Harka nagaaf diriiree du'a hammate: Mootiin Sa'udii waggaa 50 dura ilma obboleessa isaatiin ajjeefame

Mootii Faayisal bin Abdulaaziiz Al Sa'udii

Madda suuraa, C Maher/Daily Express/Hulton Archive/Getty Images

Bitootessa 23 bara 1975 Mootii Fayisaal warra Sa'ud Arabiyaa magaalaa guddoo biyyattii, Riyaad keessatti ajjeefame.

Ilma obboleessa isaatiin birumaa itti dhukaafamee ajjeefame.

Ministirri zayita boba'aa isaa, Ahimad Zaakii Yamanii, yeroo itti dhukaafametti mooticha cinaa dhaabbata ture.

Bara 2017 keessa intalli Ahimad Zaakii Yamanii, Dr. Maa'ii Yamanii, BBCtti dubbatteetti.

"Ani guyyicha gonkumaa hin dagadhu. Dhukkubbii isaa waanan argeef, hanga ammaa waan abbaa koo mudate nan yaadadha. Dhala namaa guddisaasaa, hogganaa isaa, hiriyyaa isaa bira osoo dhaabataa jiruu akka kanaatti itti dhiyeenyaan yeroo itti dhukaafamee ajjeefamu maal akka ta'u yaadi."

Mootiin Faayisaal osoo ilma obboleessa isaa dubbisuuf jecha dhungachuuf gadi itti jedhee jiruu rasaasni sadii walitti aansuun saffisaan itti dhukaafame.

Waggoota 15f ministeera amanamaa Mootii Faayisaal kan ture abbaan Dr. Maa'ii, Ahimad Zaakii Yamanii, yeroo sanatti mootichaaf ibsa kennaa ture. Kanaafidha kan inni isa cinaa ture.

Mootiin Faayisaal biyya gammoojjii zayita boba'aa uumamaan badhaatuu taate kanaaf mooti sadaffaa kan ture yoo ta'u, abbaa ykn hundeessaa biyyattiif ammoo ilma sadaffaadha. Bataluma rukkutame sanatti gara hospitaalaatti geessuuf yaalamellee osoo hin turuun lubbuun isaa dabarte.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Guyyaa sana magaalattii keessatti fageenya maayilii muraasarratti, intala wagga 18 kan turte Maa'ii Yamanii abbaashee eegaa turte.

"Appartaamaa abbaa koo kitaabota isaatiin marfame keessan ta'aa ture. Haala baayyee adda ta'een dhufee seene. Fuulli isaa baayyee gaddi ciniinnatee deema. Kallattiin gara kutaa saaloniitti seenaa takkaa ol fuudhee iyye, achiin booda jecha tokko baase – 'badisa."

Tasumaa isa hin fakkaatu ture, nama duraan baayyee amala tasgabbaa'aa qabaachuun beekamu, suuta jedhee dubbatuudha. Achiin booda maaltu akka mudate intalasaatti hime.

"Sa'aatii 10am irratti jilli zayita boba'aa Kuweet masaraa mootummaa keessatti Mootii Faayisaal waliin wal arguuf turan. Abbaan koo ammoo ministira zayita boba'aa waan tureef mootichaaf ibsuuf ture kan isa bira deeme," jetti.

"Ilmi mootii, itti fuudhaa isaa ammoo maqaa wal fakkaatu kan qabu, Fayisaal [ibu musaed], ilma obboleessa mootichaa kan ta'e, jila ministeera zayitaatti makamee ture. Mootiin Faayisaal ammo ilma obboleessa isaa kana hammatee dubbisuuf harka isaa diriirse.

"Ilmi obboleessa isaa kun shugguxxii xiqqoo tokko borsaa isaa keessaa baafatee mootichatti dhukaase, adda isaatti si'a sadii dhukaase. Abbaan koo ammo yeroosana isatti dhiyaatee dhaabbataa jira."

