Iraan nikulara gabbisuu hin dhaabu jette

Madda suuraa, AFP via Getty Images
Iraan sagantaa gabbisa nikularaashee akka itti fuftu beeksifte. Minsitiirri Dhimma Alaa Iraan Abbaas Araagchii miidiyaa US kan ta'e Fox News waliin turtii taasisuu waabeffachuun Rooyitars akka gabaasetti, biyyattiin gabbisa nikularaa itti fuffti.
Haleellaa Israa'elifi US ji'a Waxabajjii keessa Iraanirratti gaggeessaniin buufataaleen gabbisa nikularaa Iraan heddu miidhamuu kan himan qondaalli olaanan Iraan kun, biyyattiin gabbisa nikularaa gara fuulduraatti akka itti fuftu himan.
Haa ta'u garuu haleellaa buufataalee nikularaa gurguddoo Iranian: Nataanz, Foordoofi Isfahaan irratti gaggeeffameen ammatti gabbisi yuraaniyeemii ammatti dhaabatus gara fuulduraatti garuu akka gabbistu dubbatan Abbaas Araagchii.
Waxabajjii 13 haleellaa Israa'el Iraan irratti banuu dura, Iraan dhimma gabbisa nikularaasheerratti US waliin marsaa shaniif marii gaggeessitee turte.
Marsaa jahaffaa ammoo Omaanitti walgahanii mariyachuuf yeroo jedhanitti guyyaa lama dursitee Israa'el haleellaa bante.
Kanarraa kan ka'e mariin Iraanifi US gidduutti gaggeeffamuuf ture hafe; hanga ammaas deebi'anii mariif hin teenye.
Iraan gabbisa yuraaniyeemii sadarkaa boombii hidhachuu ishee dandeessisutti geessiftee turte jechuun himatu.
Tehraan garuu himannaa biyyoota kanaa haalun, kaayyoo nagaaf qofa akka oolchitu irra deddeebin himti.
Dhimmi sagantaa gabbisa nikularaa Iraanif mallattoo uummanni biyyattii ittiin boonu ta'uu kan himan Abbaas Araagchii, gabbisi nikularaa akka itti fufu ibsan.
"Sababa miidhaan qaqqabe baay'ee cimaa ta'eef, [amma] dhaabbateera. Garuummoo tasumaa gabbisuu hin dhiisnu, sababni isaa milkaa'ina saayintistoota keenyati waan ta'eef.
"Sanaa olitti ammoo amma mallattoo biyyaalessaa ta'ee jira," jechuun dubbachuusaanii Rooyitars gabaase.
Haleellaa Israa'eliifi US booda miidhan qaqqabe guddaa ta'uu kan ibsan qondaalli Iraan, ammayyuu miidhan qaqqabe dabalataan qoratamaa akka jiru himan.
Haala fayyummaa Gaggeessaa Olaanaa Iraan Ayaatolaa Kameenii ilaalchisees yaada kan kennan, Abbaas Araagchii haala gaarii keessa akka jiran ibsan.
Iraan dhimma sagantaa nikularaasheerratti US waliin mariyachuuf fedhii akka qabdu ibsuun garuummoo yeroodhaaf kallattiin mariyachuu akka hin feene dubbatan.
Oduu biraan ammoo Iraan dhimma nikularasheerratti marii akka itti fuftuuf biyyoonni Awurooppaa sadi: Faransaayi, UKfi Jarman akeekkachiisuu hordofee Jimaata, Adoolessa 25 mariin akka gaggeeffamu ibsameera.
Sagantaa gabbisa nikularaa Iraan irraa yaaddon qaba kan jettu Israa'el haleellaa Waxabajjii 13 Iraan irratti banteen torbee lamatti kan dhiyaatuf lola cimaa keessa galanii ture.












