Israa'el ofii boombii nukilaraa osoo qabduu sagantaa gabbisa nukilara biyyoota naannoshee maaf danqiti?

Biyyoota Baha Giddugalaa keessaa boombii nukilaraa kan hidhate Israa'el qofaadha. Isheen garuu meeshaa waraanaa balaafamaa kana qabaachu hin haaltus hin amantus.
Boombii nikularaa 90fi isaa ol akka qabdutu amana; qabaachuushee kan ifa godhe ammoo lammiidhumasheeti.
Saayintistii nukilaraa Israa'el kan ta'e Mardokaayi Vanuunuu bara 1986tti biyyisaa dhoksaan nikulara gabbisaa akka ijaartefi boombii nukilaraa hidhachuushee ifatti dubbate.
Icciitii Israa'el waggootaf qabattee teesse waan jalaa baasef nageenyasaaf sodaatee biyyaa bahe. Garuu tiki Israa'el qabee biyyatti deebisuun himanni biyya ganuufi odeeffannoo icciitii baasuu irratti banamee hidhaan waggaa 18 itti murame.
Waggoota 18 hidhamee erga bahees Israa'el keessaa akka hin baane uggurri irra kaa'ame.
Israa'el ofii boombii nukilaraa qabaattus sagantaa gabbisa nikularaa biyyoota kaanii dhaabsisuuf raftee hin bultu. Yeroo garaa garaatti haleellaa ifaafi dhoksaa gaggeessun dhimma biyyoota biroo keessa seenterti. Garuu maalii?
Israa'el Bahagiddugalaa keessatt yeroo garaa garaatti sagantaa gabbisa nikularaa biyyoota sadii: Iraaq, Sooriyaafi Iraan humna waraanan tarkaanfii irratti gaggeessiteetti.
Ofii osoo boombii nukilaraa hidhattee jirtuu biyyoota sagantaa gabbisa nikularaa qorannoofi madda anniisaaf olchina jedhan humnaan dhaabsisuuf sababni ijoon isheen dhiyeessitu "yaaddoo nageenyaa" kan jedhuudha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Biyya taatee bara 1948tti hundaa'un wal-qabatee biyyoota Baha Giddugaleessaa fagoofi dhiyoo jiran waliin walitti ishee buusera. Biyyoota Arabaa wajjin waraana gurguddaa gaggeessiteetti.
Masirii, Sooriyaa, Libaanos, Yordaanos, fa'aa wajjin kallattiin lola keessa seentee beekti. Iraan wajjin ammoo barana torbee lamaaf ifatti wal haleelaniiru.
Masiriifi Yordaanos wajjin nagaa buustus biyyoonni akka Sooriyaafi Iraan ammallee Israa'el wajjin walitti dhufeenya dippilomaasii hin qaban. Inumaayyuu Iraan wajjin du'aaf wal-eeggatu.
Alaalaa walitti dhaadachuu bira darbanii bara kana, Waxabajjii 13, irraa kaasee torban lamatti kan dhiyaatuf lola walirratti bananiiru.
Israa'el biyyoonni akka Iraan sagantaa gabbisa nikularaa taasisaniin yuraanniyeemii hanga kaayyoo nagaaf oolun olitti yoo gabbisan salphaatti boombii nikularaa hidhachuu danda'u waan ta'eef nageenya koof yaaddessaadha jechuun tarkaanfii humnaa fudhatti.
Mee biyyoota Israa'el sagantaa nikularaa isaanii jalaa haleelte tokko tokkoon haa ilaallu.
Iraaq- Oppireeshinii Oppeeraa
Israa'el sagantaa gabbisa nikularaa biyyoota Baha Giddu Galeessaa jeequu kan eegalte Iraaq irratti. Bulchiinsa Saadaam Huseen jalatti Iraaq humna waraanaa cimaa akka ijaartetu himama.
Keessumaa xayyaarota waraanaafi misaa'eloota Raashiyaa hidhachuun Baha Giddu Galeessaa keessatti humna jabaa ijaaree ture- sun Israa'eliif yaaddoo tokko ture.
Gama biraan ammoo sagantaan gabbisa nikularaa Iraaq eegalte Israa'elitti yaaddoo dabalataa ta'e. Sagantaa gabbisa nikularaa Iraaq magaala guddoo biyyattii Baagidaad irraa fageenya kilomeetira muraasaa irratti argama.
Bulchiinsi Saadaam Huseen Faransaayi wiirtuu gabbisa nikularaa akka ijaartuuf gaafachuun mootummaa Faransaayi wajjin waliigale. Kanarraa ka'uun saayintistoonni Faransaayi magaalaa Baagidaad irraa fageenya muraasa irratti wiirtuu gabbisa nikularaa Osiraaq jedhamu ijaaruu eegalan.
