. Tokko iddoo Nabiyyullaah Ibraahim Sayyidinaa Jibiriil irraa barnoota barateedha. Malaayikaan Rabbii kun nama fakkaatee itti dhufee ga’ee Hajjii fi adeemsa isaa barsiise,'' jedhan.
Sheek Hajjii Ibraahim Tufaa hiika jecha ''Arafaa'' irraa ka’uun waa’ee iddoo seena qabeessa kanaa wayita ibsan, barsiisa amantii Islaamaa wabeeffachuun akkas jedhan.
''Jibriil bakka kanatti Nabiyyullaah Ibraahimtti deddeebi’ee wayita waa’ee Hajjii barsiisaa ture Ibraahim dhimma kana qalbeeffachuusaa adda baasuuf gaaffii gaafataa ture. Dubbii isaa keessattis ‘beektee’? Jedhee gaafata. Eyyee beeke jedha Ibraahim.''
Akka Sheek Hajjii Ibraahim Tufaa ibsanitti ‘Beektee’ ? yookiin ‘qalbeeffattee’ ? jechuun Afaan Arabaatiin ‘Arafta’? jechuudha.
Waa’ee Arafaa ilaalchisee yaada beektonni amantii Islaamaa (ulamoonni) kaa’an kan biraan ammoo ''Nabiyyullaah Aadam fi haati teenna Hawwaan wayita gara dacheetti darbaman iddoo adda addaa qubatanii turan. Bakki isaan itti walargan dachee Arafaa (gaara Arafaa) kanarratti,'' jechuun ibsan Sheek Hajjii Ibraahim.
''Achitti walarganii walbeekan jechuudha 'Arafaa' jechuun.’’
Kaan ammoo bakki kun dirree Muslimoonni addunyaarra jiran guyyaa tokkotti irratti walga’anii, achittis walbaraniidha kan jedhan Sheek Hajjii Ibraahim, ''kanarraa ka’uunis dacheen kun 'Arafaa' jedhamte,'' jedhu.
Guyyaa Iid al-Adhaa fi sirna qalmaa raawwatamu (Ud-hiyyaa)
Guyyaan dhumaa ammoo guyyaa Iidiiti. Guyyaa Ayyaana Aarsaa Kaffaluus jedhama. Sirni kun ammoo Makkaa qofatti kan raawwatamu osoo hin taane Muslimoonni addunyaarra jiran hundinuu bakka jiranitti kan raawwataniidha.
Akka Sheek Hajjii Ibraahim Tufaa jedhanitti Arafaa kan kabaju warra Hajjii deeme qofa osoo hin taane, namni Muslima ta’e hundinuu bakka jirutti kadhaa Rabbii heddummeessuun dabarsuu qaba.
''Kadhannaan ji’a kana keessaa kan ji’a kaanirra gatii guddaa qaba.Kanaafuu warri Hajjii hin dhaabanne soomaan dabarsee guyyaa Iidaa ammoo waan Rabbi isaa kenneen, ud-hiyyaa qaluun kabajuu qaba.''
Guyyaa Iidii horii qaluun (ud-hiyyaa) sunna kan jedhan jiru kan jedhan Sheek Hajjii Ibraahim, ''garuu warra qaburratti dirqama (waajiba) ta’uu ulamoonni irratti waliigalaniiru,'' jedhan.
Ud-hiyyaa qaluun duudhaa Nabiyyullaah Ibraahim hordofuun eessattuu, haala kam keessattuu ajaja Rabbii fudhachuu akka qabnu kan barsiisuudha jedhan dureen amantii kun.
''Kun seenaa Nabiyyulaah Ibraahim. Ilmasaa akka morma kutu ajaji Rabbirraa itti darbe. Innis ajaja Rabbii waan ta’eef tarkaanfii ulfaataa fudhate. Rabbiin garuu hoolaa fidee bakka buusuun ilmasaa Ismaa’il oolche,'' jechuun seenaa ud-hiyyaa qaluu yaadachiisan.
Nabiyyullaah Ibraahim akkaan qoramuu fi qormaata isa mudates haala milkaa’aa ta’een keessa darbuu barsiisa amantii Islaamaa keessatti bal’inaan ibsameera.
Gammoojjii gubaa Makkaa keessatti maatiisaa (haadha manaasaa- Haajaraa fi ilmasaa- Ismaa’il) dhiisee akka deemu fi ilmasaa akka morma qalu ajajamuun qormaata cimaadha, kana hundayyuu keessa akka darbe barsiisni amantichaa ni mul’isa.
''Har’allee Rabbitti dhihaachuu keenya mul’isuuf ud-hiyyaa qalla. Gatiin irraa argannu guddaadha. Lakkoofsa rifeensa horii qalleen, lakkoofsa lafee fi dhiigaan gatiisaa (ajirii) arganna,'' jedhan Sheek Hajjii Ibraahim Tufaa.
Ammoo horiin ud-hiyyaaf qalamu kun karaa duudhaa amantii Islaamaa (shari’aa) eegeen ta’uu qaba jedhan.
''Maddi isaa halaala ta’uu qaba. Wayita qallus ammoo karaa shari’aan ajajuun ta’uu qaba. Horii fayyaa (kan hin dhibamin), kan qaamni guutuu ta’uu qaba. Dullacha yookiin kan umriin qalmaaf hin geenyes ta’uu hin qabu.''
Ayyaanni kun guyyaa sadiif kan turu waan ta’eef guyyaa sadan kana keesatti ud-hiyyaa qaluun ibaadaa godhachuun dabarsuun ni danda’ama jedhan.
Namni gara Makkaa imalee sirna kana raawwate hunduu ''Haji'' jedhamuun waamama.
Akka dhugeeffannaa amantii Islaamaatti namni qixa sirrii ta’een sirna Hajjii kana raawwatee xumure cubbuun irraa dhiqama. Inuma gama kanaan akka daa’ima reef dhalattuutti deebi’a jedhamee amanama.












