Biyyoonni Awurooppaa Iraanirra qoqqobbii UN kaa'uuf sochii eegalan

Lammiileen Iraan suuraa Ayaatolaa Kameenii qabatanii yeroo hiriira bahan suura agarsiisu

Madda suuraa, EPA

Iraan sagantaa nikularasheerratti waliigalteerra gahuu hin dandeenye jechuun biyyoonni Awurooppaa sadi: UK, Faransaayifi Jarman qoqqobbiin UN irra deebin akka irra kaa'amuuf sochii eegalanii jiru.

Iraan bara 2015 waliigaltee gabbisa yuraaniyeemii hir'isuu taasisteen qoqqobbiin Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii irraa ka'ee ture.

Haa ta'u garuu qoqqobbichi deebi'ee akka haara'uuf biyyoonni Awurooppaa sochii eegalanii jiru. Kunis Iraan dhimma sagantaa gabbisa nikularaasheerratti waliigalteerra gahuu hin dandeenye kan jedhuudha.

Iraan garuu xalayaa Gamtaa Awurooppaaf barreessiteen biyyoonni kun sadan qophaasaanii qoqqobbiin UN deebi'ee Iraanirra akka kaa'amuuf aangoo akka hin qabne ibsite.

Chaayinaafi Raashiyaanis biyyoonni Awurooppaa qophaasaanii tarkaanfii kana Iraanirratti fudhachuu akka hin dandeenye "amananii na deeggaraniiru" jechuun ibsite Iraan.

Ministiirri Dhimma Alaa Iraan Abbaas Araagchii xalayaa Gamtaa Awurooppaaf ergan kanaan, biyyoonni kunneen "fedhiifi ejjannoo qajeelaadhaan" mariyachuu barbaadu taanan, Iraan marii "haqa qabeessafi madaalawaa ta'e" itti fufsiisuf qophii ta'uu ibsan.

Hirmaattota waliigaltee bara 2015 Iraan waliin taasifamee kan ta'an UK, Faransaayifi Jarman torban lama dura ibsa baasaniin, Iraan dhuma ji'a Hagayyaatti waliigalteerra hin geessu taanan, qoqqobbii UN bara 2015 irraa kaafamee ture iddootti deebisuu akka danda'an akeekkachiisanii ture.

Ministeerri Dhimma Alaa Iraan gamasaan, sochiin biyyoonni Awurooppaa kunneen taasisan tattaaffii Iraan Ejansii Anniisaa Atoomikii Idiladdunyaa waliin taasisaa jirtu kan danquufi carraa dippilomaasii kan dukkaneessu ta'uu ibse.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Israa'eliifi US ji'a Waxabajjii keessa Iraanirratti haleellaa erga gaggeessanii as mariin dhimma nikularaa Iraan deebi'ee hin eegalle.

Ejansiin Anniisaa Atoomikii Idiladdunyaa buufataalee nikularaashee deemee miidhaa qaqqabee akka qoratuuf Iraan hin hayyamne.

Iraan bara 2015tti gabbisa nikularaashee xiqqeessufi to'annoo ejansii UNtiif banaa gochuuf waliigaltee turte; gama biraan ammoo qoqqobbiin UN diinagdee Iraan laamshessu irraa ka'ee ture.

Waliigaltichi Iraan, US, UK, Jaramnii, Chaayinaafi Gamtaa Awurooppaa kan hirmaachise ture.

Haa ta'u garuu Iraan waliigalticha hin kabajne jechuun Tiraamp bara 2018tti US waliigalticha keessaa akka baatu godhe.

Akkaataa waliigaltee bara 2015 Iraan waliin taasifameetti, biyyoonni waliigalticharratti hirmaatan Iraan waadaashee cabsiteetti jedhanii yoo yaadan Mana Maree Nageenyaa UN beeksisuun qoqqobbiin ka'ee ture deebi'ee akka irra kaa'amu yaada dhiyeessuu danda'u.

Kanuma ka'uumsa godhachuun biyyoonni Awurooppaa sadi: UK, Faransaayifi Jarman Kamisa, Hagayya 28, xalayaa Mana Maree Nageenyaa UNtti barreessaniin qoqqobbiin Iraan ka'ee ture iddootti akka deebi'u gaafatanii jiru.