Mohammad bin Salman: Iccitii jireenyaa ilma mootii Sawuudii Arabiyaa

Ilma mootii Sa'uudii Mohammad bin Salman

Amajjii 2015 dacheen qabeenya boba'aan beekamtu Sawuudii Arabiyaan naasuudhaan goolamte. Mootiin biyyattii maanguddoon waggaa 90 hospitaalatti du'aa jiraachuutu dhagahame.

Battala sanatti obboleessi mootichaa, Salman, mootii ta'uuf eegamaa ture. Irra caalaa garuu aangoof qophaa'aa kan ture ilma Salman- Mohammad bin Salman ture.

Salman ilmasaa, Mohammadiin, hunda caalsifata.

Ilmi mootii maqaa jalqabaasaarraa gabaajee bocuun maqaa MBS jedhamuun beekamu kun yeroo sana umriinsaa waggaa 29 ture.

Gonfoo Sawuudii Arabiyaa dhaaluuf karoora guddaa baafate, seenaa keessatti kun karoora isa guddaadha.

Garuu maatii moototaa Sawuudii keessaa kan shira itti xaxuun balaa keessa isa buusu akka jiru sodaata ture.

Ji'a sana keessa halkan tokko hojiisaa jalqabaa isa bu'uura ta'e raawwate. Qondaala nageenyaa olaanaa tokko masaraa mootummaatti waame, amanamummaa horachuun ala kaayyoon biraa hin turre.

Qondaalli nageenyaa, Saad al-Jabri jedhamu kun bilbilasaa ala minjaalarra kaa'ee akka ol seenu itti himame, Mohammad bin Salmanis akkasuma godhe.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Amma kan galma keessa jiran isaan lamaan qofa. Ilmi mootii yeroo sana dargaggeessa ture kun tika masaraa hedduu sodaata ture.

Tarii sookeetii girgiddaattii buqqisu yookiin bilbila tokkittii biiroo keessa jiru sana adda kutinnuu jedhee rifataa ture.

Sodaa, rifannaa, karoorri, kutannaa fi imalli MBS waan biraaf miti- Aangoodha. Akkamiin gonfoo mootii kufuuf sodaatamu kana olkaasee sadarkaa isaaf malurra kaa'uun addunyaarratti akka beekamu gochuu akka danda'urratti dubbachaa ture jedhe Jabri.

Dhaabbata boba'aa guddicha addunyaarratti bu'a qabeessummaan beekamu, Aramco keessaa cinaa gurguruun diinagdee biyyattii guutummaatti boba'aarratti hundaa'e geeddare.

Dhaabbilee teeknooloojii gurguddoo keessatti doolaara biliyoonaan lakkaa'amu invest gochuu eegale, Dhaabbata taaksii, Uber jedhamurraa eegale.

Dubartoonni carraa hojii keessatti akka hirmaatan haala aanjessuun, sababa kanatti namoonni miiliyoona ja'a carraa hojii argatan.

Qondaalli nageenyaa, Jabri, haalaa fi karoora akkasumas fedhii MBS kana guddoo raajeffate. Duuba gaaffii tokko gaafate. Fedhiin kee hagamitti? jedheen.

''Waa'ee Aleksaandar Za Greet (Alexander the Great) dhageessee beektaa?'' Kanuma deebiseef.

Mohammad bin Salman haasaa isaa asumarratti dhaabe. Halkan waarii sana sa'atii walakkaaf walarguuf karoorfatanii sa'atii sadiif waliin turan.

Jabri galma sana keessaa yaaddoodhaan ba'e. Tarii waahillansaa hedduun bilbilanii isa dhabuun, dhabame jedhanii yaadda'uu laata jedhee guddoo rifate.

Waggoota darban gareen dokumantari BBC michoota Sawuudii fi mormitoota MBS akkasumas qaamolee tikaa fi dippiloomaatota biyyoota Lixaa dubbisaa ture.

