Haleellaa US gaggeessite booda Iraan yuraaniyeemii gabbate hanga tokko oolchuu dandeessi- qondaala Israa'el

Buufata nikularaa Isfahaan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Isfahaan buufataalee nikularaa Iraan haleelaman keessaa tokkoofi kan amma yuraaniyeemin gabbate heddu keessa jira jedhameedha

Haleellaa US buufataalee gabbisa nikularaa Iraan irratti gaggeessite booda Iraan yuraaniyeemii gabbate hanga tokko argachuu akka dandeessu ejjannoo Israa'el ta'uu qondaalli olaanan Israa'el himan.

Qondaalli olaanan mootummaa Israa'el tokko gaazexeessitoota UStti akka himanitti, buufataalee Iraan sadi US haleelte keessaa tokko keessaa yuraaniyamii gabbate Iraan deebistee argachuu ni dandeessi.

Qondaalli olaanaan Israa'el kun akka jedhanitti yuraaniyeemii buufata Isfahaan keessa jiru qaqqabuun baay'ee rakkisaa akka ta'eefi Iraan yuraaniyeemii kana argachuuf yaalii yoo goote Israa'el deebistee haleellaa gaggeessuu akka maltu akeekan.

Tiraamp irra deddeebin haleellaa humni qilleensaa US buufataalee nikularaa Iraan irratti gaggeessen gabbisi nikularaa Iraan guutummaan manca'uu ibsee ture.

Iraan kaayyoo boombii nikularaa hidhachuu akka hin qabneefi yuraaniyeemii gabbisuunshee kaayyoo nagaaf akka ta'e irra deebin hawaasa addunyaaf ibsaa turte.

Qondaalli olaanan mootummaa Israa'el, maqaan akka hin dhahamne barbaadan, kun Washingtanitti miidiyaaf ibsa yeroo kennan, yuraaniyeemin Iraan gabbiste harki caalan buufata nikularaa Isfahaan keessatti lafa jala gadi fagaatee awwaalamee akka jiru odeeffannoon tikaa qabatamaan akka jiru himan.

Iraan yuraaniyeemii gabbate osoo hin manca'in lafa jalatti hafe baasuuf yaalin gootu kamiyyuu ija Israa'el duraa akka hin dhokannes dubbatan.

Haleellaa Israa'elifi US buufataalee nikularaa Iraan irratti ji'a Waxabajjii keessa gaggeessaniin dandeettii gabbisa nikularaa Iraan waggaa lama boodatti hambisuu amanti Israa'el.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Tiraampifi qondaalonni isaa garuu bu'uuraaleen gabbisa nikularaa Iraan guutummaan manca'eera jedhanii amanu.

Dubbi himtuu Waayit Haawus kan taate Anna Kelly ibsa miidiyaalee USf ergameen, "Akkuma Pirezidaant Tiraamp si'a heddu jedhan, Oppireeshiniin Miid Naayit Hamar bu'uuraalee nikularaa Iraan guutummaan mancaasera.

"Gaggeessummaa murteessaa isaaf [Tiraampif] galanni haa ta'uu, guutummaan addunyaa amma [yaaddoo nikulara Iraan irraa] nagaadha" jette.

Tilmaamni tika US kan pirezidaant Tirampifi qondaalonni US jedhaniin addatti miidhan buufataalee nikularaa Iraan irra gahe akka jedhame akka hin taane akeekee ture.

Haleellaa gaggeeffameen buufataalen nikularaa Iraan baay'ee miidhamaniiru, garuummoo guutummaan akka hin maancaane ibsa xinxaalli tika US kan dhoksaan miliqee bahee ture.

Gageessaan Ejansii Anniisaa Atoomikii Idiladdunyaa (IAEA) Raafaa'eel Giroosii miidiyaa US michuu BBC ta'e CBStti akka himanitti, buufataalee nikularaa Iraan irra miidhaan guddaan gahus ammayyuu buufataaleen kun bakki miidhaan irra hin geenye jira.