Basaasni Israa'el akkamiin gola Iraan keessatti hidda gadi fageeffate?

Madda suuraa, EPA, Getty, Maxar, BBC
Israa'el addunyaarraa biyyoota tika cimaa qaban keessaa tokkoodha. Tikni isheen odeeffannoo tikaa biyya alaa ittiin sassaabdufi oppireshiinii gaggeessitu Tajajila Icciitii Tikaa Israa'el (Mossad) jedhamuun beekama.
Haleellawwan dhoksaafi ija jabinaa biyyoota garaa garaa keessatti gaggeessunis dhaaba tikaa 'akkaan sodaatamaa' jedhama.
Mossad fuula marsariitii isaarratti, hojiin keenya "waan namatti hin mul'anne arguu, waan hin danda'amne hojjachuudha. Rakkoowwan oppireeshinii, tikaafi teeknolojii kallattiin nageenya Israa'el irratti dhiibbaa qabaatan irra aanuf Mossad addunyaarratti hojiiwwan adda ta'an ni hojjata," jechuun kaa'era.
Keessumaa biyyoota Baha Giddu Galeessaa kanneen akka Iraan keessatti waggoota dheeraf hidda fageeffachuun odeeffannoowwan tikaa murteesssoo ta'an Israa'eliif kennuu qofa osoo hin taane, oppireeshinii dhoksaa kanneen akka ajjeechaa, nama dhabamsiisufi ukkaamsuu fa'aa irratti hirmaataa akka turetu himama.
Walitti bu'iinsa Israa'eliifi Iraan guyyoota 12 tureen, gaaga Waxabajjii 13, 2025 haleellaa Israa'el Iraanirratti banuun qondaalota waraanaa olaanofi saayintistoota nikularaa biyyattii heddu ajjeeste keessatti, gaheen tika Israa'el, Mossad, olaanaa ta'uu Humni Waraanaa Israa'el beeksiseera.
Daayirektara Mossad kan ta'e Deevid Barnii haleellaa Iraan irratti raawwatame ilaalchisee miseensonni tika biyyattii shoora guddaa taphataniif galateeffateera.
Waxabajjii 26, 2025, miseensota tikaa Israa'el wajjin yeroo dubbatu viidiyoo miidiyaa hawaasaa irratti qoodameen, fuulli miseensota tikaa akka hin mul'anne godhamee, haleellan qondaalota waraanaa Iraanirratti gaggeeffame waggaa dheeraf qophiin kan itti taasifame ta'uu ibse.
Iraanifi Israa'el gidduutti dhukaasni akka dhaabatu godhamus, Mossad garuu ammayyuu Iraanirraa ijasaa akka hin kaasne Deevid dubbachuun Iraan akeekkachiise.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
"Pirojektoota Iraan hundarraa ija keenya hin buqqifannu," jechuun Mosaad gola Iraan hunda akka beeku dubbatete.
Isaa'eel oppireeshinii tikaa biyya namaa keessatti gaggeessitu yeroo heddu hin amantus, hin haaltus. Walitti bu'iinsa Iraan wajjin torbee lamatti dhiyaatuf gaggeessaniin garuu, Mossad loltoota komaandoo dabalatee meeshaalee waraanaa akka diroonii fa'aa icciitii galchuun Iraan keessa qubsiisee akka tureefi gaafa Waxabajjii 13 haleellaa gaggeeffamerratti qondaalota waraa olaanoofi saayintistoota nikularaa ajjeesuu irratti gahee guddaa taphachuu ifatti ibsite.
Akkasumas haleellan sirna ittisaafi misaa'elota Iraan irratti gaggeeffame hedduunsaas miseensota Mossad Iraan keessa jiraniin ta'uu ibsite.
Ajajaa Waliigalaa Humnoota Waraana Israa'el kan ta'na Eyaal Zamiir Israa'el qilleensa Iraan to'achuu kan dandeesse komaandoon Mossad dhoksaan Iraan galche hojii guddaa hojjateen ta'uu himanii ture.