Mootummaan Sawuudii himannaa fi qeeqa irratti ka'u irratti akka yaadasaa kennuuf carraan kennameefii turus garuu fedhii hin agarsiifne.

Saad al-Jabri nageenyaa fi tika Sawuudii Arabiyaa keessatti aangoo olaanaa nama qabu ture, aanga'oota CIA fi MI6 waliinis guddoo walitti dhiyaatu turan.

Mootummaan Sawuudii Jabriif beekamtii hin kennu. Inni garuu waa'ee maatii mootota Sawudii fi waliigalatti waa'ee biyyattii sirriitti beeka.

Kanaaf waa'ee bulchiinsa ilma mootii ofitti amanamummaan dubbata. Gaaffii fi deebii muraasa BBC waliin taasise keessatti odeeffannoo ajaayibaa fi amansiisaa ta'e kenneera.

Waa'ee ilma mootii kana namoota isa beekan irraa iyyaafachuuf jecha taateewwan maqaansaa ittiin ka'u filanneerra.

Isaan keessaa ijoon ajjeechaa gaazexeessaa Sawudii Jamaal Kashoogjii irratti bara 2018 raawwatee fi waraana Yaman irratti labsame.

Namni umrii waggaa 38 Mohammad bin Salman, kunoo milkaa'ee kaayyoonsaa galmaan ga'achuun biyya madda Islaamummaa taatee fi boba'aa gara alaa erguun addunyaarratti beekamtuu taate Sawuudii bulchaa jira.

Karoorasaa ganama Saad al-Jabritti hime amma suduudaan hojiitti hiikaa jira, Sawuudii keessatti jijjiirama bu'uuraa hedduu fide.

Akkasuma ammoo dhiittaa mirga namoomaan guddoo himatama. Mirga yaada bilisaan ibsachuu sarbuu, du'aan nama adabuu fi dubartoota quuqamtoota mirgaa ta'an hiduudhaan himatama.

Ilma mootii Sa'uudii Mohammad bin Salman

Jalqabbii shakkii qabu irraa gara aangoo guddaatti

Mootiin jalqabaa Sawuudii Arabiyaa ilmaan dhiiraa 42 godhate. Abbaan MBS, Salmaan, isaan keessaa tokko.

Akka duudhaa warra mootiitti gonfoon mootii ijoollee kuneen gidduu marsa. Kanaan ala hin ba'u jechuudha.

Ijoollee mootii kunneen keessaa lama bara 2011 fi 2012 wayita Salman gonfoo qabate.

Yeroo kanatti MBS xiqqaa ture, toora namoota aangoof abadatamanii keessayyuu hin turre.

''Iccitiidhaan guddate, waa'eesaa sirriitti beekuun nama rakkisa ture,'' Sar Joon Sawers.

Hanga bara 2014 qondaala MI6 kan ture Sar Joon Sewars ''xiqqummaasaarraa yoo ilaallu nama aangoof yaadamu hin turre,'' jedhe.

Ilmi mootii kun amalli badaa fi waan fedhan raawwachuun haala nama hin adabsiifne keessatti guddate.

Haalli guddinasaa kun tarkaanfii fudhatu keessatti miidhaa fi faayidaasaa ilaalcha keessa akka hin galchine isa taasiseera.

Kanaafuu nama waan badaas ta'e waan gaarii akkaataa fedhasaan murteessu jedhamee maqaansaa beekama.

Mohammad bin Salman yeroo hunda maatii moototaa Sawuudii keessaa of fooyyessuu akka qabutti yaada, jedha qondaalli duraanii UK

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Mohammad bin Salman yeroo hunda maatii moototaa Sawuudii keessaa of fooyyessuu akka qabutti yaada, jedha qondaalli duraanii UK

MBS jalqaba maqaansaa hammeenyaan ka'uun beekamuu kan eegale yeroo umriinsaa waggaa kurna keessa turedha.

Daanyaa dhimma dhibdee qabeenyaan walqabaturratti faallaasaa murteessetti rasaasa dhukaase. Sababa sanatti Abu Rasasa (Abbaa Rasaasaa) maqaan jedhu kennameef.

