Humnaan Iraan oomisha nikuleraa irraa dhorkuun hin danda'amu - Qondaala duraanii Mosaad

Itti aanaan hogganaa dhaabbata basaasa Israa'el duraanii Raamii Igra gaaffii fi deebii addaatti BBC Pershiyaa waliin taasisan

Qondaalli olaanaa duraanii Mosaad tokko lola guyyoota 12f Israa'eliif Iraan wal irratti banan keessatti Israa'el hoggantoota waraana Iraan akkamiin haleeluu akka dandeessee fi furmaata waaraa ta'uu waan danda'u BBC tti himan.

Itti aanaan hogganaa dhaabbata basaasa Israa'el duraanii Raamii Igraa gaaffii fi deebii addaatti BBC Pershiyaa waliin taasisaniin, ajjeechaa ajajoota olaanoo Garee Eegdota Warraaqsa Islaamaa (IRGC) keessatti kalaqni, teknooloojii fi sirni basaasaa gahee olaanaa bahaniiru jedhan.

Haleellaa jalqabaa Waxabajjii 13 raawwatameen Israa'el namoota waraana Iraan olaanoo kanneen akka Hogganaa Raayyaa Ittisa Biyyaa, Hogganaa Olaanaa IRGC fi itti gaafatamaa kutaa misaa'elaa fi humna qilleensaa IRGC akkasumas saayintistoota niwukilaraa hedduu ajjeesuun ishee ni yaadatama.

Israa'el kana raawwachuu kan dandeesse hojjettoota Moosaad biyyattii keessa hojjetaniitini.Garuu waanuma aja'ibsisaa mitii jechuun dubbatan.

Igraan ajjeechaa kanaan akka hin dinqisiifamne kan himan yoo ta'u "Yaada Iraan kana duuba waraanni guutuun jiraachuu fi namoota muraasa ajjeessun kaayyoo biyyattiin qabattee irratti cichaa jirtu sanarraa jijjiiruun ulfaataadha jedhan.

Raamii Igraa ''Wanti hundi teknooloojii waliin wal qabata, har'arra teessee odeeffannoo walitti qabuun saayibariidhaan kan raawwatamu waan ta'eef waan addaa akka hin tane himan.

''Bilbila qabattee deemta taanaan jireenyi kee ummataaf ifadha. Jireenyi nama hundaayyuu yeroo kana dhokataa hin ta'u. Keessumaa hanga ummata keessa jiraatetti,odeeffannoo waa'ee nama tokkoo argachuun heddu salphaadha'' jedhan.

''Yoo ati eegduu warraaqsaa olaanaaykn Qondaala mootummaa olaanaa taatu ammoo namoonni bakka ati jiraattu beekan baay'eedha. Bilbila qabda. Maatii qabda. Teessoo qabda.

''Guyyaa irraa gara guyyaatti jireenya dhuunfaaf sochii goota. Kanaafuu teessoon kee teknooloojiidhan nama si hordofuu barbaaduu kamiifuu beekamaadha.''

Gaaffiin biroo immoo, bakka namni sun jiru erga beekamee akkamitti haleellaa sana irratti raawwattaadha. ''Sunis ammas teeknooloojiidha. Tarii baayyee ulfaataa ta'uu danda'a garuu halleellaa qiyyaaffattee bakka jiranitti irratti raawwachuu dandeessu ta'a.

''Amma misaa'elootni fi dirooniin Israa'el qajeelfama kennameef sirnaan rawwachuu irratti hedduu fooyya'aniiru.

''Kanaafis indaastiriin ittisaa Israa'el waggoota lamaan darban keessatti guddina kanaan dura hin turre caalaa dabaleera, '' jechuun dubbatani.

Garuu halleellan akkasii kun ijjannoo Iraan jijjirsisuu danda'aa?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Qondaalli olaanaa duraanii dhaabbata basaasa Israa'el duraanii Raamii Igraa kanaaf waayita deebii kennan akkas jedhan, ''mee waan Gaazaa keessatti ta'aa jiru ilaalaa.

''Israa'el hooggantoota Hamaas hunda suuta suutaan dhabamsiiftee jirti. Garuu Hamaas ammallee jira.

''Hoggantoota waraanaa 15 qofa ajjeesuun waraana injifachuu hin dandeessu. Biyya akka Iraan guddoo fi lakoofsa ummataa guddoo qabdu waliin loltee waraanan injifachuu hin dandeessu.

''Hoggantoota 15 ajjeestuus kaayyoo ummataa namoota miliyoona 92 ​​ta'uu jijjirsisuun hin danda'amu,'' jechuun deebisan.

''Iraan boombii niwukilaraa akka hin oomishne yoo barbaadame dhorkuu yoo barbaadde waliigaltee qabaachuu barbaachisa.

''Warri Iraan Yuuraaniyeemii gabbate kiiloo giraama 408 qabaachuu isaaniif itti gaafatamummaa kan fudhatan Tiraamp fi Netaaniyudha,'' jedhan Itti aanaan hogganaa dhaabbata basaasa Israa'el duraanii Raamii Igraa.

Haleellaa Israa'el Iraan irratti raawwatteen qondaloota waraanaa olaanoo, saayinstistoota gabbisa niwukilaraa dabalatee ajjeefteetti.

Waraana guyyoota 12 booda jaarsummaa Pirezidantii Ameerikaan dhukaasa dhaabuuf walii galuun isaanii ni yaadatama.