Astirooyidoonni qorattoonni hawaa ija miixanii ilaalaa jiran afur dachee rukutuu danda'uu?

Madda suuraa, SPL
Yeroo baayyee waa'een astirooyidii yaada keenya keessa kan dhufu fiilmiiwwan saayinsii irratti wayita ilaallu ykn ammoo oduurratti wayita dhageenyu qofa.
Haata'u malee addunyaarratti jaarmiyaaleen xiyyeeffannaansaanii ijoon qaamolee hawaa kunneen irra ta'ee fi buufataaleen irraa hordofan hedduun jiru. Kunis kan ta'eef sababa qaba.
Astirooyidoonni waggoota miiliyoona 4.6 dura wayita sirna dacheen keenya keessatti uumamte kana keessatti aduun uumamtu ykn wayita urjiiwwan uumaman wantoota irraa hafanii fi dhagaa fakkaatan irraa kan uumamanidha.
Sirna soolaarii keenya keessa astirooyidoonni miiliyoonaan lakkaa'amantu jiru. Hedduunsaanii pilaaneetota Maarsii fi Juppitarii gidduu ta'anii siinqee astirooyidii kan jedhamu kan aduutti marsu irratti argamu.
Gariin gara dacheetti dhufu, ka'umsi jireenyaa maal akka ta'e akka hubannuuf nu gargaaruu danda'u jette Monikaa Gireedii.
Monikaa Gireedii yunivarsitii UK keessatti argamu Open University jedhamutti piofeesara Sirna Pilaaneetii fi Saayinsii Hawaati.
''Astirooyidoonni kunneen gariin isaanii kompaawundoota orgaanik ta'an, kanneen ka'umsa jireenynaa nu hubachiisuu danda'an of keessaa qabu,'' jette.
''Agarsiistuun tokko jireenyi lafa qofarra kan jiraateef sababa astirooyidoonni qabiyyeewwan jireenyaaf barbaachisan dacheetti fidaniif.''

Madda suuraa, NASA/Ben Smegelsky
Astirooyidoonni gariin miidhaa hin geessisan. Kan osoo jiraachuunsaaniillee hin beekamin darbanis jiru. Kaan ammoo kan irratti xiyyeeffachuun barbaachisus jiru.
''Wantoota gara dacheetti dhihaataa jiran baruuf fedhiin akkaan dabaleera. Hamma orbitii isaanii bira ga'anitti saayintistoonni hedduun xiyyeeffannaan hordofaa jiru. Kunis dhiibbaan isaan qaqqabsiisuu malan hambisuufi. Wantoota gurmaa'ina nutti hin beekamne qaban hedduu dacheerraa fageenyarratti argaa jirra,'' jetti Agata Rozeck.
Agata Rozeck UK, Yunivarsitii Edinbiraatti Qarattuu damee Fiiziksii fi Atiroonoomiiti.
Hanga isaaniin wayita ilaalaman, astirooyidoonni gurguddaan yaaddoonsaanii xiqqaadha.
''Eessa akka jiranii fi garam akka deeman sirriitti beekna,'' jetti Rezeck.
''Haala sochii isaanii, wantoota yeroo baayyee hin baramne kan waa'ee astirooyidoota ilaalan hunda ni qoranna. Kanaaf sirriitti beekna.''
''Hanga orbitiin isaanii beekamutti waan nu rakkisaniif yeroo baayyee astirooyidoota xixiqqoo salphaatti adda baafamuu hin dandeenyetu yaaddoo dha,'' jetti qorattuun kun.
Astirooyidoonni yeroo ammaa xiyyeeffannaan qoratamaa jiran sadi akkasumas tokko kan Nasa'n qorannoo irratti eegalee jiru kanneen armaan gadiiti.
1. Apophis

Madda suuraa, NASA
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Maqaa waaqa jeequmsaa fi badiinsaan kan moggaafame Apophis bara 2004 keessa abuurame.
Carraa dachee rukutuu baayyee xiqqoo ta'e qaba ture. Garuu boodarra Nasa'n ''Apophis yoo xiqqaate waggaa 100 asitti dachee rukutuu akka hin dandeenye ofitti amanamummaa akka qabu,'' ibseera.
''Hubannoo amma qabnuun Ebla 13, 2029 dacheerra akka darbu barreerra,'' jette Rozeck.
''Erga argamee eegalee lafarraa duulli hordoffii bal'aan taasifameera. Saatalaayitoonni ji'oosteeshinarii jedhaman naannawa jiranitti dhiheenyarratti sochii ni taasisu. Dacheetti dhihaachuunsaa astirooyidiin kun akka danaansaa geeddaramuu fi akka jijijjiiramu ni taasisa jenne amanna.''
Akka Nasa'n ibsutti harkisi lafaa astirooyidiin Apophis sochii naannawa aduutti taasisu akka jijjiiru taasisa.
Akkasumas astirooyidoota irratti sigigi lafaa xixiqqoon akka jiraatu kan taasisuudha.
Diyaamitiriin Apophis meetira 340 yoo ta'u, kunis dirree kubbaa miillaa dachaa sadi ta'a.
Astirooyidiin kun dacheerraa fageenya kiilomeetira 32,000 irratti dachee bira darba. Fageenyi kunis akka ijaan argamu isa taasisa.
2. Astirooyidii 2024 YR4 jedhamu