''Gara jabina wayii qaba. Akka namni itti darbu hin fedhu. Ammoo imala aanga'oonni kaan imalanii hin beeknes imaleera,'' jedhe Sar Joon Sawers.

Jaarmiyaa tikaa UK- MI6 jedhamutti aanga'aa kan ture Sawers akka jedhutti tarkaanfiin addaa Mohammad bin Salman fudhate masjiidotaa fi manneen barnootaa Islaamaa Sawuudiin ala jiran irraa gargaarsa kutuu isaati.

Akka qondaalli tikaa duraanii kun jedhutti MBSn tarkaanfii kana wayita fudhatu jaarmiyaan gargaarsa irraa kute kunneen madda Jihaadistoota Islaamaati jedhee waan amaneef.

Tarkaanfiin MBS kun dantaa biyyoota lixaa waliin kan deemuudha.

Haati MBS, Fahdaa jedhamti. Gosti ishee warra Bedouin. Abbaan MBS haadholii warraa qabu afur keessaa ishee caalchifata.

Dippiloomaatonni biyyoota lixaa akka amananitti mootii Salman waggootaaf rakkoo waa yaadachuun qabamee rakkataa ture. MBSn ilmasaa inni gargaarsaaf abdatu ture.

Ilmi mootii kun hamma abbaansaa mootii ta'utti obsa dhabee ture. Bara 2014 ajjeechaa abbaa gonfoo yeroo sanaa- Abdullaa keessaa harka qaba jedhamee gabaafame.

Eessumni MBS kun qubeelaa summeeffame kan Raashiyaarraa argame jedhameen ajjeefamuutu himamama.

''Of jajuuf kana godhe ta'ee hin beeknu garuu nuti xiyyeeffannaadhaan ilaalle,'' jedhe Saad al-Jabri.

Aanga'aan tikaa duraanii Sawuudii kun wayita MBS yaada kanarratti dubbatu viidiyoo dhoksaan waraabame (surveillance video) akka arge hime.

''Yeroo hedduuf mana murtiirraa ittifame, mootii harka fuuchuu dhorkamee ture,'' jedhe Saad al-Jabri.

Haala kana keessatti mootichi du'uma uumamaa du'e. Kun ammoo obboleessi isaa, Salman akka aangoo qabatu carraa baneef.

Wayita kana MBSn ammoo Ministira Ittisaa ta'ee muudame, yeroo xiqqoo booda waraanatti seene.

Waraana Yaman

MBS hoogganaa humna waraanaa ta'ee erga muudamee ji'a lama booda qindoomina humnoota waraanaa Galoo Galaanaa (Gulf) garee hidhattoota Huutii Yaman keessaarratti duulu dursuun waraana labse.

Humni waloo deeggarsa warra lixaa qabu kun waraana Yaman irratti baneen kutaalee biyyattii gara lixaa hedduu qabate.

Waraanni kun qoccolloon biyyoonni naannawa walii jiraatan, Sawuudii Arabiyaa fi Iraan waliin qaban kan irratti mul'atedha.

''Tarkaanfii ifaa hin turre,'' jedhe waraanni eegalamuu dura ambaasaaddara Biriteen kan ture Sar Joon Jenkins.

Duulli waraanaa kun ilma mootii Sawuudii hagas mara beekamaa hin turre goota biyyalessaa isa taasise.

Akkasumas ammoo hiriyootaaa fi deeggartootasaa dabalatee namoonni isa qeeqan waraanni kun kan ilmi mootii kun dogoggoroota gurgddaa itti raawwateedha jedhuun.

Aanga'aan nageenyaa duraanii Saad al-Jabri, MBSn kan abbaasaa (mootii) fakkeessuun dhimma waraana bobbaasuurratti akka waan ajaji kennametti mallattoo sobaa mallatteesseera jechuun himate.

