Hogganaan basaasaa Ameerikaa Tiraamp rakkoo furuuf hogganaa K. Kaabaa argu jedhan

Kim Jong-un

Madda suuraa, KCNA

Ibsa waa'ee suuraa, Gadi fageenya walgahii Tiraamp waliinii ilaalchisee wanti Mr Kiim irraa dhagahame omtuu hin jiru.

Daarektarri Dhaabbata Basaasaa Ameerikaa (CIA) Maayik Pompewoo murtiin pirezidantii Tiraamp hogganaa Kooriyaa Kaabaa dubbisuuf taasisan balaa booda fidee dhufu waan hubataniif jedhan.

Obbo Tiraamp ''kana tiyaatiraaf miti kan godhu, rakkoo hiikuuf achi dhaqa,'' jechuun miidiyaa 'Fox News' jedhamuuf kan dubbatan.

Walgahiin hoggantoota lamaa fuuladuratti ta'uf deemu kuni 'waliigaltee guddicha addunyaaf' fiduu deema jechuun pirezidant Tiraamp dubbatani ture.

Haa ta'u malee Koriyaan Kibbaa hanga yoonaatti, Koriyaa Kaabaa irraa dhimmicharratti omaa hindhagahiin akka jiruttu himtee jirti.

Mr Tiraamp affeerraa wal mari'achuu Koriyaa Kaabaa irraa ergame ture guyyaa Jimaata ture kan simatan.

Xinxaltoonni akka jedhanitti garuu mariin isaanii waan hin eegamne kan fidee dhufu yoo ta'e kan hin eegamne ta'e haala jiru hammeessuu danda'a.

Pirezidantiin Ameerikaa aangoorra jiru hogganaa Kooriyaa Kaabaa waliin argee hin beeku.

Kim Jong Un fi Donaald Tiraamp

Madda suuraa, AFP

Walgahiin kana piyoongiyaang yeroo dheeraaf eegaa turte yoo ta'u fedhii booda kana agarsiisteen kan kuni dhufe.

Yaada kanas Obbo Tiraamp battaluma kan fudhatan.

Durumaa jarri Kooriyaa Kaabaa oomisha nuwikilaraa isaanii haala mijaa'e keessatti akka dhiisan himaa turan.

Haa ta'u malee, erga bara 2003 as oomisha akka dhaabduu fi gargaarsi akka kennamuuf walii galteen taasifame milkaa'uu hin dandeenye.

Obbo Pompewoon CBS'tti akka dubbatanitti biyyattiin amma dinagdeedhaan waan miidhamteef gara marii dhufte.