Nageenya Oromiyaa: KFOn mootummaan ''adeemsa dogongoraa'' irraa akka deebi'uuf cimsee gaafate

Madda suuraa, Fuula FB KFO
Paartiin Kongirasii Federaalawaa Oromoo (KFO) mootummaan rakkoo nageenyaa Oromiyaa furuuf adeemsi waggoota afran darban hordofe ‘’namoota nagaa du’aafi dararaaf saaxile’’ jedherraa deebi’ee mariin akka furuuf cimsee gaafate.
Aangawoonni paartichaa olaanoon ibsa Kamisa Finfinneetti gaazexeessitootaaf kennaniin, mootummaan rakkoo nageenyaa mariin akka furamuuf gaaffii yeroo gara garaatti dhiyaatu dhagahuu diduun uummanniifi biyyi gatii guddaa akka kaffalu taasisuurra darbee rakkinicha daran hammeesseera jedhan.
Dubbiin dhaabichaa kun kan dhagahame erga ajjeechaan hidhattootaa Oromiyaa keessa jabaateefi mootummaan hidhattoota WBO kan 'Shanee'jechuun waamu waliin mariif akka hin teenye ibseen boodadha.
‘’Adeemsi dogoggoraa kun waggootii afur boodallee bu’aa kan hin fidne ta’uusarrayyuu gaaga’ama siyaasaa daran akka babal’atuufi walxaxaa akka ta’u,’’ taasise jedheera ibsa gaafa Kamisaa baasen.
Dhaabichi sochii hidhattoota Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) irraa bara 2019 adda bahuun hidhannoo itti fufan walqabatee furuuf mootummaan tarkaanfii waraanaan furuuf socho’aa ture ‘’dogongora’’ jechuun ibse.
Mootummaan waggoota afran darban keessa hidhattoota kana yeroo gabaaabaa keessatti dhabamsiisuun nagaan akka bu'u gochuu dubbatullee, qabatamaan garuu rakkoon nageenyaa Oromiyaa keessaa caalaa hammaachaafi babal'achaa deemuu isaa lammileen yeroo gara garaatti ni dubbatu.
Aangawoonni mootummaa Itoophiyaa ji’a tokko dura finciltoota Tigraay waliin waraana waggaa lamaaf tureefi gaaga’ama guddaa dhaqqabsiise karaa nagaan furuuf waliigalteerra gahaniiru.
Haata’u malee, hidhattoota Oromiyaa keessa sosso’an waliin garuu ‘’ajandaa siyaasaa hin qaban’’ jechuun waliin mariif akka hin teenye ibsani.
Dursaan KFO Piroofeesar Mararaan ammoo mootummaan fedhii dhabee malee nagaa kaaba Itophiyaatti buuse Oromiyaa keessatti akka ta'uuf qaama waliin mariyatu hin dhabne jedhan.
Rakkoon biyyi Itoophiyaa kaleessas ta'e har'a qabdu guddaan jedhan Piroofeesar Mararaan siyaasa ammayyeessuu dadhabuufi karaa kanaan dura yeroo baayyee yaalamee hin milkaa'iin hafe humnaan yaaduudha.
Walitti bu’iinsiifi haleellaan waggoota muraasa darbaniif Oromiyaa keessatti itti fufe lammiilee kuma dhibbaan lakkaa’aman qe’eerraa buqqisuu UN ibseera.
Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa qorannoo baatii jaha gaafa Roobii ifa godhen Naannoo Oromiyaa keessa ‘’sarbama mirgoota namoomaa hamaatu’’ raawwataa jira jedheera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Torbanoota muraasa darban ajjeechaa Godina Wallagga Bahaafi Horroo Guduruutti keessumaa hidhattoota Amaaraan raawwatan jedhameen hedduun ajjeefamanii, kumaatamaan kan lakkaa'aman qe'eefi qabeenya isaaniirraa buqqa'aniiru.
Kunis hawaasa keessatti mufii uumee barattoonni jalqaba torban kanaa eegalee mormii ibsataa jiru.
Dhaabbileen akka ABO, IZEMA, ABIN fi gareen sivilii adda addaas mootummaan lubbuu lammiilee nagaa akka tiksu gaafataniiru.
Dubbiin Himaan TPLF Obbo Getaacho Radaa gama isaaniin ''Wanti Lixa Oromiyaatti ta'aa jiru kanuma Tigraay keessatti ta'aa turedha'' jechuun furmaati siyaasaa akka jiraatu gaafatan.
Badii hidhattooti WBO raawwatan ifatti hin qeeqan jedhamuun mootummaan kan qeeqaman aangawootni KFO, paartiin biyya bulchu ‘’atattamaan marii dhugaa humnoota dhaabbilee siyaasaa Oromoo wajjin akka taasisu,,’’ gaafatani.
Hawaasni idil- addunyaa ‘’dhumaatii Oromiyaa keessatti gaggeeffamaa jiru moggeessuun sochii nageenyaa lammiilee biyyittii qixaan kan hin ilaalle’’ jechuunis qeeqe.
Dabaluunis, dhaabichi mootummaan ‘waldhabdee siyaasaa’ waraanarraa karaa nagaan akka hiikuuf hawaasi idil-addunyaa ‘’dhiibbaa siyaasaa barbaachisaa ta’e’’ akka taasisan gaafateera.
KFOn jiraattoti akka hidhatan taasifamuufi naannolee ollaa irraa akka Oromiyaa seenan mootummaan eeyyameera jechuun, kunis rakkoo hammeessuu ibse.
Jiraattotiifi aangawootni mootummaa caasaa gadii jiranis hidhattooti Naannoo Amaaraa irraa as- ce’an jedhan haleellaa raawwachuun himataniiru.
Bakkeewwan Lixaafi Giddugala Oromiyaa, akkasumas Kibba Oromiyaa hidhattooti Waraana Bilisummaa Oromoo keessa sosso’utti rakkoon nageenyaa jira.
Mootummaan haleellaa qilleensaa dabalatee waraana bobbaasuun lolaa turuus furmaati waaraa hin argamne jedhu xiinxaltoonni nageenyaa.
Mootummaan ‘’Oromiyaa guutuu dirree waraanaa gochaa jira’’ kan jedhe KFOn, ummanni akka walbira dhaabbatu waamicha taasiseera.
‘’Balaa jiraachuufi jiraachuu dhabuutu’’ ummata qunname jechuun dhaabbileen siyaasaa ummata Oromoof qabsaa’an akka waliin ta’an gaafateera.

Madda suuraa, OFC/FACEBOOK












