Sababii haqamuu deeggarsa USn waggoota shan dhufanitti namoonni mil. 14 du'u danda'u jedhame

Sababii haqamuu deeggarsa USn waggaa dhufan shaniitti namoonni mil. 14 du'u danda'u jedhame

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Sababii haqamuu deeggarsa USn waggaa dhufan shaniitti namoonni mil. 14 du'u danda'u jedhame

Tarkaanfii pirezidanti Doonaald Tiraamp deeggarsa maallaqaa gargaarsa namoomaa biyya alaatiif biyyasaanii taasiftu haquusaanitiin wal qabatee, waggoota shan ittaanan keessatti dabalataan lubbuun namoota miiliyoona 14 akka darbu akka taasisu gabaasni dhaabbata wallaansaa Laanseet jedhamu ibse.

Namoota umuriisaanii malee sababii kanaan lubbuunsaanii darbu keessaa nuusni daa'imman akka ta'e qorannichi ifoomseera.

Ministirri Dhamma Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo baatii Guraandhala darbe keessaa bulchiinsi Tiraamp deeggarsa Dhaabbata Gargaarsa Addunyaa (USAID) kennu keessaa harka 80 haquu dubbatanii ture.

Barreessitoota qorannichaa keessaa tokko kan ta'an Deeviid Raasalaa ''bu'aan biyyoota galii gadaanaa fi jiddugala qabanii kan weerara addunyaa ykn ammoo walitti bu'iinsa cimaan wal gituudha'' jedhan.

Deeggarsi namoomaa ''waggoota digdamman darbaniitti guddina fayyaa ummatoota saaxilamoo irratti mul'ate saffisaan akka dhaabbatu ykn bakka jiruutti akka deebii'u balaa kaa'eera'' jechuun ture qoratanaa Inistitiyuutii fayyaa addunyaa Baarseeloonaa Deeviid Raasalaan kan dubbatan.

Gabaasichi kan bahe dureewwan addunyaa Ispeen magaalaa Saviil keessatti yeroo waggaa kudhaniin booda yaa'ii guddaa UNn durfame torban kana gaggeessuuf jiranittiidha.

Gareen qorattootaa ragaa biyyoota 133 irraa walitti qabame kan ilaale yoo ta'u, biyyoonni guddinarratti argamaniitti deeggarsi USAID bara 2001-2021tti namoota miiliyoona 91 ta'an du'arraa oolcheerra jedhan.

Qorattonni tarkaanfiin hir'isuu deeggarsa namoommaa parsantaa 83 motummaa Ameerikaatiin baatiiwwan dura ifa taasifame amma du'aa akka ol kaasu tilamaama kaa'aniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Waggoota ittaanan shaniitti namoonni miiliyoona 14 lubbuusaanii oolchuun osoo danda'amuu sababii haqamuu deeggarichaatiin gara du'aatti qajeelcha jedhan.

Lakkoofsi kunis daa'imman umuriinsaanii waggaa shanii gadii miiliyoona 4.5 dabalatee yoo ta'u, kana jechuunis daa'imman kuma 700 waggaadhaan lubbunsaanii ni darba jechuudha.

Kanaan dura Waajjirri hirrisa baasii bulchiinsa Tiraam kan sooreessa addunyaa Elon Maaskiin durfamu hojjattoota federaalaa hir'isuun kiyyeeffate ture.

Biyyi deeggarsa namoomaa olaanaa dhiyeessuun beekamtu Ameerikaan biyyoota 60 ol ta'an keessatti karaa bakka bu'ootasheetiin deeggara kenniti.

Ministirri Dhimma Alaa Rubiin waajjirasaanii jalatti sagantaaleen ''baayyee milkaa'oo'' ta'an kumni tokko akka itti fufan dubbataniiru.

Hojjattoonni dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii haalli qabatamaan lafarra jiru akka hin fooyyoofne dubbatan.

Torban darbe keessaa itti gaafatamaan dhaabbata UN tokko, deeggarsi Ameerikaa haqamuunsaa hordofee buufata baqattoota Keeniyaa keessatti reeshiniin nyaataa hir'achuun namoonni kuma dhibbaan lakka'aman ''beela'aa jiru'' jedhan.

Hospitaala Kaakumaa kan Kaaba Lixa Keeniyaatti argamu keessatti BBCn daa'ima hir'ina nyaataan miidhameefi gogaansaa sunture argeera.