Angawoonni gargaarsa buqqaatootaaf ergame faayidaa dhuunfaaf olfatan sadi hidhaafi maallaqaan adabaman

Mana murtii aanichaa

Madda suuraa, FB Qajeelcha Poolisii Godina Wallagga Lixaa

Godiina Wallagga Lixaatti bulchaa aanaa dabalatee, angawoonni duraanii sadi kanneen iddoowwan hoggansummaa garagaraarratti hojjechaa turan yakka malaammaltummaan himatamanii hidhaa fi maallaqaan adabamuu BBCn odeeffate.

Manni Murtii Olaanaa Godina Wallagga Lixaa dhaddacha ALI Waxabajjii 5, 2017 taa'een galmee himatamtoota sadi: Gammachiis Sirriiqaa- Bulchaa Aanaa Mana Sibuu kan ture, Beekumaa Qajeelaa- Itti Gaafatamaa Waajjira Buusaa Gonofaa aanichaa kan tureefi Birraatuu Tafarii- Itti Gaafatamaa Paartii Badhaadhinaa aanichaa kan ture irratti murtee adabbii dabarse.

Himatamtoonni kun ALI bara 2016 iddoo hooggansaarra wayita turanitti midhaan deeggarsaa silaa harka qaleeyyiifi buqqaatotaaf raabsamuu qabu gurguruun faayidaa dhuunfaaf akka olfatan galmeen himataa isaanii ni hima.

Mana Murtii Olaanaa Godina Wallagga Lixaatti Gaggeessaa Dhimma Yakkaa kan ta'an Abbaa Seeraa Tasammaa Ittaanaa, "himatamtoonni kunneen itti gaafatamummaa imaanaa ummataatiin itti kenname qabatanii wayita turanitti daakuu boqqoolloo kuntaala 30 qarshii 130,000 kan baaasu gurguratanii faayidaa dhuunfaatiif olfatan" jedhan.

Himatamtoonni kunneen midhaan gargaarsaa gara aanaa isaanii deeme namootaaf qooduu osoo qabanii gurguruun faayidaa dhuunfaa isaaniif olchuun erga shakkamanii booda poolisiin qorannoon irratti taasifame.

Itti aansuunis Abbaan Alangaa Godina Wallagga Lixaa ALI Bitootessa 9, 2017 Mana Murtii Olaanaa Godina Wallagga Lixaatti himata irratti bane.

Abbaan Alangaa Labsii Yakkoota Malaammaltummaa 881/2007 Keeyyata 9 jalatti himannaa kan hundeessee yommuu ta'u, ragaalee namaafii barreeffamaa akka dhiyeeffates Abbaa Seeraa Tasammaa himaniiru.

Himatamtoonni ragaa faccisaa dhiyeeffatanis himata irratti hundaa'e ofirraa ittisuu hin dandeenye.

Aanga'oota duraanii himataman

Madda suuraa, FB Qajeelcha Poolisii Godina Wallagga Lixaa

Manni murtichaas himatamtoota sadeenuu tumaa ittiin himataman jalatti balleessaadha jechuun dhaddacha Kamisa ALI Waxabajjii 5, 2017 taa'een hidhaafi maallaqaan akka adabaman murteesse.

Haaluma kanaan himatamaa tokkoffaafii Bulchaa Aanaa Mana Sibuu kan ture Gammachiis Sirriiqaa irratti hidhaan cimaa waggaa torba fi qarshii 10,000 murtaa'era.

Himatamaa lammaffaafii Itti Gaafatamaa Waajjira Buusaa Gonofaa aanichaa kan ture Beekumaa Qajeelaa hidhaa cimaa waggaa 2 fi qarshii 4,000 akkasumas himatamaa sadaffaa Birraatuu Tafarii Itti Gaafatamaa Paartii Badhaadhinaa aanichaa kan ture hidhaa cimaa waggaa tokko fi qarshii 2,000'n akka adabaman murteessera.

Gama biraatiin himatamtoonni kuusaa yakkaa hinqaban kan jedhufii itti gaafatamummaa maatii bulchuu qabu kunneen jedhan akka yaadawwan adabbii salphisanitti qabamuusaaniis Abbaa Seeraa Tasammaa himaniiru.