Hidhaafi gubachuu qabeenya maatii dubartii ulfa ji'a sagalii Gujiitti ajjeefamteefi deebii aanga'aa aanichaa

Boqqolloo gubate

Madda suuraa, Family

Hagayya 8 bara 2025 Gujii Aanaa Sabbaa Boruutti dubartiin ulfa ji'a sagalii ajjeefamuun ijoo dubbii ta'ee ture.

Haadha ilmaan lamaa kan turte Aadde Suyyee Quxxalaa mucaasaanii kan ganna ja'aa waliin oyruu irraa jaldeessa eegaa osoo jiranuu dhukaasa humnoota mootummaatiin ajjeefamuu maatiin himatanii ture.

Amma ammoo, maatiin dubartii tanaa mootummaan hidhamuufi qabeenyisaanii jalaa gubachuu BBCtti himan.

Bulchaan Aanichaa garuu sababii naannawa sana keessa hidhattoonni WBO socha'aniif, mootummaan naannichatti oppireeshinii taasisaa jiraachuu ibsuun, himannaa mancaatii qabeenyaa miseensonni maatii kanaa dhiheessan garuu quba akka hin qabne waakkataniiru.

Garuu ajjeechaa dubartii kanaa torban shaniin booda ALI gaafa Fulbaana 9, 2018tti maanguddoo ganna saddeettamaa dabalatee miseensi maatii ishee qaama mootummaatiin hidhamuufi qabeenyisaa jalaa gubachuu miseensoonni maatii kanaa fi ollaan BBC'tti himan.

"Shanee nyaachistu jedhamuun qaamni nageenya mootummaa'' gochaa kana irratti raawwachuu himatan.

Waan miseensota maatiifi aanga'aarraa odeeffanne kunooti:

Miseensi maatii nageenyaaf jecha maqaansaa akka hin ibsamne gaafatan akka jedhanitti, sababii qaama hidhate (WBO) waliin hidhata qabdu jedhuun miseensota maatii dubartii ulfaa kana dura ajjeefamtee irratti hidhaa raawwachuufi qabeenyi isaanii gubamu himan.

"Boqqolloon akkuma galetti gubatee badeera. Halkan sa'aatii afuritti guban. Waraana mootummaatu gube,'' jedhan.

''Wanni nyaatamu ammaan booda omtuu hin jiru. Gubanii ka'anii nama hunda gara mana hidhaatti oofan" jechuun waan gaafa Fulbaana 9, 2018 halkan raawwate ibsan.

Obbolaa abbaa manaa dubartii ajjeefamtee lamaafi harmeesaanii hidhuu kan dubbatan miseensi maatii kun, qabeenyis "kan maatii kanaa malee kan nama biraa hin gubanne," jedhan.

''Yoo hordoftan isinuu deebitanii ni hidhamtu nuun jedhanii nu doorsisan''

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Erga dubartiin ulfa ji'a sagalii oyruu boqqolloo osoo eegduu ajjeefamteen booda waa'ee haqashee barbaacha qaama mootummaa, "dhaqnee namni ajjeese maaliif kallattiidhaan seeraaf dhiyaachuu dhabe,'' jechuun gaafataa turuu kaasu.

Garuu, ''dhimma kana hin hordofinaa, yoo kan hordoftan taate sinuu mataa keessaniin deebitanii ni hidhamtu nuun jedhanii caalaa nu doorsisani" jechuun deebii aanga'oota Aanaa Sabbaa Boruutiin kennameef ibsan.

Boqqolloon alattis, "waan akka meeshaalee kan akka waaroon, wanni itti sooratan qabeenyi mana keessaa homaayyuu wanni tokko hin hafne. Manni gubatee, gootaraalleen gubateera," jechuun omtuu akka hin baane ibsu.

Namni kunis halkan gaafa gochi kun raawwatu arguufi aanga'oonni ganda Siree Buqqee inni ijaan argaa beeku ''waraana namoota hidhaniifi qabeenya guban" jedhaman waliin akka argan dubbatu.

Haqni dubartii ulfaa ajjeefamte sun akka bahuuf baay'ee dhama'aa turuu garuu qaamni dhufee hin jiru jedha.

''Qaama yakka sana raawwate kan ummannis ifatti beeku namni seeraaf dhiyeesse hin jiru; dubbiin sun irra dibamee hafe,'' jedhan jiraataan kun.

''Yeroo sana maatiin walitti gurmaa'ee aanaa deemnaan, waan kana qorannee dhugaa jirtu baasna, nutis waan jiru ni beekna, qaama yakka kana raawwate seeraaf dhiyeessina jedhan," jechuun dhamaatii maatiifi deebii poolisiin aanichaa yeroos kenneef kaasan miseensi maatii biraa BBC'n dubbise.

"Ergasii deebiin maatiidhaaf hin kennine; qaama yakka sana raawwates hin saaxille" jechuun kan komatan miseensi maatii kun, siriiyyuu "maatii kanarratti yakka dabalataa raawwatan," jechuun hidhaafi badii qabeenyarratti raawwatame jedhan komatu.