Jabri akka jedhutti waraanni Yaman eegaluu dura Mohammad bin Salman dhimma waraanicha Waayit Haawus keessatti mari'ataa ture.

Yeroo sana, bara bulchiinsa Pirezidant Baraak Obaamaa, Gorsituu Nageenyaa Biyyaalessaa kan turte Suuzaan Raayis, US humna qilleensaa qofaan akka deeggartuu fi kaan keessatti akka qooda hin fudhanne akeekkachiiftee turte.

Haata'u malee MBSn waraanni Yaman keessatti akka eegalu kutannoo olaanaa agarsiisuun, inumaa ajaja Ameerikaa hedduu moggaatti dhiisuun dafee waraanatti gale jedha Saad al-Jabri.

''Waraanni lafoo akka seenu ajaji mootiirraa dhufuu wayita dhageenyu baayyee nu ajaa'ibe,'' jedhe Jabri.

''Ajaja sanarratti mallattoo sobaa kan kaa'e MBS. Sammuun mootichaa guddoo dadhabee waan tureef.''

Jabri himannaa kana wayita dhiheessu ''qabatamaa fi amansiisaa ta'uu'' hima. Inumaa odeeffannoon kun Ministeera dhimma biyya keessaa iddoo ilmi mootii kun ajajaa olaanaa humna waraanaa ta'ee hojjetaa turerraa ba'e jedhe Jabri.

Saad al-Jabri qondaalli CIA magaalaa Riyaad jiru waraanni Yaman eegaluutti hagam akka gaddaniifi mufatan yaadata.

Osoo MBS Ameerikaa dhagaheera ta'ee silaa yoona Yaman hin weeraramtu, rakkoon sun hundis hin dhalatu jechuusaa quba Jabri.

Aanga'aan duraanii MI6 Sar Joon Sawers Mohammad bin Salman dokumantiiwwan sobaan dhiheessuu hin mirkaneeffanne, garuu ''Yaman akka weeraramtuu fi waraanni akka eegalu kan godhe tarkaanfii MBS dha. Tarkaanfii abbaasaatiin miti waraanni kan eegale. Abbaansaa garuu waraana kana waliin maqaansaa ka'eera,'' jedhe.

Jalqaba irratti MBS akka waan dhimma tarkaanfii mootota Sawuudiin hojiirra oolu keessaa ala ta'eetti ilaalamaa ture.

Dargaggeessi waa'eensaa walxaxaa ta'ee fi tarkaanfii mataasaa fudhachuu malee seera qaama biraa kamuu fudhachuuf qophii hin taane boodarra waan biraa ta'ee argame.

Bara bulchiinsa Doonaald Tiraamp kaawunsilii Nageenya Biyyaalessaa keessatti qondaala kan turte Kirten Fontenrose, waa'ee haalaa fi amala ilma mootii kana sirriitti osoo hin hubatin akka hafte himte

''Bakki isa itti ramadan hin jiru. Kuufama hedduu, leecalloo guddaa harkaa qaba. Nama takkaa 'lakki' jedhamee hin beeknedha. Aanga'aan biyyaa umriinsaa xiqqaa kan dhaloonni akka keenyaa aangoo mootummaarra jirru hubachuu dadhabne na mudatee hin beeku,''

Seerota dhuunfaasaa bocuu

Mohammad bin Salman bara 2017 keessa bobbocha fakkii harkaan kaafame maallqa guddaan bituun mata duree oduu addunyaa ta'ee ture.

Taateen sun akkaataa ilmi mootii kun itti yaadu hanga tokko addunyaatti mul'ise.

Akkasumas waan itti dhufu hunda dura dhaabbachuuf ofitti amanamummaa qabaachuusaa, duudhaa biyya bu'uurri ishee amantii ta'ee fi bulchaa jiruun ala deemuun tarkaanfii barbaade fudhachuurraa duubatti nama hin jenne ta'uu agarsiise.