Yeroo sanatti akka gabaasaaleen tokko tokko agarsiisanitti, namni ajjeese kun Yamaniin baayye Mootichatti dhiyaatee dhaabbataa waan tureef isas ajjeeseera jedhee yaadaa akka ture poolisiitti himeera.

Achumaan Yamaniin Mootii Faayisaal gara hospitaalaa bakka du'a mootichaa itti mirkaneeffatan waliin deeme.

"Isaan booda, wanti hunduu callisaan guutame. Daandiin Riyaad qullaa ta'e callisatu [ture].

Faayisal bara 1964 ture kan mootii Sa'ud Arabiyaa ta'e. "Gammoojjii hanga Lixa Awurooppaa geessu" kan bite mootiin kun, "michuu haaraa Arabaa' Biriteen Baha Giddu-galeessaa keessatti biyya baayyee boodatti haftuu taate ammayyeessu jedhamuun jajamaa turuu gabaasaan BBC Daavid Dimbilbii yeroo sana dubbatee ture. Hata'u malee, osoo teessoo mootummaa isaa hin dhabiin kana gochuu danda'a turee?

Bara 1975 hoggantoonni biyyoota addunyaa sirna awwaalcha Mootii Faayisalirratti yeroo argaman

Madda suuraa, Claude Salhani/Sygma/Getty Images

Ilmaan angafa Abdulaazii Al Sa'udii keessaa tokko kan ture, Fayisaal galoo galaanaa Arabaa tokko gochuudhaaf duula abbaan isaa taasisaa ture keessatti qabsaa'eera. Kun ammoo isaan dura wagga 30 dura maqaa isaa qabatee mootummaan,biyyi [kingdom] Sa'ud Arabiyaa akka hundaa'u taasiseera.

Booda Faayisaal obboleessa isaa angafa kan booda yeroo abbaan isaanii du'e mootii ta'e jalatti ministira muummee ta'uu tajaajileera.

Fayisaal yeroo ofii isaa mootii ta'ettti, akka nama siyaasaa abshaalaa, nama Waaqayyoon sodaatu, jabaatee kan hojjetuufi nama haaromsaa, akkasumas gabaa addunyaa keessa jiru nama duukaa bu'ee hordofutti ilaalama ture.

Akkasumas, akka bulchaa qabeenya zayita boba'aa haaraa biyyattii argame fayyadamuun bulchiinsa, barnoota, fayyaa fi sirna haqaa ammayyaa Sa'ud Arabaiyaatti fiduuf barbaadaa tureetti ilaalama ture.

Haata'u malee, rifoormiin Fayisaal qaamolee caalaa barsiisa Islaamaa cichoomoo [conservative] ta'an kan maatiin isaallee itti dhiyeenya qaban jedhaman hin gammachiifne ture.

Baroora walakkeessa 60oota keessa yeroo Faayisaal buufata televizhinii Sa'ud Arabiyaa banetti, gamoo isaarratti haleellaan hidhannoon gaggeeffame, kan obboleessa nama booda isa ajjeesuuf jiru kanaan gaggeeffame tureera.

Mootii Fayisaal ijoollee dubaraaf barnoonni akka dhufu godheera.

Dr. Maa'ii Yamanii akkas jetti: "Giift Ifaat [haadha warraa isaa lamaffaa] ijoollee durbaaf bulchiinsa Sa'ud Arabiyaa keessatti barnoota jalqabsiisteetti.

"Dubartoota sagala jalqabaa mana-barumsaasheetti baratan keessaa tokko ta'uukootti nan boona. Mootii Fayisaal yoo dubartoota barsiiftan haadholii gaarii ta'u jechuun dhaabbileen amantaa amansiise. Dar Al Hanan, mana-barumsaa gara-laafummaa jedhama ture."

Yamaniin Mootii Fayisaaliif bara 1960 keessa ture kan hojjechuuf jalqabe. Nama calliseedhuma ta'e [kan miseensa maatii mootii hin taane] garuu baayyee barate ta'ee ogeessa seeraadha. Nama osoo maatii mootota Sa'udii hin ta'iin Mootichaaf hojjete ture.

