Daa’ima ganna jahaa basaasummaa fi gootummaan Firaansitti yaadatamu

Marcel Pinte, posthumous Resistance ID card

Madda suuraa, AFP/collection Gwenola Balmelle

Ibsa waa'ee suuraa, A posthumous Resistance ID card honoured Marcel after the war

Daa’imni ganna jahaa Maarsil Pintii diddaa Firaans keessa gootummaan leellifamu fi lola Naazii Jarmanii qolachuuf gaggeeffame keessattis daa’ima maqaan isaa tarree loltootaa wajjin yaadatamu.

Daa’imni xiqqaan dhaamsa dabarsu kun qawwee riphee loltuu akka tasaatti itti dhuka'een Hagayya 19, bara 1944 du’aan addunyaa kanarraa darbe.

Daa’imni kun guyyaa waraana dhaabbate magaalaa giddugaleessa Firaans Limogis biratti argamtu, Aksi-sur-Viyinii jedhamtutti wayita kabajamu wajjin yaadatame.

Abbaan daa’ima kanaa Ijiyin Pintii bara sanatti hogganaa diddaa farra Naazii gaggeessaa ture.

Ijiyin Pintii mana ooyiru qonnaa maatiirra hiiqxee La Gaubertie, iddoo Aksi-sur-Viyiniitti jedhamutti argamtu keessa taa’eetu diddaa kana qajeelcha, hogganaa ture.

Qoodni Maarsil maal ture?

Ga’een mucaa daa’ima kanaa odeeffannoo basaasa dabarsuudha.

Daa’imni xiqqaan kun dhaamsa iccitii fi xalayaa gara ooyruu qonnaa naannoo sanatti argamutti geessa ture.

‘’Boorsaa xiqqoo dugdatti baatee mana barnootaa dhaquun, odeeffannoo iccitii kana otoo shakkiin tokko hin uumne geessaa ture,'' jedhe Maark Pintii, firri daa'ima kanaa amma lubbuun jiruu.

Daa’imni kun dandeettii waa yaadachuun addatti qabu namoota ''aja’ibsiisuu'' fi dhaamsa gara hogganaatti dabarsuurratti amanamaa ture.

Daa’imni kun ‘’shaamizii isaa jala dhoksee’’ xalayaa daddabarsaa ture.

Maark Pintii AFP wayita himu, ’’Daa’imni kun waan hundumaa yeroo tokkotti hubata ture,'' jedhe.

Maarsil bosona keessatti riphee loltoota wajjin turuutti gammada ture, achumaan tooftaa iccitii eeguus bare.

Ijiyin, haati warraan isaa Paawuli fi ijoolleen shan mana ooyiruu qonnaa keessatti kan jiraatan wayita ta’u, loltoota diddaa tumsan wajjin walitti dhufeenya ni qabu ture.

Marcel with a Resistance fighter

Madda suuraa, AFP/collection Gwenola Balmelle

Firri daa’ima kanaa Aleksandiri Birimahud jedhamus, seenaa daa’ima Maarsil jedhamu kanaa waggootaaf qorachaa akka turetu himama.

Sababa qoratuuf wayita ibsummoo, ragaan galmaa’e namoota diddaa keessatti deeggarsa kennuun Naaziin akka injifatamu gumaachan daa’immanii fi dubartootarratti hin xiyyeeffatamne. Ragaan galmaa’e loltoota fi waraana itti yaadame gaggeeffameerratti xiyyeefatu yaada jedhu ibse.

Mr Birimahud BBCtti akka himetti, akkoon isaa ''Maarsil gammadaa fi obbolessa koo isa cimaadha,'' jettee ibsiti jedheera.

Maarsil qabsoo farra Naazii Jarmaniirratti qooda basaasummaan qabuuf moggaasa maqaa "Quinquin" ykn ‘'daa’ima xiqqaa basaasaa'' jedhun beekama ture.

Mr Birimahud, daa’imni kun akka oppireetara raadiyoo kutaa mana maatii isaa keessaa hojjatuu akkatti kolfu ibsee ture.

Manni ooyiruu qonnaa keessa jirtu kunillee iddoo dhokataa fi hin mul’annetti akka argamtu, garuu riphee loltoonni kun iddoo manichi jiru bira qaqqabuu Mr Birimahud hime.

Gaheen daa’imni kun qabaachaa ture adeemsa keessa mootummaa Firaansiin biratti beekamtii argatera.

Abbaan Ijiyin umrii ganna 49tti bara 1952 erga du’e booda, Aksi-sur-Viyiniitti ilmasaa Maarsil biratti awwaalame.