Iraaq gabbisa nikularaa kana qorannoofi fayidaa nagaaf oolchuf akka ta'e beeksistus, Israa'el hin amanne. Saadam Huseen kan duraanuu ilkaan itti ciniinnate boombii nikularaa hidhachuuf jira jechuun oppireeshinii icciitii gaggeessuf murteessite.
Yeroonsaa Iraanifi Iraaq gidduutti waraanni ijibbaachisaan waggaa saddeetif ture yeroo itti eegaleedha. Saadaam Huseen bara 1980tti Iraanirratti weera banuun Israa'eliif carraa gaarii uume. Biyyoota lamaanuu Israa'el akka diinatti ilaalti.
Bulchiinsi Saadaam Huseen Baha Giddu Galeessaa keessatti qophaasaa olaantummaa Iraaq mirkaneessuf deemaa ture jechuun qeeqamaa ture. Biyyoota akka Iraanifi Kuweet fa'aa weeraruunsaa dhuguma Saadaam Baha Giddu Galaa keessatti qophaasaa guddatee mul'achuuf sochii taasisaa turuusaa kan akeekudha.
Iraan ammoo warraaqsa biyyattii keessatti bara 1979tti gaggeeffameen mootummaa faallaa Israa'el dhaabatu qofa osoo hin taane, Israa'el biyya ta'uusheetuu hin fudhannetu aangoo qabate. Lamaansaanituu- Iraanifi Iraaq bara 1980tti waraanatti galuunsaanii buufata nikularaa Iraaq haleeluuf Israa'eliif carraa guddaa uume.
Israa'el oppireeshinii dhoksaa gaggeessuf qophii yeroo dheeraa gochaa turte. Yeroo sana Ministiira Muummee Israa'el kan turan Menaakiim Beegin buufanni nikularaa Iraaq akka haleelamu ajaja dabarsan.
Bara 1981 maqaa Oppireeshinii Oppeeraa jedhamuun xayyaaronni waraanaa Israa'eel F-15 fi F-16 buufata nikularaa Iraaq haleelun mancaasan.
Haleellan buufata nikularaa biyya biraa irratti gaggeeffame isa jalqabaa ture. Yeroo Israa'el oppireeshinicha gaggeessitu, buufanni nikularaa Iraaq ijaaramee xumura irra gahee akka turetu hima.
Oppireeshinii Israa'el gaggeessiteef Faransaayi dheekkamtee turte. Pirezidaantiin Faransaayi duraanii Zhaak Shiraak haleellaa tarkaanfii Israa'el balaaleffatanii turan.
Sooriyaa- Oppireeshinii "Outside the Box"
Sooriyaafi Israa'el diinummaa bara dheeraa qabu. Keessumaa Waraana Guyyaa Jahaa (The Six Day War) fi Waraana Yoom Kippur (The October) jedhamu bara 1967fi 1973tti wal-duraa duuban gaggeeffame irratti biyyoota Arabaa Israa'el wajjin waraanatti galan keessaa Sooriyaan ishee tokko.
Waraana lachuurratti Sooriyaan mo'amuurraa kan ka'e daangaashee Gaarren Goolan (Golan Heights) jedhamu dhabdee hanga ammaa harka Israa'el jira.
Biyyoonni lamaanuu hanga ammaa walitti dhufeenya dippilomaasii hin qaban. Gama biroon ammoo akka diina ijootti kan ilaaltu Iraan mootummaa Sooriyaa wajjin walitti dhufeenya cimaa qabdi.
Sooriyaan ekispartoota Kooriyaa Kaabaa ta'uu hin oolan kan jedhameen deeggaramtee sagantaa gabbisa nikularaa akka eegalte bara 2004 Israa'el odeeffannoo tikaa argatte.
Magaalaa guddoo biyyattii Damaasqoo irraa fageenya km 450 irratti kan argamu Bulchiinsa Deyir al-Zuur jedhamu keessatti buufata nikularaa al-Kibar jedhamu ijaaruu mirkaneeffatte.
Humni Waraanaa Israa'el buufata nikularaa Sooriyaa kana haleeluuf karoora baasuun maqaa "Operation Outside the Box" jedhu itti moggaase.
Fulbaana 5, 2007 halkan keessaa sa'aatii 4:30tti xayyaaronni waraanaa Israa'el F-15fi F-16 haleellaf ka'an. Sirna ittisaa haleellaa qilleensarraa Sooriyaa akkaan cimaa ture jalaa miliquuf, Galaana Mediteraaniyaanii irra qaxxaamuruun karaa daangaa Sooriyaafi Turkiin gidduun bahuun buufata nikularaa Sooriyaa irratti haleellaa gaggeessan.
Buufanni gabbisa nikularaa Sooriyaa guutummaan manca'uurraa kan ka'e Sooriyaan gabbisa nikularaatti ergasii hin deebine.
Mootummaan Sooriyaa yeroo sana ibsa kenneen xayyaaronni waraanaa Israa'el gamoo buufata waraanaa keessa jiru haleeluu ibse malee buufanni nikularaa jalaa haleelamuu hin beeksifne.
