Filannoon haaraa gaggeeffame majiliisaaf furmaata waaraa fidaa?

Madda suuraa, MMII
Waggoota lamaan darbaniif falmisiisaa kan ture filannoon hojii raawwachiiftuu majiliisaa furmaata waaraa ni argamsiisa jedhamee haaraan jalqaba torbee kanaa gaggeeffameera.
Filannoon kun irra deebiin kan gaggeeffame filannoo manni maree Ulaamotaa ji’a Caamsaa darbe gaggeesse koreen hojii raawwachiiftuu duraanii “seera qabeessa waan hin taaneef hin fudhannu,” jechuu isaanitti.
Arafaa osoo hin dhiyaatiin torbee lama dura garaa garummaa gidduu isaanii jiru akka furataniif Ministira Muummee Abiy Ahmad dabalatee angawoonni mootummaa biroo qaamolee kana wajjin wal arganii akka mari'atan dhagahamee jira.
Walgahii kanaani hojii raawwachiiftuwwan duraanii fi haaraa filatamanii turan lakkoofsaan 50 ta’an korri irra deebiin akka taa’amu akkasumas bu’aa korichaa mootummaan akka raawwachiisu erga ta’e boodadha kan korri haaraan kan waamame.
Kana hordofuudhanis gareen lamaanu waliin ta’uun ayyaana Arafaa irrati ibsa kennan.
Kora waliigalaa jalqaba torban kanaa taa’ame irratti taajjabdummaan kan hirmaatan Uztaaz Ahmaddiin Jabal BBC'tti akka himanitti, filannoo haaraa gaggeeffame kanaan Ittaanaa pirezidaantii koree hojii raawwachiiftuu duraanii kan turan Dr. Jeeyilaan Kadir biiricha pirezidaantii haaraa filatamamanitti kennaniiru.
Haaluma kanaanis Sheek Hajii Ibraahim Tufaa Pirezidaantii ta’uun filatamanii jiru.
Sheek Abdulkaarim Badiradin Dursaa Ittaanaa Pirezidaantii yoo ta’an, Sheek Abdulaziiz Abdulwaalii ammoo Ittiaanaa Pirezidaantii ta’uun filatamniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Korri waliigalaa majiliisichaa yeroo dheeraf osoo hin gaggeeffamin ture ji’a Caamsaa ALI bara 2014'tti gaggeessee ture. Murteewwan yeroo sana fudhataman keessaa tokko koreewwan hojii raawwachiiftuu duraanii kaasun haara filachuudha.
Korri waliigalaa amma gaggeeffame kun koree hojii raawwachiiftuu ji’a caamsaa keessa filatamanii turan irra deebin filatee jira.
Majiliisa jalqabaa keessa warri turan namoonni muraasni koree hojii raawwachiiftuu Sharaatanitti filataman hin fudannu jechuu isaanii irraa kan ka’e guutumaa Itoophiyaa irraa Ulaamonni 300 ol kan hirmaachise filannoo haaraan gaggeeffamuu isaa Ahimaddin Jabal BBC'tti himaniiru.
Waldhadee waggaa lamaa ol fudhate kana furuudhaaf mootummaan baay’ee dhama’eera jedhu Ahimaddiin Jabal.
“Ministirri Muummee rakkinicha jaarsummaan furuu bira kan darbe rakkoo amma biyyattii mudate irratti qoqqoodamiinsi kan biraa akka hin uumamneef jecha miila Muftii Hajii Umar irratti kufanii kadhataniiru,” jedhu Ahimaddiin Jabal.
Garaa garummaan majliisa keessatti uumame maal ture?
Waggaa 11 dura mootummaan Itoophiyaa barsiisa amantii Ahibash biyya Libaanoos irraa gara Itoophiyaa “qarshiidhaan seensisuun uummata musliimaa irratti humnaan fe’uu yaaleera,” yaada jedhuun hawaasni musliimaa keessumaa beektonni gaaffii kaasan.
Gaaffiin kun hawaasa musliimaa fi mootummaa giduutti waldhadee uumun gara mormiitti jijjiirame.
Koree Fala Barbaadduu Musliimota Itoophiyaa jedhamee kan waamamuu fi Uztaaz Abubakar Ahimadiin kan gaggeeffamu gareen beektotaa, hidhamuu isaanii hordofee, sochiin “Sagaleen Keenya haa Dhagahamu” jedhu hundaa’un keessumaa miidiyaa hawaasaarratti sochii guddaa taasisaa ture.
Yeroo sana korichi gaaffiwwan ijoo ta’an sadi ifatti gaafatee ture: Manni Maree Waliigalaa Islaama Itoophiyaa (Majiliisni) gaggeessitoota hawaasa musliimatiin filatamaniin gaggeeffamuu qaba; barsiisni haaraan Ahibash jedhamu humnaan nurratti fe’amuu hin qabuu kan jedhuu fi dhaabbanni Awaliyaa majliisaan osoo hin taane boordiin buluu qaba kan jedhan ture.
Koreen Fala Barbaadduu kunis miseensota 17 kan qabu yoo ta’u, ALI bara 2007'tti himannaa shororkeessummaa irratti banameen hidhaan waggaa 7 hanga 22 itti murtaa’ee ture.
Waggaa afur erga hidhamanii booda ammoo bara 2008'tti dhiifamni godhameef gadi lakkifaman.
Itoophiyaa keessatti jijjiirma siyaasaa dhufe hordofuun Ebla 23, 2013'tti kora taa’ameen manni maree cehuumsaa hundaa’e gaaffii hawaasa musliimaa ni deebisa jedhamee abdatamee ture.
Maa maree cehuumsaa biratti koreen nama sagal of keessaa qabuu fi jijjirama dhaabaa fiduuf gargaara jedhames hunaa’ee ture.
Kora Hooteela Sharaatanitti taa’ame sanarratti Ministira Muummee Abiy Ahmad dabalatee, Ministira Nagaa kan turan Aaddee Mufaariyaat Kamiilis argamanii turan.
Kora kanarratti guutuu biyyattii keessaa ulaamonni 500 ol kan hirmaatan yoo ta’u, koreen haaraa filatame gaffii yeroo dheeraaf ka’aa tureef furmaata ni kenna jedhamee abiin irra kaa’ame.
Korri Hooteela Sharatan erga taa’amee waggaa sadi booda, majliisa haaraa filachuuf sochiin yeroo godhamu danqaan garaa garaa uumamaa turee, ji’a Caamsaa keessa korri miseensonni mana maree ulaamotaa harki caalan irratti hirmaatan taa’ame.
Miseensa koree hojii raawwachiiftuu duraanii kan turan Sheek Ahimad Awwal, isaan miseensa mana maree ulaamota ta’anii osoo jiranuu akka irratti hin hirmaannee fi korichi fudhatama akka hin qabne akkasumas ulaamonni guutummaa biyyattii irratti hirmaachuu qabu jechuun mormii qaban BBC'tti himanii turan.
Uztaaz Ahimaddin akka jedhanitti, filannoo amma gaggeeffame kan mootumaan raawwachiisu yoo ta’u, koreen hojii raawwachiiftun haaraa filataman warra duraanii harkaa fuudhanii hojii isaanii ni eegalu.
“Haa ta’u malee ammayyuu namoonni mufatan hin dhabaman. Bifa kanaan yoo deemne, fedhiin isaanii hanga guutamutti rakkoon hin furamu. Kora ammaa kanarratti namooni muraasni hin argamne. Garuu waa’ee rakkoo hawaasa musliimaa yoo kaasne, filannoon kun rakkinicha ni fura,” jedhan Uztaaz Ahimaddin.












