'Hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo walin hidhata hin qabnu' - Kongirasii Federaalawaa Oromoo

Dhaabi morkataa Kongirasiin Federaalawaa Oromoo (KFO) hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo kan mootummaan Shanee jedhuun waliin hidhata hin qabu jechuun hime.
Dhaabi Pirofeesar Mararaa Guddinaan hogganamu ajjeechaafi badiiwwan garagaraa hidhattoonni ittiin himataman ifatti yeroo balaaleeffatu hin mul'atu jedhamuun komatama.
Ibsa dhaabichi guyyaa Kamisaa kenneerratti "WBO walin hidhata qabduuyii? Maalif wayita namoota nagaa ajjeesan hin balaaleffattan?" jedhanii gaazexeessitoota biraa gaaffiin dhihaateeraaf.
Oromiyaa keessa 'wal waraansi ija addunyaa jalaa dhokfamee gaggeeffamaa jira' kan jedhe dhaabichi "WBO walin hidhata hin qabu" jechuun miidiyaaleef deebise.
Hidhattooti gama Lixaafi Kibba Oromiyaa sosso'aniifi paarlaamaa Itoophiyaan galmee shororkeessummaa jalatti farrajaman badii itti himataman ni waakkatu.
Gareen kuni waggaa darbe humnoota TPLF kan kana dura 'warra gumaati' jedhaniifi Kaaba Itoophiyaatti waggaafi ji'a jaha oliif mootummaa lolaa jiran waliin hariiroo tolfachuu ifatti beeksiseera.
Baatii Ebla keessa mootummaan hidhattoota kanneeniifi Faannoo kan KFO'n illee himate 'dhabamsiisuuf' oppireeshinii waraanaa taasisuu eegaleera.
Taatullee gidduutti namoonni nagaa ajjeefamuun gabaafamaa jira. Komii dhihaatu kana mootummaan hin fudhatu.
Addi Bilisummaa Oromoofi Kongirasiin Federaalawaa Oromoo mootummaan lola dhaabee karaa nagaan akka furu gaafataniiru.
KFO'n ala yeroo dheeraaf mootummaan dhaabi Adda Bilisummaa Oromoo Obbo Daawud Ibsaan hoogganamu 'osoo qabsoo nagaa keessa jira jedhuu hidhattoota waliin hojjeta' jechuun himata.
KFO'n maal jedhe?
Barreessaa Olaanaa KFO Obbo Xurunaa Gamtaa, "hidhata hin qabnu. Akkamitti hidhata qabaachuu dandeenya? Nuti nageenyaan qabsoofna" jedhan.
Haaluma kanaan qaamolee biyyattii keessatti wal waraanaa jiran fi lolaan wal barbaadan hunda mormaa akka jiran himaniiru.
Hidhattooti WBO dhalattoota Amaaraa Oromiyaa keessa jiraatanirratti foo'anii haleellaa raawwatu jechuun Naannoon Amaaraafi dhaabbileen siyaasaa mormituu Amaaraa ni himatu.
Torban muraasaa dura KFO'n ibsa yeroo baasetti dhaabi saba Amaaraaf qabsaa'u ABIN 'loogdan' jechuun isaa qeeqee ture.
KFO dabalatee paartileen mormituu Oromoo sochii hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoofi badii garaagaraa himataman ifatti yoo balaaleeffatan hin mul'atu.
Dhaabni ABIN fi humnooti Amaaraas hidhattooti Amaaraa badii garaa garaan Naannoo Oromiyaa keessatti isa himataman ammatti ifatti waan balaaleeffatan hin qabani.
Gaaffiin walfakkaataas ibsa Kamisaarratti KFO'f dhihaateera.
Obbo Xurunaan 'Ajjeechaa lammiilee nagaa dhalootaan Amaaraa ta'an irratti hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoon raawwatamu maalif hin balaaleffattan?' jechuun gaaffii dhiyaatef akkana jedhen.
"Eenyumayyuu haa ta'u nuti namni, sabni akka akka du'u hin barbaadnu" jedhan.
"Wallagga Lixaa keessatti namootni ummata Amaaraa ta'an yeroo isaan du'an ibsa baasnee jirra. Ibsa sana isinif kennuu dandeenya" jechuunis Obbo Xurunaa Gamtaa deebisan.
Biyyaalee 'mootummootni abbaa irree itti jiran keessatti humnootin finciltootni akka ka'an' himuunis sababni hidhattootni Itoophiyaa keessatti uumamuu itti danda'aniifis biyyattii keessa filannoon haqa qabeessaa adeemsifamuu dhabuu ta'uu dubbatu.
'Mootummaanis, hidhattoonnis mariitti deebi'uu qabu'
Mootummaan KFO'n sochii hidhattootaa ifatti hin balaaleeffatu, yeroo mootummaan oppireeshinii waraanaa gaggeessu hin dubbatu jechuun komata.
KFO'n gama isaatiin waraana balaaleffachuu isaaniifi badii angawoota mootummaa saaxiluu isaaniitin isaan irratti ololli 'hidhattoota walin hidhata qabdu' jedhu irratti adeemaa jiraachuu himu.

Madda suuraa, Komunikeeshinii Baakkoo Tibbee
Itti gaafatamaan sab qunnamtii KFO Obbo Sulxaan Qaasim mootummaan duula Waraana Bilisummaa Oromoo kan mootummaan Shanee jedhuun irratti baneen lammiileen nagaa ajjeefamaa jiraachuu dubbatan.
"Haleellaa hidhattootni qaqqabsiisan dhaabsisuuf, miidhaasaa dhaabsisuuf gara maree nagahaatti seenuun ni barbaachisa. Waamichi mootummaaf qofaaf miti. Hidhatanii bosona kan jiranifiisi" jedhan.
"Hanga nuti beeknutti Shanee kan jedhamu hin jiru. Hidhattootni Oromoo hidhattootni Adda Bilisa Baasaa Oromoo kan mootummaanis beeku ni jiru" kan jedhan immoo dura taa'aan KFO Profeesar Mararaadha.
Isaanis "mootummaan naannoo Tigraayitti nan mari'adha, nagaa nan uuma jedhee akkuma socho'u isaan waliinis yaa mari'atu" jechuun nageenya fiduuf mariin akka taasifamu gaafatan.
Gaafileen bu'uraa ummata Oromoo kunneen akka ofin of bulchuu, nagaan jiraachuu fi kunneen biroon waggoota 50 deebii akka hin arganne kan himan Prof. Mararaan, mootummaan hidhattoota kunneen walin mari'achuun gaafiiwwan kunneen deebisuu akka qabus himaniiru.
Hooggansi KFO Obbo Baqqalaa Garbaafi boodarra dhaabicha kan seene Jawaar Mohaammad Abbootii Gadaa waliin ta'un hidhattooti qawwee lafa kaa'anii galanii karaa nagaan akka qabsa'an socho'aa turuun ni yaadatama.


