Mootiin Fayisaal barreeffamoota tokko tokko inni barreessu waan dubbisaa tureef kanatu isa hawwatee ija irra godhate.

"Abbaan koo waajira seeraa jalqabaa bane, isaa booda barreeffamoota dimokiraasiifi bulchiinsa gaarii akka gaafatan kakaasu barreessaa ture. Nama Abuu Maa'ii [Abbaa Maa'ii] jedhamuun ture kan mallatteeffamu. Abuu Maa'iin ammoo abbaa dubartii Maa'ii jedhamtuudha. [Abbaan koo sababiin maqaa Kanaan barreessuufi mallatteessuu filateef] ani intala angafaa waan tureefidha. Kanaaf, Faayisaal, ilma mootii aangoorra jiru, akkas jedhee gaafate: 'Namni kun eenyu?' Sababiin isaas yeroo sana gorsaa seeraa barbaada ture."

Mootii Fayisaal booda Ahimad Zaakii, ykn kan ittiin beekamu Sheek Yamanii, ministira zayita boba'aa isaa godhate.

Waliin ta'uun mootichi fi hojjetaan isaa imaammata yeroo jalqabaaf Saa'udiin qabeenya boba'aa guddaa qabdu guutummaatti to'achuu fi addunyaa Arabaa fi waltajjii idil-addunyaa irratti aboo ittiin qabaattu bocaniiru.


Minstirri Zayita boba'aa Sa'ud Arabiyaa Sheek Ahimad Zaakii Yamanii Waxabajji bara 1978 yeroo ibsa kennutti

Madda suuraa, Bettmann Archive/Getty Images

Bara 1973tti waraana Israa'elii fi ollaa ishee Arabaa gidduutti uumameen booda, Sa'udiin kan yeroo ammaa addunyaa irratti boba'aa guddaa qabdu, yeroo jalqabaaf boba'aa akka meeshaa siyaasaatti fayyadamuun duula geggeessan.

Dhiyeessiin boba'aa biyyoota Israa'el deeggaran hir'achuu isaatiin gatiin boba'aa addunyaa akka ol ka'u taasiseera. Ergaa kana dabarsuuf kan ergame Sheek Yamanii ture.

"Wanti nuti barbaannu humnoonni Israa'el lafa Arabaa dhuunfatame keessaa guutummaatti akka ba'anidha. Sana booda boba'aan sadarkaa/gatii [kan yeroo sanaa] Fulbaana bara 1973 wal fakkaatuun ni qabaattu."

Gatiin boba'aa guddaa dabaluun madaalliin humnaa addunyaa biyyoota guddachaa jiranii, omishaa jiranii fi biyyoota industirii guddatan gidduu jiru ni jijjiirama jechuu akka ta'e hime.

Jijjiiramni madaallii humnaa sun kan hubatame, bara 1974 (waggaa ajjeefamuu isaa dura) mootiin Faayisal barruulee Time jedhamu irraa Nama Bara Sanaa jedhamuun yeroo filatame ture.

Dr Maa'ii Yamanii akkas jette: "Sababni dhugaan ajjeechaa mootichaa maal akka ta'e hin beeknu, namni ajjeese nama jeeqame ta'uu isaatiin alatti. Ani, yeroo sanatti umuriin koo waggaa 18tti dhukkubbiin abbaa koo natti dhaga'ame. Ammallee nan yaadadha."

Sheek Yamaniin waggoota 11 dabalataaf, hanga bara 1986tti ministeera zayita boba'aa Sa'ud Arabiyaa ta'ee hojjechaa ture.

Dr Maa'ii Yamaniin Yunivarsiitii Ameerikaatti kan baratte yoo ta'u, dubartii jalqabaa Sa'ud Arabiyaa irraa Oksifoord irraa PhD argatte ta'uun ishee ni yaadatama.

Kitaabota eenyummaa Arabaa irratti barreeffaman hedduu kan barreessite yoo ta'u, baankota akka Goldman Sachs fi dhaabbilee zayita boba'aa akka Shell'f gorsituu taatee hojjettee jirti.