Abbaafi haadha akkasumas obbolaa abbaa manaa dubartii ulfaa ajjeefamtee hidhuun, "midhaan gara gootaraa shanii ta'ufi mana maatii kanaa gubanii barbadeessanii deeman" jechuun ibsa miseensi maatii kun.

Boodarra abbaa abbaa manaa dubartii ulfaa ajjeefamtee sun maanguddoo ganna saddettamaa waan dhukkubsataniif yoo gadi dhiifaman, miseensi maatii sadi ammalleen Aanaa Sabbaa Boruu ganda Siree Buqqeetti hidhamanii jiraachuu dubbatu.

Miseensonni maatii kunneen "Shanee nyaachistu" jechuun akka hidhaman kan himan miseensi kun, "aannan Shaneen dugdu nuti dhuguu dhabnaa jedhanii ofiisaaniitiin mana keessa deemanii aannan guurratanii dhugu," jechuun waan waraanni mootummaa raawwate jedhan ibsan.

Himannaa miseensi maatii kanaa humnoota mootummaa irratti dhiyeessan kana BBC addatti madda walabaa irraa mirkaneeffachuu hin dandeenye.

"Qabeenya gubuun kan balleesse waraanniifi milishaan illee'' keessa jiraachuu kan ibsan miseensi maatii kun, bulchitoonniif komaandarri gandaas akka achi turan dubbatu.

"Raayyaa Ittisa Biyyaaf odeeffannoo dogongoraa kan kennuun jara gara hin taanetti oofu milishaafi warra farra riphee lolaa kan bulchiinsa gandaatiin durfamudha" jechuunis himatu.

"Ollaa sanaa namni biraas qabame" jiraachuu kan kaasan miseensi maatii kun, "addatti qabeenyi kan jalaa manca'e garuu kan maatii kanaati. Addatti maatii kanarra miidhaan gaheera" jedhan.

'Dhugaa dubartii kanaa awwaaluuf'

Bulchaan Aanaa Sabbaa Boruu wayita dubartiin ulfa ji'a sagalii ajjeefamte BBC'f yaada kennaniin, waljijjiirraa dhukaasa qaama mootummaafi hidhattoota WBO gidduu tureen ajjeefamuu himunsaanii ni yaadatama.

Miseensonni maatiifi jiraataan naannichaa yeroo sana BBCn dubbise garuu torbaan lamaa oliif qaamni hidhate naannicha akka hin mul'anneefi waljijjiirraan dhukaasaa jedhames akka hin turre himanii ture.

Ammas badii raawwatame maatiifi hawaasni naannichaa "haqa dubartii sanaa gaafachaa waan jiruuf, haqishee akka hin baaneef" tarkaanfii fudhatamedha jechuun komatan.

"Haqa dubartii sanaa dhoksuudhaaf akka waan waraanni naannoo san tureetti, erga guyyaa gaafa saniitii waraana bosona keessa socho'u barbaaduuf halkanii guyyaa naannoo sana keessa deddeebi'amaa ture'' jedhan miseensi maatii kun.

Sababa waan dhabaniif, akka waan sochiin waraana bosonaa wayii achi jiru fakkeesisaaf kan godhame.

Deebii bulchaa Aanaa Sabbaa Boruu

Bulchaan Aanaa Sabbaa Boruu Obbo Guyyee Galgaloo gama isaaniitiin hidhaan miseensaa maatiif kaan irratti fudhatame qaama oppireeshinii qaamoleen nageenya mootummaa taasisaa jiran ta'uu ibsuun, gubachuu qabeenyaa jedhame garuu akka hin dhageenye BBCtti himaniiru.

"Qaxanaan kun qaxanaa diinni socho'u. Adaalli sun adaala maatii Shanee ture. Dhugaasaa qulqulleessuuf yaallee kan nuu kenname walkeessa deebii rasaasaatiin alatti Shanee ajjeefte, waraanni mootummaa ajjeefte wanni adda bahe hin jiru'' jedhan. Rasaasa kamiin akka duute waanni adda bahe hin jiru" jechuun haqa dubartii sanaa addaa baasuu yaalii taasisuu himu bulachaan aanichaa.

"Qorannaan manni maree nageenyaa geggeesse, adaala sani namni Shanee deddeebisu akka jirutti ifatti ka'aa ture. Kanarraa ka'ameetu oppireeshiniin ittuma fufe. Namoota seelii diinaa ta'aniif diina naannoo sanatti deddeebisan irratti tarkaanfiin fudhatameera" jechuun oppireeshinii naannichatti deemaa jiraachuu BBC'tti himaniiru Obbo Guyyeen.

Tarkaanfiin fudhatame qaama oppireeshinii aanicha keessatti gaggeeffamaa jiruu ta'uu kan kaasan bulchaan kun, "akka yaadamee maatii san irratti mootummaan tarkaanfii fudhate kan jedhamu sun waan aanaa kanaaf, mootummaallee ibsu miti" jedhaniiru.

"Odeeffannoo qabnuun Wasoon [waarsaan] beerti [dubartii ulfaa] duutee sun, inninuu amaneera akka diina waliin deddeebi'aa ture. Waggaa sadii ol diina waliin akka ture ifatti kan beekamu" jechuun obboleessi abbaa manaa dubartii ajjeefamtee sun hidhattoota waliin hariiroo qabaachuu ibsu bulchaan kun.