Waliigalatti akkaataa warri lixaa itti aangoo hubatanii fi kaanis akka hubatan fedhan jijjiiruuf kutannoo akka agarsiisetti hubatame.

Bara 2017 suuraan Leonardo da Vinci kaase kan Yesuus Kiristoosutti fakkeeffame nama ilma mootii Mohammad bin Salmaniif hojjetuun bitame.

Maallaqa guddaadha jedhame, kan bobboci suuraa Salvator Mundi jedhamu ittiin bitame, doolaara miiliyoona 450, kan baase MBS dha jedhama.

Hojiin harkaa akkanaa maallaqa guddaa haganaan wayita bitamu kan jalqabaati.

Erga bara sanaatii (erga caalbaasii sanaa as) waggaa torbaaf suuraan kun mul'atee hin beeku.

Suuraan harkaan kaafamee fi fakkii Yasuus Kiristoos jedhame- Salvator Mundi kan umrii waggaa 500 qabu Leonardo da Vinci kaasuun isaa falmii qaba

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Suuraan harkaan kaafamee fi fakkii Yasuus Kiristoos jedhame- Salvator Mundi kan umrii waggaa 500 qabu Leonardo da Vinci kaasuun isaa falmii qaba

Suuraan kun masaraa yookiin doonii MBS keessatti maxxanfamee jira jedhamee odeeffamus, hiriyaa MBS kan ta'ee fi Yuniversitii Pirinsitan (Princeton University) jedhamutti Pirofeesar qorannoo fi qo'annoo dhimma biyyoota Bahatti dhihoo jiranii (Near Eastern Studies) kan ta'e Bernaadr Haayikel, garuu suurichi Jeniivaa akka jiru hime.

MBS ammoo suuraa kana godambaa magaalaa Sawuudii Arabiyaa ganaa ijaaramuuf jiru keessa akka kaa'u fedhii qabaachuu hime.

''Magaalaa Riyaad keessatti godambaa guddaa ijaaruun fedha. Achi keessatti ammoo waan guddaa addunyaa hawwatu kaa'uun fedha. Akka suuraan Monaa Liizaa addunyaa hawwate,'' jechuun gabaase Haayikel MBS wabeeffachuun.

Karoorri ilmi mootii kun damee ispoortiif qabus nama waan haaraa biyyattiitti fiduuf fedhii olaanaa qabuu fi duudhaa jiru bira darbuun fagoo deemuuf kaayyeffate ta'uu mul'isa.

Yeroo dhihoo as bakki Sawuudii Arabiyaan damee ispoortiif kennaa jirtu akkaan olaanaadha. Waancaa Addunyaa 2034 qopheessuuf qaama kubbaa miillaa addunyaa bulchu- FIFA kan gaafatee jiru ishee qofa.

Dirree dorgommii teenisii fi golfi qopheessuuf doolaara miiliyoonaan lakkaa'amu ramaddeetti.

Istaadiyeemota kana keessaa tokko lafarraa bakka meetira 350 ol fagaaturratti ijaarama.

Istaadiyeemii Nihoom, magaalaa hanga ammaatti hin ijaaramne, kan kaaba dhiha biyyattii keessatti argamtutti ijaaruuf yaadame liiftii guddaa qabuufi konkolaataa konkolaachisaa hin qabne qofaan dhaquun danda’ama.

Kanarraa wanti hubannu MBS bulchaa waan warri lixaa jedhaniif bakka hin kennine, waan ofiisaa fedhe qofa hojjechuun olaantummaa dhuunfaasaa fi Sawuudii mirkaneessuuf kutate ta'uusaati.

Aanga'aan duraanii MI6 Sar Joon Sawers ''MBS akka bulchaa humna qabuutti aangoosaa jabeefaachuurratti nama xiyyeeffatudha. Karaan tokkittiin ittiin kana milkeessu ammoo biyyasaa cimsuudhaani. Inni kanaaf hojjetaa jira,'' jedhe.

