Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa gabaasa waldhahu baasaa ture - MM Abiy

MM Abi Ahmad turtii miidiyaa biyyaalessaa waliin taasisaniin dhimmoota hedduurratti dubbatan

Madda suuraa, PM OFFICE/FB

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad Komishiniin Mirgoota Namoomaa biyyattii waggoota darban gabaasa waldhahu baasaa ture jechuun qeeqan.

MM Abiy gaaffii fi deebii EBC waliin taasisaniin haala mootummaansaanii kanaan dura ibsee hin beekneen waa'ee jaarmiyaa mirga namoomaa kanaa dubbatan.

Komishinichi waggoota sadan ykn afran darban keessa ''gabaasa waldhiitu'' mootummaa Itoophiyaarratti baasaa ture jedhan.

MM Abiy gabaasa ''waldhiita'' jedhan kana mootummaansaanii ''callisee kan ilaaleef'' ijaarsa jaarmiyaaleef jecha akka ta'e dubbataniiru.

Mootummaan mirga namoomaaf ''kutannoo cimaa qaba,'' kan jedhan MM Abiy, komishinichi ''bakkuma kana [Finfinnee] taa'ee gabaasa baasaa ture utuu beekuu mootummaa callisee ilaalu uumuu danda'uun mataansaa waan guddaadha,'' jedhan.

MM Abiy mootummaansaanii jaarmiyaalee walabaaf ''aarsaa'' kaffale wayita ibsan ''soba, maqa balleessii fi gabaasa ragaa sirrii irratti hin hundoofne dhiisii gabaasa sirrii yoo ta'ellee beekamtii mootummaa malee bar mootummaa himachuun [kanaan dura] hin danda'amu,'' jedhan.

Haata'u malee MM Abiy Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa dhimmoota kamfaa ragaa dogoggoraa fayyadamuun akka gabaase adda baasanii hin dubbanne.

MM Abiy ''nuti walaba ta'anii haa hojjetan wayita jennu qaamolee harka keessa galfatan dabalatee jechuudha,'' jechuun qaamoleen jaarmiyichi keessa harka galfatan akka turanis duuchaamatti dubbataniiru.

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa jaarmiyaa mirga namoomaa mootummaa Itoophiyaatiin hundeeffamedha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Erga MM Abiy aangoo qabatanii as walaba ta'ee akka hojjetu gochuuf bifa haaraan ijaaramee ture.

Komishinichi hoji-maata duraan tureen ala ba'uun mirgi lammiilee akka eegamu bal'inaan gaafachuun alatti, dhiittaa mirga namoomaa biyyattii keessatti raawwatamuun walqabatee gabaasota mootummaa fi dhaabbilee garaagaraa gaafatamtoota godhan hedduu irra deddeebiin baasaa tureera.

Waraana kaaba Itoophiyaa waggoota lamaaf ture keessatti dhiittaa mirga namoomaa raawwatame ilaalchisee komishinichi dhaabbilee mirga namoomaa UN waliin ta'uun qorannoo gaggeessuun gabaasa bal'aa baasee ture.

Komishiniin mirga namoomaa kun jaarmiyaa mootummaa ta'ullee yeroo baayyee gabaasi inni baasu miidiyaalee mootummaa biyyattiin hin gabaafaman.

Yeroo garii mootummaan federaalaa fi mootummoonni naannolee qeeqa jabaa gabaasa komishinichaa irratti dhiheessu.

Komishiniin kun waraana kaaba Itoophiyaan walqabatee dhiittaawwan mirgaa raawwataman, yakkoota dhala namaarratti raawwataman fi yakkoota waraanaa irratti gabaasa baasaa turuun ni yaadatama.

Sana boodas walitti bu'iinsa Oromiyaa fi Amaara keessatti deemaa jiraniin walqabatee dhiittaawwan mirgaa fi haleellaawwan lammiileerratti humnoota mootummaa fi hidhattootaan raawwataman ilaalchisuun gabaasa baasaa ture.

Gabaasi akkanaa ammoo tokkollee mootummaa gammachiisee hin beeku.

Komishiniin mirgoota namoomaa Itoophiyaa dhiittaan mirgaa fi haleellaan lammiilee nagaarratti raawwatamuu irratti gabaasa erga baase booda, tarkaanfiiwwan seeraa fi sirreeffamaa akka fudhataman gaafataas tureera.

Dhiittaawwan mirgoota namoomaa yeroo garaagaraatti Itoophiyaa keessatti raawwataman ilaalchisuun, Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa qofa osoo hin taane, jaarmiyaaleen mirga namoomaa idiladdunyaas gabaasa baasaa turaniiru.