Waa'ee dhimma qabeenyaan gubachuu

"Qabeenyi manca'uu kan jedhamu kana hin argine. Wanni adda baasnes hin jiru odeeffannoo dhageenne malee. Caasaa keenya naannoo saniitiin ammoo waanna jiru qulqulleessaa jenneerra" jechuun waa'ee himannaa qabeenya maatii qaamolee mootummaatiin gubate jedhamee ibsu Obbo Guyyeen.

Maatii miidhaan irra gahuun himatan sana qofa osoo hin ta'iin ''namni biraallee diina waliin kan hariiroo qabuufi seelii diinaa warroota diinota dhoksu" irratti oppireeshiniin akka aanichaatti taasifamaa jiraachuu kan ibsan bulchaan kun, "xiyyeeffannaan maatii sanarratti qofa godhame tokkollee hin jiru" jedhan.

Maatiin dubartii ulfa ji'a sagaliin ajjeefamte haqa barbaacha gara isaanii akka dhaquu kan kaasan bulchaan kun, "na biras dhufanii waliin mari'annee, nutis wanni beeknu hin jiru garuu rasaasa maddii tokkoo dhuka'een duute nutti fakkaate malee wanni qulqulleessine hin jiru kan jedhuun mari'annee. Waan dandeettan isinillee qulqulleessaa, nullee akka mootummaatti rakkoo jiru ni qulqulleessina kan jedhuun maatii faana waliigalle" jechuun marii maatii waliin taasisaa turan ibsu Obbo Guyyeen.

"Gandoota hundatti oppireeshiniin gaggeeffamaa jira. Komiin akkanaa kun tokkollee hin jiru" jechuun yakki namoota nagaarratti raawwatu akka hin jirre himu aanga'aan kun.

Kana malees, "hawaasni caasaan mootummaa ykn waraanni oppireeshinii geggeessaa jiru dhiibbaa nurratti uumaa jira jedhee nutti komii dhiyeesse hin jiru. Diina yookaan hidhattoota Shaneetiin walqabatee akka biyyaattuu rakkoon geggeessaa jirtu ni beekama. Rakkoo ishiin guyyaa guyyaan irratti geggeessaa jirtu hawaasni kaan qaamaan, kaan bilbilaan dhufee eeruu kenna" jechuun ibsu.

Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaatti Darektarri Hordoffii fi Qorannoo, Badhaasaa Lammeessaa gama saanitiin, gocha raawwatame kanaan walqabatee ammatti eeruun isaan gahe akka hin jirreefi yeroo eeruun isaan qaqqabe waan irra gahan akka ibsan BBCtti himan.

Sochii hidhattootaafi rakkoo nageenya

Godinaalee Oromiyaa hidhattoonni Waraanaa Bilisummaa Oromoo kan aanga'aan mootummaa kun diina jechuun waaman kunneen keessa socha'aniitti, ajjeechaa, saamichii fi badiin garaa garaa akka raawwatamu yeroo garaa garaatti gabaasuun keenya ni yaadatama.

Fakeenyaaf, Godina Iluu Abbaa Boor aanaa Billoo Noophaatti daa'imni waggaa tokkoo fi baatii saddeetii godoo miidhaan eeganitti ajjeeffamuun jalaba baatii Hagayyaatti ijoo dubbii miidiyaa hawaasaafi dheekkamsas kaasee ture.

Ajjeechaa sana ilaalchisee Waajirri kominikeeshinii aanichaa hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO)ti quba kan qabe yoo ta'u, Bulchaan Aanaa Billoo Noophaa Obbo Dajanee Kabbadaa garuu daa'mni sun walitti dhukaasa hidhattoota WBO fi qaamolee mootummaa gidduutti ajjeefamuu BBC'tti himanii turan.

Haati daa'ima ajjeefamee Aaddee Zaaraa Hasan garuu qaamolee nageenyaa mootummaan ajjeefamuu ijaan arguu dubbatan.

Koreen Fannoo Diimaa Idil-Addunyaa (ICRC) walitti bu'insi naannoo Oromiyaa keessatti deemaa jiru lammiilee nagaa irratti "rakkoo hamaa" fidaa jiraachuu beeksisee ture.

Koreen kun, ibsa Adoolessa 31, 2025 baaseen, lola humnoota mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo gidduutti naannoo Oromiyaa keessatti adeemsifamaa jiru lubbuu namoota nagaa irratti dhiibbaa guddaa geessisaa jiraachuu ibseera.

Waraanni Bilisummaa Oromoo kan mootummaan Shanee jedhee waamu waggoota jahan darbaniif loltoota mootummaa naannicha keessa jiran waliin lolatti jira.

Gareen hidhattootaa godinaalee lixaa fi kibba Oromiyaa keessatti bal'inaan socho'u kun, yeroo baay'ee ajjeechaa namoota nagaa fi qondaaltota naannoo keessaa qooda qabu jechuun ni yaadatama.