'Ummanni Salaalee waggoota afran darban jireenyasaa dhabe' - Weellisaa Dajanee Jaalataa

Madda suuraa, Dajanee Jaalataa
“Qe’een abbaa kiyyaa guutumaan guutuutti maatiin keessaa baqatanii ega cufamee waggaa sadi. Amma sardiidatu keessatti dhalaa jira” Weellisaa Dajanee Jaalataa
Geerarsi weellisichi tibbana hojjete gaaga’ama namoomaa sababa rakkoo nageenyaan jiraattota godina Shawaa Kaabaa /Salaale/ mudate hima.
Gaaga’amni namoomaa naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Kaabaa /Salaale/ keessatti mudate tibbana ijoo dubbii miidiyaa hawaasaa ta’eera.
Waggoota darbaniif waraana humnootii mootummaa fi hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduu jiruun kan miidhame godinichi, yeroo dhiyoo as immoo miidhaa haaraa keessummeessaa jira.
Aanaaleen godinichaa naannoo Amaaraa daangessan iddoo olmaaf bultii hidhattoota Faannoo erga ta’anii bubbulaniiru.
Haaluma kanaan ajjeechaafii buqqaatiin lammiilee nagaa taateewwan idilee aanaalee kunneenii ta’aniiru. Mancaatiin qabeenyaas hammaataa akka ta’e jiraattonni himu.
Geerarsa isaa tibbanaaf miidhaan ummata godinichaarra gahaa jiru ka’umsa akka ta’eef kan himu Weellisaa Dajanee Jaalataa, “Kallattii kamiinuu yaa ta’u rakkoon ummata kanarra gahaa jiru ulfaataa waan ta’eef hanga humna kiyyaa sagalee ta’uudha” jedha.
“Hojii kana akkan hojjedhuuf ka’umsa kan naaf ta’e waan yeroo gabaabaa keessatti qofa ta’e miti” kan jedhu weellisaa Dajanee, “Ummanni naannoo sanaa waggaa sadi yookiin afuriif jireenyasaa dhabee, qe’eesaa cufee, baqatee, du’ee, ajjeefamee, wanti baay’een waan irra gaheef haalli ani duraan itti beekufii haalli har’a hawaasni sun keessa jiru dukkanaafii ifa walirraa fagoodha” jedha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ummata Salaale biratti geerarsi quuqqaa garaa, rakkoo ofii akkasumas gammachuu ofii ibsachuuf filatamaa ta’uu kan himu weellisichi, haala nageenyaa godinicha keessa jiruun xiqqaaf guddaan miidhamuu kaasa.
“Biyyakoo yaa biyyakoo
Salaale yaa biyyakoo
Yaa biyya Salaaltichaa
Yaa qe’ee Tuulamtichaa
Sii darbuu dide barri … barri boo’ichaa
Haadha irraa ajjeesanii
Xiqqaa harma guusani
Guddaa morma buusani”
Rakkoon nageenyaa godina Shawaa Kaabaa mudate ummanni haala jireenyaa barootaaf jirtaachaa ture akka hinjiraanne tasisuu weellisaa Dajanee hima.
Silaa waqtiin ammaa kun Salaale keessatti waqtii kormi itti baroodu fi dargaggeessi itti dhiichisu ta’uu dubbata.
Haa ta’u malee haalli qabatamaa yeroo amma jiru faallaa ta’uu himuun, “Qe’eetu oone, korma santu dhabame. Yeroon sangaan fardaa lolaaf tolaaf itti qophaa’u yeroo ammaa kana. Garuu waan santu dhabame” jedha.
“Yookan aarsaan tikfanna
Biyya gootaaf gootittii
Yookiin irraa godaanna
Kuni jireenya miti
Dur kormatu barooda ijoolle
Onekaa qe’een hoodaa
Kanaaf garaan na aada” kan jedhu weellisaa Dajanee, “Onekaa qe’een hoodaa’ akkan jedhu kan nataasise jecha namni jedhuuf qofa osoo hintaanee waanan ofii kiyyaa argeefi.
Fakkeenyaaf qe’een abbaa kiyyaa guutumaan guutuutti maatiin keessaa baqatanii ega cufamee waggaa sadi. Mooraa sana keessatti manneen gurguddaatu hanga ammaatti jira. Amma sardiidatu keessatti dhalaa jira” jedha.
Rakkoon maatiisaa mudate kunis dhimma namoota baay’ee mudate ta’uu hima.
“Ummanni lafa irraa uumame irratti, qe’ee irraa uumame irratti jiraachuu dadhabee, kallattii adda addaan dhiibbaan irratti guddatee, sadarkaa jiraachuu itti dadhaberra waan jiruuf waan dhugaa ta’e dubbachuuf malee waan itti qabatanii ittiin buddeena baafanna yookiin ittiin maqaa ol qabanna jedhan sana miti” jechuun sababa geerarsa kana hojjechuuf isa kakaase hima.

Araara…
Waggaa tokko dura wayita mariin nagaa mootummaa Itoophiyaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo gidduutti taasifame milkii malee goolabametti Weellisaa Dajanee Jaalataa weelluu ‘Araara’ jedhu hojjetee ummata biraan gahee ture.
“Waraanni Adda Bilisummaa Oromoo fi mootummaan ‘yeroo dheeraaf yaalii araaraa gaggeessaa turanii waliigaluun dhabameera’ jedhamee gaafa ibsamu sana galgalan hojjedhe. Ani akka nama tokkootti araara sana miira guddaaniin eegaa ture” jedha.
Gama biraatiin haalli yeroo ammaa naannoo Oromiyaa keessa jiru sirnafii duudhaa Gadaatiin ala ta’uu kan himu weellisichi, “Sirna Gadaa keessatti Oromoon yoo wal ajjeese gumaa waliif kenna. Obbolaa lamaantu wal ajjeesee gumaan dhabame” jedha.
Kana malees araarri fi waliin jiraachuun dhabamuu himuun, “Sirna jennu sana maqaadhaan waamuu malee ittiin hojjechuutu dhabame” jechuunis hima.
Rakkoofii dararaa ummatarra gahaa jiru dhaabuuf araarri filannoo jalqabaa akka ta’e kan himu weellisaa Dajanee, “Yoo ofii wal hin hubatin , yoo ofii walii hingalin diina alaa sitti dhufu ofirraa dhorkuun hin danda’amu” jedha.
Dabalataan “Ofii keenyaa rakkoo walitti fidnee miidhaa hintaane walirra geessine. Diinni kanbiraas dhufee kanuma raawwate, waan adda ta’e miti. Kanaaf kan diinaafis karra bane nuyi. Kanaaf kallattii kamiinuu yaa ta’u furmaata jennee kan fudhachuu dandeenyu waliigallee rakkoo jiru mariidhaan furmaata itti kennuudha” jechuun himeera.