"Icciitiin daangaa diinaa [Iraan] seenuun oppireeshiniif haala mijataa nuuf uuman," jechuun dubbatan.
Israa'el humna tikaa icciitin oppireeshinii gaggeessu Iraan keessaa qabaachuu ifatti yeroo jalqabaaf beeksisuu isheeti.
Mossad yoomirraa kaasee Iraanirratti xiyyeeffachuu eegale?
Israa'elifi Iraan diinummaa walakkaa jaarratti dhiyaatu qabu. Kunis jijjiirama siyaasaa Iraan keessatti taasifaameen wal-qabata.
Iraan waggoota dheeraaf sirna gonfoon bulaa erga turteen booda, bara 1979tti sirni gonfoo warraaqsa uummataa ka'een aangorraa kaafame. Mootummaan Rippaabilika Islaamaa Iraan hundeeffame.
Bara 1979tti Iraanitti jijjiiramni akka dhufuuf namni biyya hambaatti baqachuun qabsoo gochaa turan Ruhoollaa Khomenii gara biyyaa deebi'uun mootummaa haaraa Rippaabilika Islaamaa ta'eefi ijannoo leellisummaa qabu hundeessan.
Ruhollaan abbaa warraaqsa Iraan jedhamuunis beekamu. Guyyaadhuma biyya baqaa deebi'anii aangoo Iraan qabatan sana, 1979, USfi Israa'eel ileelchisee ijjannoo mootummaansaanii haaran qabatu ifa godhan. Ameerikaadhan "Seexana Guddoo", Israa'el ammoo "Seexana Xiqqoo" jechuun waaman.
Kunis Israa'el Baha Giddu Galeessaa keessatti bakka buutuu U.S kan jedhuuni. Walitti dhufeenyi Israa'el akkasumas US adda cituu qofa osoo hin taane, embasiiwwan isaanii dur Tehraan keessa ture akka cifamu godhame.
Rakkoo Israa'elifi Filisxeemota gidduu barootaf ture ilaalchisee Iraan Israa'elitti quba qabdi. Kaayyoo Filisxeemonni qabsaa'aniif akka deeggartu ibsuun Israa'eliif beekamtii kennuu didde. Osoo warraaqsi Iraan bara 1979tti hin ka'in dura mootummaan Iraan Israa'el wajjin walitti dhufeenya cimaa akka qabutu himama.
Israa'el biyya taatee bara 1948tti hundaa'uu hordofee, biyyoota Musliimaa keessaa Turkiitti aanun sadarkaa lammaffaatti Israa'eliif beekmatii kan kenne Iraan ture. Suni garuu Ruhollaa Khomenii Rippaabilika Islaamaa hundeessuu hordofee kufaa ta'e. Diinummaansaanii ifatti eegale.
Gama biroon ammoo Iraan Baha Giddu Galaa keessatti dhiibbaashee babal'isuun Israa'el dura dhaabbachuu eegalte. Humnoota Israa'el wajjin diinummaan wal-farrajan Hezbollaafi Hamaas hidhachiisuu eegalte.
Kuni hundi walitti cuunfamuun Israa'el tikashee bobbaasun sochii Iraan akka hordoftu ishee taasise.
Ragaalen akka agarsiisanitti, Mossad yeroo mootummaan Iraan michuu Israa'el ta'e kufee kaasee Rippaabilika Islaamaa irratti basaasa gochaa ture.
Diinummaan Iraanifi Israa'el hanguma jabaataa deeme, tiki Israa'el gola Iraan keessa harka dheereffachuu eegale.
Gorsaa olaanaa Ayaatolaa Kameenii kan ta'an Alii Larijaanii bara 2024 keessa haasaa taasisaniin, harki tika Israa'el Iraan keessatti hidda fageeffachuurraa kan ka'e sadarkaa taaddessaarra gahuu himanii turan.
Sanadoota nikularaa Iraan Mossad hate
Dhimmi sagantaa gabbisa nikularaa Iraan waggootaf Israa'el ija tokko banattee akka raftu waan ishee taasisaa tureedha.