Ajjeechaa Kashoogjii

Bara 2018 gaazexeessaan Sawuudii Arabiyaa Jamaal Kashoogjii Qonsilaa Sawuudii Istaanbul jirutti ajjeefamuun walqabatee haalli ture, waa'ee MBS kana jedhanii murteessuun akka nama dhibu kan addunyaatti mul'ise ture.

Gareen ajjeechaa Kashoogjii raawwatan eegadota MBS hedduu dabalatee namoota paaspoortii Sawuudii qaban turan.

Reenfi Kashoogjii homtuu hin argamne. Maashina lafee daakuun daaraa godhanii balleessuutu himama.

Pirofeesar Haayikel ajjeechaa booda baayyee osoo hin turin gama WhatsAppn Mohammad bin Salmaniif ergaa ergee ture.

''Kun akkamiin ta'e? jedheen gaafadhe. Akkan yaadutti yeroo sana akkaan rifatee ture. Tarkaanfiin fudhatame akkana nama yaachisa jedhee hin hubanne ture,'' jedhe hiriyaan MBS Pirofeesar Haayikel.

MBS ajjeechaan Jamaal Kashoogjii kan mootummaansaa itti karoorsee raawwate ta'uu amanee hin beeku.

Ammoo bara 2019 itti gaafatamummaa fudhatee ture, sababni isaa ajjeechaan sun osoo inni quba qabuu raawwate waan ta'eef.

Ragaan tika US irraa Guraandhala 2021 argame ilmi mootii kun ajjeechaa sana qindeessuu keessaa akka harka qabu ibsa.

Ajjeechaan gaazexeessaa gameessa Sawuudii Arabiyaa Jamaal Kaashoogjii bulchiinsa MBS irratti qeeqa kaaseera

Madda suuraa, Reuters

Mohammad bin Salman ajjeechaa Kashoogjiin rifatee gocha jara jabinaa fi waan ofii murteesse qofa raawwachuurratti of ilaala jedhamee yaadamaa ture.

Garuu kun ittuu onneesaa jabeesse, gara laafina wanti jedhamu irratti hin mul'anne.

''Gara jabina irraa barate. Ittuu garaa jabaate,'' jedhe Pirofeesar Haayikel.

Dhimmi kanaan walqabatee himati dhihaate maqaa Sawuudii fi maqaasaa balleessuuf waraana banameedha jedhe MBS.

Garuu ajjeechaa Kashoogjii irratti raawwatame kan fakkaatu lamuu raawwatuu akka hin qabnes gaabiidhaan ibseera.

Sar Joon Sawers waa'een ajjeechaa Kashoogjii bulchiinsa MBS keessatti qabxii murteessaa ta'uu of eeggannoon ibsa.

''Waa irraa barateera jedheen yaada. Garuu haalaa fi amallisaa akkuma duriiti,'' jehde.

Abbaan MBS, mootii Salman, yeroo ammaa umriinsaa waggaa 88. Wayita inni du'u, MBS yoo lubbuun jiraate waggoota 50 itti aananiif Sawuudii Arabiyaa bulchuu danda'a.

Haata'u malee MBS hariiroo Sawuudiifi Israa'el irratti ejjennoo madaalawaa qabaachuunsaa lubbuusaaf isa sodaachisa.

''Namoonni isa ajjeesuuf kiyyoo kaa'aniif hedduun waan jiran natti fakkaata. Innis kana beeka,'' jedhe Pirofeesar Haayikel.

Yeroo hunda dammaqanii qophaa'anii taa'uun nama akka MBS kana baraaruuf murteessaadha.

Ilmi mootii kun ammallee biyyasaa ammayyeessuuf hoji manee fudhatee hojjetaa jira.

Hojiin inni itti jiru akkaataa mootoleen isa dura turan itti hojjetaa turan irraa akkaan adda.

Ammoo abbaa irree gara jabinaan beekamu, kan namoonni naannoosaa dogoggora inni hojjeturraa dhorkuu hin jaallanne ta'uudhaan MBS nama jalqabaa miti.