Israa'elis yeroo sanatti buufata nikularaa Sooriyaa haleeluu hin dubbanne. Waggoota heddu booda, bara 2018 Ministiirri Muummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuu bara 2007 buufata nikularaa Sooriyaa haleeluu ifatti dubbate.
"Mootummaan Israa'el, Humni Waraanaa Israa'elif Mossad Sooriyaan akka dandeettii nikulara hidhachuu hin qabaanne godhaniiru," jechuun humna waraanaafi tika biyyasaa jajuun fuula X gubbaatti barreessee ture Netaaniyaahuun.
Iraan- Oppireeshinii Raayizing Laayin
Diinummaan Israa'eliifi Iraan gidduu jiru kan walakkaa jaarratti dhiyaatudha. Iraanitti bara 1979tti warraaqsa mudateen mootummaan haaraan osoo hin dhufin dura sirna gonfoo Iraan Shaa jedhamuufi Israa'el gidduu walitti dhufeenya cimaatu ture.
Israa'el gaafa biyya taatee hundooftu biyyoota Musliimaa keessaa Turkiitti aanee Israa'eliif beekamtii biyyummaa kan kanne Iraan ta'uu ragaalen ni agarsiisu.
Haa ta'u, garuu mootummaan Rippaabilika Islaamaa bara 1979tti hundaa'e Israa'el Baha Giddu Galeessaa keessatti bakka buutuu Ameerikaati jechuun walitti dhufeenya ture addaan kute. Embasii Israa'el magaalaa Tehraan keessa ture cufuun Israa'el biyya miti jechuun labse.
Israa'elis Baha Giddu Galaa keessatti Iraanin akka yaaddoo nageenyashee cimaatti fudhachuun ilkaan itti ciniinnatte.
Iraan sagantaa gabbisa nikularaa kan eegalte osoo bara 1979tti warraaqsi hin eegalin dura waan tureef kanuma mootummaan biyyattii duraanii eegale itti fufsiisun yuraaniyeemii gabbisuu jabeessite.
Israa'el garuu wal-tajjiiwwan idiladdunyaa garaa garaa irratti dhiyaachuun "Iraan boombii nikularaa hidhachuuf deemti" jechuun himataa turte. Hawaasi idiladdunyaa gabbisa nikularaa Iraan hin dhaabsisu taanan humnaan akka dhaabsistu waggootaf itti dhaadataa turte.
Iraan gamasheen gabbisa nikularaashee kaayyoo nagaaf malee kaayyoo waraanaaf akka hin taane ifatti beeksisaa turte.
Israa'el waggootaf "Iraan sagantaa nikularaashee boombii nikularaaf oochuf jetti" jechuun himachaa harka lafa jalaan ammoo haleellawwan dhoksaa garaa garaa gaggeessaa turte.
Humna tikaashee, Mossad, fayyadamuun saayintistoota nikularaa Iraan ajjeesuufi sanada icciitii nikularaa Iraan fudhachuu, haleellaa sayibariifi hojiiwwan sagantaa gabbisa nikularaa Iraan ni jeequ jette hojjataa turte.
Waxabajjii 13, 2025 maqaa Oppireeshinii Raayizing Laayin jedhuun buufataalee nikularaa Iraan: Nataanz, Foordoofi Isfahaan jedhaman haleelte.
Saayintistoota nikularaa Iraan 11 ta'an dabalatee qondaalota olaanoo waraanaa biyyattii heddu ajjeefte. Iraanis misaa'elootafi diroonin Israa'el haleelte.
Israa'el kaayyoo lamaaf Iraanirratti haleellaa akka bante ibsite: "yaaddoo nageenyaa nikularaa" fi gabbisa misaa'elootaa" dhabamsiisuu kan jedhu ture.
Ameerikaanis Israa'el gargaarun buufataalee nikularaa Iraan haleelte. Biyyooni lamaanuu sagantaan gabbisa nikularaa Iraan akkaan miidhamuu ibsan.
Biyyoonni Baha Giddugaleessaa sadan: Iraaq, Sooriyaafi Iraan sagantaa gabbisa nikularaa isaanii Israa'el jalaa danqite kunneen qaama Waliigaltee Boombii Nukilaraa Gabbisuu Dhiisuu (Non-Proliferation of Nuclear Weapons, NPT) jedhamuuti.
Akkaataa waliigaltee NPT kanaatti, biyyoonni gabbisa nukilaraa kaayyoo nagaaf: kanneen akka qorannoofi madda anniisaaf oolchuu fa'aaf itti fayyadamuu danda'u.
Israa'el garuu biyyoota muraasa waliigaltee NPT keessa hin jirree keessaa tokko yoo taatu, boombii nikularaa hidhattee akka jirtutu amanama.