Iraan gabbisa nikularaa taasisftu itti fayyadama anniisaf ta'uu beeksiftus, Israa'el garuu boombii nikularaa gabbisuuf jechuun Yaa'ii UN irratti illee irra deddeebin kaasaa turte.
Iraanirratti tarkaanfii waraanaa fudhachuufis itti dhaadataa turte. Bara 2018 keessa, Ministiirri Muummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuu, sanada icciitii sagantaa gabbisa nikularaa Iraan "harka keenya galeera" jechuun addunyaaf ifa godhan.
"Milkaa'ina oppireeshinii tikaa guddaadha" jechuun ibsaniin, sanadoota icciitii gabbisa nikularaa Iraan 'sanada icciitii' Iraan bakka galmeen nikularaa dhoksaan kaa'amu irratti oppireeshinii gaggeessun argachuu ibsan.
Israa'el akkamitti mankuusaa sanadoota nikulata Iraan icciitiin akka cabsiteefi waa'ee ajjeechaa saayintistoota nikularaa Iraan ilaalchisee daayirekatara duraanii Mossad kan ture Yoosii Koohen bara 2018 miidiyaa Israa'el Channel 12 jedhamu waliin turtee taasisee ture.
Yoosii Koohen tika Israa'elitti kan makame bara 1982 irraa kaasee yoo ta'u, bara bara 2015 Netaaniyaahun daayireektara Mossad gochuun isa muude.
Ofiisaa paaspoortiiwwan dhibbaan lakkaa'aman qabaachuu kan hime daayirekatarri duraanii Mossad kun, hojiin sanadoota sagantaa nikulara Iraan icciitin mankuusaa cabsanii fudhachuu hojii guddaa akka ta'e ibse.

Madda suuraa, Getty Images
Yoosii Kooheen akka jedhetti, oppireeshinii sanada nikularaa Iraan argachuu gaggeessuf waggaa lama guutuu qophiin taasifamee ture.
Oppireeshinicha qaaman Iraan keessatti argamuun kan gaggeessan miseensota tika Israa'el lakkoofsan 20 ta'aniidha. Yeroo isaan man-kuusaa sanada Iraan cabsanii seenan, Yoosii Koohen wiirtuu ajajaa (command centre) magaala Tel Aviiv keessatti argamu keessa taa'ee hordofaa akka tures hima.
Miseensonni tikaa Israa'el sanada nikularaa Iraan mankuusaa cabsanii erga fuudhanii booda sanadoonni sun gara Israa'el geeffaman.
Sanadoota nikularaa Iraan icciitin fudhachuun alattis buufatalee nikularaa Iraan irratti haleellaa dhoksaa gaggeessuu, saayintistoota nikularaa ajjeesufi haleellaa saayibarii buufataalee nikularaa Iraan haleeluu irratti xiyyeeffachuun Mossad hojjachuu kan eegale bubbuleera.
Bara 2020 keessa buufata gabbisa nikularaa Iraan isa guddaa Nataanz keessatti balaan abiddaa mudatee ture. Iraan "shororkoossummaa nikularaa" jechuun Israa'elitti qubdee turte.
Baruma sana keessa saayintistiin nikularaa Iraan beekamaan Moohsan Fakrizaadeh ajjeefamee ture.
Moohsan magaalaa Teehraanin alatti meeshaa waraanaa fageenyarraa hubannoo nam-tolchee (AI)dhaan to'atamuun itti dhukaafamee ajjeefame. Ajjeechaa saayintistii beekamaa kana hordofee Mossad akka ajeese ibsite.
Daayirektarri duraanii Mossad, Yoosii Koohen, garuu waa'ee ajjeechaa Moohsan hin amanne, hin haalles.
Haa ta'u garuu, saayintistoonni Iraan "waggoota dheeradhaaf" adamsamaa turuu himuun Moohsan Fakrizaadeh beekumsi nikularaa inni qabu Israa'elif yaaddoo ta'uu hime.