Madda suuraa, ATLAS
Bara 2024 kan abuurame astirrooyidiin 2024 YR4 jedhamu meetira 53-67 dheerata, kun dheerina gamoo abbaa darbii 15n walqixa ta'a.
Astirooyidiin kun bara 2032tti dachee rukutuuf carraa xiqqoo qabaachuu danda'a oduun jedhu addunyaarratti mata duree ijoo ta'ee ture.
Inumaa qorattoonni carraan astirooyidiin kun dacheerratti kufuuf qabu 32 keessaa tokko ta'uu tilmaaman, Nasa'n garuu kana kuffiseera.
Ammallee astirooyidiin kun Addeessa waliin walitti bu'uuf carraan jiru dhibbeentaa 3.8, garuu akka Nasa'n jedhutti yoo walitti bu'iinsi mudatellee orbitii saatalaayitii uumamaan jiru geeddaruu hin danda'u.
3. Astirooyidoota- Didymos fi Dimorphos

Madda suuraa, NASA/Johns Hopkins APL/Steve Gribben
Didymos jechuun afaan Giriikiin lakkuu jechuudha. Astirooyidii yoo ta'u, Dimorphos ammoo addeessa itti marsuudha.
Lameenuu Dacheedhaaf yaaddoo miti. Garuu birqabaan yoo ilaalamu dacheetti dhihaachuun kan darban isaani.
Qaamoleen lameenuu bara 2022 xiyyeeffannaa yaalii Nasa Double Asteroid Redirection Test jedhamuu turan.
Yaalii kanaan xiyyaar-samiin nama-maleessi Dimorphos waliin akka walitti bu'u kan taasifame yoo ta'u adeemsa kana keessa xiyyaar-samiin caccabeera.
Galmi yaalii kanaa dhagaawwan hawaa keessaa kanneen Dacheef yaaddoo ta'an karaa nagaan dhabamsiisuun akka danda'amu sakatta'uudha.
Didymos fi Dimorphos shaakala kanaaf kan filataman of eeggannoodhaan ture.
Yaalii taasifamerraa akka hubatametti astirooyidoonni lameenuu daandii dacheedhaan walitti isaan buusurra hin turre.
Jijjiiramni orbitii xiqqoon yoo mudates rakkoo waan hammeessu miti.
4. Psyche

Madda suuraa, NASA
Toora astirooyidoonni irratti argaman keessaa akkaan kan nama ajaayibu jechuun Nasa'n kan ibse astirooyidiin kun, bara 1852 abuurame.
Maqaan kunis waaqa afuuraa Giriikii irraa ka'uun kennameef.
Psyche nurraa baayyee fagaatee kan argamu yoo ta'u, Maarsii fi Juppitar gidduu ta'ee aduutti naanna'a.
Kan hojjetames sibiilaa fi dhagaarraa akka ta'e amanama.
Saayintistoonni sibiilonni hedduun handhuura Planetesimal irraa akka ta'etti yaadu.
Wayita pilaaneetonni uumaman caccabaan irraa hafu addanatti kuufama.
Astirooyidii Psyce jedhamu kana qorachuun Dachee fi pilaaneetonni kaan akkamiin akka uumama hubachuuf akka gargaaru saayintistoonni ni amanu.
Nasa'n ergama astirooyidii kana qorachuu fi kaartaa isaa uumuu kan eegale bara 2023 ture.
Argannoo haaraa

Madda suuraa, NSF-DOE Vera C. Rubin Observatory
Jalqaba ji'a kanaa jaarmiyaan qorannoo hawaa guddichi, Vera Rubin Observatory jedhamu suuraalee teleskoppiin kaafaman 2,000 fi wantoota Dacheetti dhihaatanii jiran torba sa'aatii 10 keessatti mul'iseera.
Qorannoowwan hawaa kaan hundi, lafarraas ta'e hawaa keessa ta'anii, walumaagalatti waggaatti astirooyidoota 20,000 qofa kaasuu danda'u.
Pirofeesar Gireediin ''samiin halkanii hunda kaartaadhaa kaasuu yoo barbaadde bakka irraa kaastu bal'aa qabaachuu qabda,'' jette.
Jaarmiyaan kun erga eegalee waggoota muraasa jalqabaa keessatti astirooyidoota miiliyoonaan lakkaa'aman nan argadha jedhee eega.
Kunis qorattoonni hawaa astirooyidoota hedduu akka argan fi sirna soolaarii keenyaa irratti hubannoo dabalataa akka argatan isaan dandeessisa.












