Ogganaan Koriyaa Kaabaa Kiim Jooni-un sodaachisoo dubbate

Madda suuraa, Getty Images
Ogganaan Koriyaa Kaabaa Kiim Joong-un yeroo hinda furtiin nikulaaraa mijaala isaa irratti waan argamuuf, 'Ameerikaan kongumaa waraana jalqabu hindandeessu,'' jedheera.
Haasaa bara haaraa sababeefachuun televizsiin taasiseen, gutuun Ameericaa haguuggii meeshaalee nikulaara Koriyaa Kaabaa keessatti argamti. ''Kunis dhugaa malee sodaachisoo miti.'' jedheera.
Garuu Koriya Kibbaatiif ergaa nageenyaa kan dhiyeesse yoo ta'u, 'mariidhaaf banaan ture,' jedheera.
Koriyaan Kaabaa olompikii gannaa Saa'ool keessattiif garee ergu dandeessi jedheera.
Mr Tiraamp sodaachisoo Mr Kiim irra deebii akka kennaniif gaafatamanii, ''ni ilaala, ni ilaalla,' jedhaniiru.
Innis Filoriidaa resoltii Maar-a-Laagoo tti boromtaa ayyaana Waggaa haaraa kabajaa ture.

Madda suuraa, Reuters
Sababii sagantaalee waraana nikulaaraa fi yaaliiwwan misaa'eelaatiin walqabatee, Koriyaan kaabaa waggoottan darban keessa qoqophiiwwan adda addaa irratti taasifamaa turee jira.
Biyyattiin siyaasaan qodamtuu taate kunis yaalii nukilaaraa lafa jalaa jahaa fi misaa'elii humna dabalaa jiruu taasiftee jirti. Baatii Sadaasaa keessattis, Hwaasong -15 kan humna dheerina kilo metira 4,475 deebuu danda'ee fi kan buufata Samii Addunyaa harka 10niin caaluu yaaltee turte.

Biyyattiinis hanga yoonaatti dandeettii humna waraanaa isaanii irraatti addunyaan amma illeen shakkii qbaattu illeen, dhugaasaa meeshaa waraana nikulaaraa gutummaatti hojiirra oluu danda'uu akka qabdu himti.
Mr kiim haasaa televizsiin taasiseenis xiyyeefannoo sagantaa meeshaalee waraa irratti qabuu cimsee jira. Kanas 'biyyi isaa kuusaawwan nikulaaraa fi misaa'elii baay'inaan akka omshituufi ajaja loltootaa akka dabaltu'' himeera.
Garuu walitti dhufeenyi Koriyaa kaabaa fi kibbaa jidduu jiru amma illeen lola yoo ta'u, bara dhufuutti hirachu danda'a jedheera.
''Barri 2018 koriyaanoota lamaaniif bara guddaadha. Kunis Kaabin bara dhallotaa 70 ishee kan kabajattu yoo ta'u, kibb ammoo Olompiikii gannaa keessumeesiti.''
Kunis oduu hammeenyaa barootaaf taasifamaa tureen booda akka waan jijiramni haala itti dubbatame taasifameetti ilaalamee jira.
Mr Kiim bakka bu'oota gara taphaawwan Koriyaa Kibbaatti Guraandhala dhufuutti ergu akka danda'an dubbataniiru. Kunis kan Koriyaa Kibbaa duraan akka gaariitti simachuuf yaada kaaftee turteedha.

Madda suuraa, Reuters
"Hirmaannaa Koriyaa Kaabaa xabawwan Gannaa irratti taasiftuu walitti dhufeenya ummtaatiif akka carraa gaariitti kan ilaaluu fi fiixaan bahiinsa xabichaas ni hawiin,'' jechuun dubbateera Mr Kiim.
"Qondaaltoonni biyyoota lamaanis haalawwan jiran irratti mari'achuuf atatamaan walargu ta'a.''
Atiletoonni Koriyaa Kaabaa xaba kanaaf gahumsa qaban lamas Ryoom TaeOk fi Kiim Ju-Siik dha.
Kaabinis hirmaannaa isaanii mirkanneessuuf yeroo itti darbeera garuu lamaan ammalleen affeerraa Koree Olompikii Addunyaatiin hirmaachu ni danda'u.