"Namichi dandeettii lammiilee Israa'el yaaddessu yoo qabaate, jiraachun irra hin jiraatu," jechuun miidiyaa Israa'elitti dubbatee ture.
Israa'el dabalatee biyyoonni lixaa, Moohsan Fakrizaadeh sagantaa gabbisa nikularaa Iraan keessatti nama murteessaa akka ta'e ni beeku.
Moohsan bara 1989 irraa ka'ee pirojektii dhoksaa Iraan boombii nikularaa omishuuf qorannoo gaggeessuf gargaaru "Projecr Amad" jedhamu gaggeessaa akka turetu himama.
Ejansiin Anniisaa Atoomikii Idiladdunyaa (IAEA) sagantichi bara 2003 cufamuu beeksisus, Netaaniyaahuun garuu sanada icciitii nikularaa Iraan Mossad aragte keessatti Moohsan saganticha itti fufeera jechuun bara 2018 beeksisee ture.
Netaaniyaahuun waa'ee sanada Iraan hatamee ilaalchisee ergaa karaa viidiyoo bara 2018 dabarsee tureen, "Dr. Moohsen Fakrizaadeh...maqaa kana yaadadhaa," jedhee ture. Waggaa lama booda Moohsan ajjeefame.
Moohsan dabalatee Israa'el bara 2010 irraa kaasee hanga bara 2021tti saayintistoota Iraan beekamoo shan akka ajjeestetu amanama.
Ajajaa tika Iraan basaasaa Israa'el ta'ee argame
Bara bulchiinsa pirezidaantii duraanii Iraan Ahimaddiinjaad, keessa Mossad gola tika Iraanitti godoo waan ijaarrate fakkaata jedhama. Kana gaggeessan biyyattiituu dhugaa ta'uu amananii turan.
Keessuma bara dhuma bulchiinsa Ahimaddiinjaad, bara 2013, keessa komaandaroonni Eegdota Warraaqsa Islaamaa Iraan (IRGC), qondaalonni tikaafi abbootiin amantii hedduun Irsaa'eliif basaasu jechuun to'atamanii turan.
Kanneen to'atamanii himatamanii turan keessaa qondaala tikaa Iraan olaanaa Ministeera Tikaa keessatti muummee farra tika Israa'el gaggeessu kan tureedha.
Qondaalli basaasa Israa'el akka qolatuuf muudame ofiisaa Israa'eliif basaasaa ture jedhamuun Manni Murtii Warraaqsa Iraan du'aan isa adabe.
Pirezidaantiin duraanii Iraan Ahimaddiinjaad bara bulchiinsa isaanii Mossad gola tika Iraan keessa garmalee harka galfatee akka ture mirkaneessanii turan.
"Qondaalli tikaa olaanan basaastota Israa'el akka to'atuuf kaa'ame, shirawwan Israa'el Iraan keessatti gaggeessitu akka to'atuuf itti gaafatamummaa qabu, ofiisaafuu tika Israa'el ta'ee argame," jechuun bara 2021 dubbatanii ture.
Tiki Israa'el Mossad qondaalota olaanoo nageenyafi dhaabbilee basaasaa Iraan keessa harka galfatee akka jiru aangawoonni Iraan yeroo garaa garaatti dubbatu.
Ministiira duraanii tika Iraan kan ta'an Alii Yuneesii: "Dhiibban Mossad Iraan keessatti sadarkaa garaa garaatti taasisu baay'ee bal'aa waan ta'eef tokkoon tokkoon gaggeessitoota Iraan nageenyafi lubbuu isaanif yaadda'uu qabu" jechuun dubbatanii ture.
Israa'el haleellaafi ajjeechaa dhoksaa Iraan keessatti gaggeessitu ilaalchisee hin haaltu, hin amantus.
Haa ta'u garuu, bara kana haleellaa Iraan irratti banteen lola guyyaa 12 gaggeeffameen saayintistootafi qondaalota waraanaa heddu ajjeesuu yeroo jalqabaaf ifatti amanuun itti gaafatamummaa fudhatteetti.












